Homa Media

Homa Media Miidiyaaf hawaasaa

Yaa Rasuulullah (S A W) Bara citiinsa ergamaatiinWollaalti addunyaa dhaaleeBara jireenyi ilma namaaKan horiitiin wolmada...
08/04/2024

Yaa Rasuulullah (S A W)

Bara citiinsa ergamaatiin
Wollaalti addunyaa dhaalee
Bara jireenyi ilma namaa
Kan horiitiin wolmadaalee
Isaa abbaan naasuu tokko malee
Ilmoo jirtuu qabee awwaale

Wollaala akkanaatu turee
Osoo nabiin hin dhufne
Cubbuu hedduu hojjachuun
Namni dhaabbate mugnee?

Cubbuu kana irraa deebisuuf
Gaafa baatu biiftuu biyya makkaa
Nama amanamaa akkasii
Eessattuu mul'atee beeku takkaa

Baatii Raabi'ul awwal keessaa
Barri isaas jedhameera bara arbaa
Nabiin (s a w) dhalatee as bahee
Wollaala taasifachuuf garba

Gaafa san irraa kaatee
Biiftuu hanga har'aa baatu
Kan addunyaan martuu
Ifaa isheerraa qabsiifatu.

Gara laafaa namaa
Kan haalli isaas gaarii
Muhammad-amiin ta'uusaanii
Hundi Kee koottuu bari

Joriso M.Gemmedi


01/04/2024

Sakkaallaa kutuuf utaali

Kufaatii kee dudubbattee
Ollaan akka hin dhageenye
“Nan danda'a!” Jedhii itti himi
Akka moo'amuu hin dandeenye

Gadditee gadda faarsurra
Kolfaan gammaduu wayya
Utaali hanga dandeessu
Meeluun miilaas ni fayyaa

Miila madaa'ee dhiiguu
Gufuun itti hedduumatti!
Qottoodhaan itti fiiguu
Muka jigee ciisuuttii!

Ganni hiyyeessaan tolu
Manatu itti dhimmisaa
Duumeessaan fuula guura
Yandootu isa dhiphisaa

Kufaatii kee faarsitees
Ati garuu, hin gaddinii
Dhaba keef of aarsitees
Milkii hin dhabdu maddiini

Nama kaayyoof okkolu
Naafa see'ullee namni
Waan ilaalchaa isaaf tolu
Filee jiraata gamni

Jilbiiffattee daakkattee
Akka soortu aayyoonii
Jilba namaa luqqaastee
Galma geessi kaayyoni!

Sareen manaa dutteedhaaf
Imala hin dhaabu gaalli
Jajjabaadhu abdii hin kutiin
Mijachuu baattus haalli

Eelayyuu sitti qotan
Kuftee keessa hin ciisinii
Hangam sakaallaa butan
Tarkaanfachuu hin dhiisinii

Dadhabdee ofirra hin taa'iin
Hamma dandeessu yaali
Dadhabaafuu humna taataa
Gatantaruun hoo maalii?
Harkisaan malee hin citu
Sakaallaa kutuuf utaali !

Address

Shashemene

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Homa Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share