10/02/2023
GADAA NEWS N Guraandhala 03,2015-Haala Yeroorratti Ibsa Ejjennoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa.
Ibsa Ejjennoo Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa kenname.
Amantaa dayeeffachuun dantaa siyaasaa galmaan gahachuuf socho'uun fudhatama hin qabu!
Mootummaan naannoo Oromiyaa labsiiwwan mirga, aadaa, safuufi amantaa ummataa hacuucan diiguun sirna gama hundaan ummataaf mijaa’u, kan jaalala labsee jibba balfu, tokkummaa cimsee diigumsa hambisu sirna jabaa uummataan uummataaf ijaaraa jira. Sirni jabaan uummataaf tolu ijaaramuun mirga namoomaafi diimokiraasii jabeessee uummanni mirgaafi dirqama isaa hubatee jaalalaafi tokkummaan garaa garummaa isaa waliif kabajuun wal danda’ee akka jiraatuuf utubaa cimaadha.
Wayita kana humnoonni olaantummaa baranii wal qixxummaa balfan, kootii malee keenyaa hin beekne ijaarsa sirnaa jabaafi utubaa dimokiraasii lafa dhaabuuf hojii hojjetamaa jiru danquuf ajandaa biyyaaf hin tolle facaasuu hojii isaanii taasifachaa jiraachuun irra gahameera.
Qaamoleen biyya olaantummaan seeraa keessatti kabajameefi sabdaneessummaan keessatti mirkanaa’e arguu hin barbaadne yeroo hunda qormaataawwaniif balbala banu. Fedhiin isaanii imala jijjiiramaa eegalle dhiisuun gadi buunee isaan waliin dirree jeequmsaa keessa akka turru barbaadu. Kanaafis gama tokkoon amantaa gama biraan ammoo sabummaa da’oo taasifachuudhaan fedhii siyaasaafi dantaa dhuunfaa isaanii guuttachuuf halkaniifi guyyaa hojjechaa jiru. Haa ta’u malee, ajandaa daldaaltonni siyaasaa gaaddidduu kaleessaa golgaa godhatanii har’a hojjechuu barbaadan gonkumaa milkaa’uu akka hin dandeenye lammiileen Itoophiyaa imala jijjiiramaa tokkummaa sabdaneessummaan utubame deeggaruun mirkaneessanii jiru.
More info.https://t.me/gadaaones/59