Kominikeeshinii Mootummaa Magaala Sulultaa

Kominikeeshinii Mootummaa Magaala Sulultaa Odeeffannoo sirrii

30/11/2024
30/11/2024

Dhaloota safuufi naamusa gaariin ijaaruun badhaadhina hunda galeessaaf!
= = =
Malaammaltummaan hojimaata badaa diinagdee biyyaa danquufi gufuu ijaarsa biyyaafi sirnaati. Mootummaan qabsoo farra malaammaltummaa irratti taasisu cimsuun dhaloota naamusa qabu ijaaruun biyya saamicha irraa hambisee badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuuf hojjechaa jira.

Kanaafuu dhaloota safuufi naamusa gaariin ijaaruun badhaadhina hunda galeessa dhugoomsuuf hunduu malaammaltummaa irratti qindoominaan qabsaa'uu qaba.

Odeeffannoo Dabalataa Argachuuf
Facebook:
https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube:
https://www.youtube.com/
------
TikTok: tiktok.com/
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com

30/11/2024
30/11/2024

Malaammaltummaan Farra Guddina Biyyaati!
----
Addunyaa kana irratti malaammaltummaan hojimaata badaa farra guddinaa fi misooma biyyaati. Keessattuu biyyoonni malaammaltummaan keessatti hammaatu guddinni fi misoomni akka duubatti deebi'u taasisa.

Hawaasni ykn tajaajilamaan dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa irraa amantaa akka hin qabaanne taasiisa, guddina dinagdee ni gufachiisa, haqa ni jallisa, olaantummaa seeraa akka hin kabajamne taasisa.

Mirga namoomaa gaaffii keessa galcha, nageenyaa fi tasgabbiin akka hin jiraanne taasisa, lubbuu namaa wal galaafachuutu heddummaata, qabeenyaa mancaasuun hiyyummaadhaaf wal saaxiluutu dhufa, dhaabbileen mootummaa akka barbaadaa'an taasisuun biyyi akka diigamtu taasisa.

Waan kana ta'eef gocha malaammaltummaa fi hojimaata badaa raawwatamaa jiru callisanii ilaaluun biyyi akka diigamtu deeggaruu ykn haala mijeessuu jechuudha.

Dhaabbanni Mootumoota Gamtoomanii fi Gamtaan Afrikaa miidhaa malaammaltummaan kallattii hundaan fiduu danda'u hubachuun qindoominaan hojjachuun akka barbaachisu waliigalteerra gahuun qabsoo farra malaammaltummaa raggasisaniiru. Biyyi keenyas biyyoota waliigaltee kana raggasisan keessaa tokko taatee jirti.

Mootuummaan Naannoo Oromiyaasi kaayyoo Biyyi teenyaqabatee deemaa jirtu galmaan gahuuf qabsoo farra malaammaltuummaa abbummaan kan qindeessu komishinii farra Malaammaltummaa hundeessuun hojjatamaa jira.

Hojiiwwan gama kanaan hojjatamaa jiran kan abdii namatti horan heddu jiraatanillee amalli Malaammaltummaa yeroodhaa gara yerootti jijjiramaa waan ta'eef ammas, qabsicha kan uummataa taasiisuu fi qindeessuu gaafata.

Guyyaan farra Malaammaltummaa Addunyaas kanuma bu'uura taasifachuudhaan bara baraan kabajamaa jira. Guyyaan farra Malaammaltummaa Addunyaa kun dhiibbaa hamaa malaammaltummaan gaaga'ama hawaasummaa fi dinagdee Addunyaa irratti fiduu danda'u irratti sosochii fi hubannoo uumuuf kan gaggeeffamudha.

Guyyaan kun malaammaltummaa ittisuuf, iftoomina mirkaneessuuf, dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa keessatti duudhaalee, safuu fi naamusa gaarii kabachiisuuf waadaa keenya irra deebi'uudhaan haaromsuuf kan tajaajiludha.

Guyyaan farra malaammaltummaa akka Addunyaatti yeroo 21ffaa, akka biyya keenyaatti yeroo 20ffaa fi akka Naannoo Oromiyaatti yeroo 19ffaadhaaf mata duree "Dhaloota Safuu fi Naamusa Gaariin Ijaaruun Badhaadhina Hundagaleessaaf" jedhuun kabajamaa jira.

Hawaasni safuu fi naamusni gaariin bu'uura ittisa yakka Malaammaltummaa ta'uu hubachuu fi hubachiisuun dhaloota biyyaaf yaadu, malaammaltummaa fi hojimaata badaa hadheeffatee balaaleffatu horachuuf gahee isaanirraa eegamu akka bahatu taasisuun murteessaadha.

Qabsoo farra malaammaltummaa karaa dhugaa fi saayinsawaa ta'een gaggeessuuf dursa ofii malaammaltummaa jibbuun hidda malaammaltummaa gogsuuf tokkummaa fi qindoomina cimsuun hojjetamuun barbaachisaadha.

Odeeffannoowwan keenya ariitiin argachuuf:

Facebook: https://www.facebook.com/shaggarcitycommunication1?mibextid=ZbWKwL

Telegram: https://t.me/shagarcitycommunication

TikTok: https://www.tiktok.com/?_t=8qtSqBQO8QQ&_r=1

YouTube: https://www.youtube.com/

WhatsApp: https://chat.whatsapp.com/ClggvainVIDKGZ5WqFar

Address

Sululta

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kominikeeshinii Mootummaa Magaala Sulultaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Kominikeeshinii Mootummaa Magaala Sulultaa:

Share