Tore Media Network TMN

Tore Media Network TMN Galaantuu Oromo

18/07/2026
18/07/2026
18/07/2026

Hooggansi Dinagdee....

Tore Media Network TMN
18/07/2026

Tore Media Network TMN

Argannoo Balbala Galaanaa: Nageenya Saayiberii Keenyaa fi Cehumsa Tekonoolojiitiif(Ergaa Ganama)Abbummaan balbala galaan...
11/07/2026

Argannoo Balbala Galaanaa: Nageenya Saayiberii Keenyaa fi Cehumsa Tekonoolojiitiif

(Ergaa Ganama)

Abbummaan balbala galaanaa jaarraa 21ffaa keessatti daldala meeshaalee fi koonteenaraa aadaa irra darbee, birmadummaa (ol'aantummaa) dijiitaalaa biyyaa, humna diinagdee fi nageenya saayiberii murteessuuf ulaagaa istiraateejii isa duraa ta'ee jira.

Har'a keebeleewwan intarneetii fi daataa gurguddoon guutuu addunyaa dambalii hidhata dijiitaalaatiin walitti hidhanii fi dhiheenya odeeffannoo addunyaalessaa keessatti akka lafee dugdaatti tajaajilan bu'uraalee misoomaa bal'aa jala galaanaatiin diriirsu.

Kanafis, qarqara galaanaa qabaachuun faayyadamaa fi to'ataa guddaa dhangala'aa odeeffannoo addunyaalessaa ta'uuf, akkasumas bilisummaa tekonoolojii ofii labsuuf ka'umsa bu'uraati.

Biyyoonni akka Jibuutii, Keeniyaa fi Afriikaa Kibbaa qarqara galaanaa isaanii sirnaan fayyadamuudhaan keebeleewwan daataa addunyaalessaa hedduu keessummeessuu danda'aniiru.

Kanaanis, naannichatti giddugala dijiitaalaa fi tekonoolojii dhiibbaa uumu ta'uuf gahaniiru.

Muuxannoon qabatamaan kun akka agarsiisutti, balbala galaanaa qabaachuun lammiileef tajaajila intarneetii ariifataa fi amanamaa ta'e dhiheessuuf qofa osoo hin taane, bu'ura misooma dijiitaalaa jabaa ijaaruufi investimentii kallattii alaa olaanaa hawwachuuf gahee guddaa qaba.

Faallaa kanaan, balbala galaanaa fi filannoo buufata doonii mataa ofii dhabuun, iccitii odeeffannoo biyyaa, dallaa nageenya saayiberii fi diriirsa bu'ura misooma dijiitaalaa guutummaatti hayyamaa fi waliigaltee biyyoota ollaarratti akka rarra'u taasisa.

Abbummaan kun biyya saaxilamummaa tekonoolojii fi sodaawwan nageenyaa garaa garaatiif kan saaxilu yoo ta'u, birmadummaan guutuun fi kabajni biyyaalessaa biyya tokkoo mirkanaa'eera kan jedhamu, dachee fi qilleensarratti qofa osoo hin taane, karaa galaanaatiin dhangala'aa diinagdee fi odeeffannodhufan akkasumas bu'uraalee misoomaa jala galaanaa humna guutuu ofiitiin to'achuu fi bulchuu yoo danda'ame qofadha.

Address

Tore

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Tore Media Network TMN posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share