Waajjira Fayyaa A/J/Dhummuugaa የጅሌ ጥሙጋ ወረዳ ጤና ጽ/ቤት

  • Home
  • Waajjira Fayyaa A/J/Dhummuugaa የጅሌ ጥሙጋ ወረዳ ጤና ጽ/ቤት

Waajjira Fayyaa A/J/Dhummuugaa
የጅሌ ጥሙጋ ወረዳ ጤና ጽ/ቤት Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waajjira Fayyaa A/J/Dhummuugaa
የጅሌ ጥሙጋ ወረዳ ጤና ጽ/ቤት, .

This is the official page of the Jile Timuga Woreda Health Office,
Jile Timuga Woreda Health Office responsible for Jile Timuga Woreda's people Health.

18/09/2025
የጤና ትራንስፎርሜሽን ስልጠና በሁሉም የወረዳው ክላስተር ተሰጠ-------------------------------------ሰንበቴ: 06/01/2018 ዓ.ም(ጅሌ ጥሙጋ ወረዳ ጤና ጽ/ቤት)በጅሌ ...
16/09/2025

የጤና ትራንስፎርሜሽን ስልጠና በሁሉም የወረዳው ክላስተር ተሰጠ
-------------------------------------
ሰንበቴ: 06/01/2018 ዓ.ም(ጅሌ ጥሙጋ ወረዳ ጤና ጽ/ቤት)በጅሌ ጥሙጋ ወረዳ ስር ያሉሁሉም የጤና ጣቢያ ባለሙያዎች እና ጤና ኤክስቴንሽን ሰራተኞች በተገኙበት የWoreda Transformation Manual ዙሪያ ስልጠና ተሰጥቷል። በስልጠናው የWoreda Standard Commitie,PHCU Model Criteriaእንድሁም HP Model Kebele Standard,EHCRIG Guideline,IR በአጠቃላይ የWoreda Transformation Document ላይ Presentation ቀርቦ ሰፊ ውይይት ተደርጎበታል።በመጨረሻም በሁሉም ክላስተሮች በቀጣይ በ Woreda Transformation Ajenda መሰራት ባለባቸው ስራዎች ዙሪያ ጠንካራ የስራ ስምሪት ተሰጥቷል።

መረጃ:-ከጅሌ ጥሙጋ ወረዳ ጤና ጽ/ቤት ከሚድያ እና ከጤና ትምህርት ክፍል የተገኘ

Kilaastra Luugotti leenjiin Tiraanisfoormeeshiinii aanaa fi Qorannoon PMT gaggeeffameFulbaana 06, 2018 (Waajjira Eegumsa...
16/09/2025

Kilaastra Luugotti leenjiin Tiraanisfoormeeshiinii aanaa fi Qorannoon PMT gaggeeffame

Fulbaana 06, 2018 (Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa Jiillee Dhummuugaa, Sanbatee)

Bulchiinsa naannoo Amaaraa Godina Saba Oromoo Aanaa Jiillee Dhummuugatti leenjiin Tiraanisformeeshiinii aanaa ogeessoota ekisteenshiinii Fayyaa kilaastara Luugooti fi Garee manaajimantii Buufata Fayyaa Luugootif kennamee jira.

Leenjichaan boodatti qorannoon PMT akka qaamoleen dhiimmichi ilaalu hundi argamanitti qorannoon gadi fagoon gaggeeffamuudhan kallattiin gara fuulduraa kaahamuudhan marichi golobamee jira.

በወረዳ ጤና ትራንስፎርሜሽን ላይ ስልጠና መስጠት ተጀመረ-------------------------------------በቀን 05/01/2018 ዓ.ም(ጅሌ ጥሙጋ ወረዳ ጤና ጽ/ቤት) የጅሌ ጥሙጋ ወ...
15/09/2025

በወረዳ ጤና ትራንስፎርሜሽን ላይ ስልጠና መስጠት ተጀመረ
-------------------------------------
በቀን 05/01/2018 ዓ.ም(ጅሌ ጥሙጋ ወረዳ ጤና ጽ/ቤት) የጅሌ ጥሙጋ ወረዳ ጤና ጽ/ቤት ሁሉም አፊሰሮች በዛሬው እለት በ Woreda Transformation ዙሪያ ስልጠና መስጠት ጀመረ።በዛሬው ስልጠና Woreda Standard Commitie,PHCU Model Criteriaእንድሁም HP Model Kebele Standard,EHCRIG Guideline በአጠቃላይ የWoreda Transformation Document ላይ Presentation ከተደረገ ቡኀላ ሰፊ ውይይት ይደረግበታል

መረጃ :-ከጅሌ ጥሙጋ ወረዳ ጤና ጽ/ቤት ከሚድያ ክፍል የተገኘ

Kilaastara Sanbateetti Sagantaan baniinsa garee fayyaa maatii (Family Health Team) godhameFulbaana 02, 2018 (Waajjira Fa...
12/09/2025

Kilaastara Sanbateetti Sagantaan baniinsa garee fayyaa maatii (Family Health Team) godhame

Fulbaana 02, 2018 (Waajjira Fayyaa Aanaa Jiillee Dhummuugaa, Sanbatee)

Bakka gaggeessitoonni Aanaa Jiillee Dhummuugaati fi gaggeessitoonni Bulchiinsa magaalaa Sanbatee argamanitti Sagantaan baniinsa garee fayyaa maatii (Family Health Team) godhame jira.

Sagantaa kanarratti itti gaafatamaa Waajjira eegumsa Fayyaa Aanaa Jiillee Dhummuugaa obbo Ahmad Umarii fi gaggeessitoonni olaanoon bulchiinsa magaalatii fi aanaa bakka argamanitti sagantaan baniinsaa kun gaggeeffamee jira.

Qorannoo qulqullina bishaanii Magaalaa Sanbateetti godhamee jira.Fulbaana 02, 2018 (Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa Jiille...
12/09/2025

Qorannoo qulqullina bishaanii Magaalaa Sanbateetti godhamee jira.

Fulbaana 02, 2018 (Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa Jiillee Dhummuugaa, Sanbatee)

Waajjiroonni sadi waliin tahuudhan qorannoo qulqullina bishaanii godhan. Waajjirri Fayyaa Tajaajila Bishaan dhugaati fi dhangala'aa bulchiinsa magaalaa Sanbatee waajjira Fayyaa Aanaa Jiillee Dhummuugaatii fi Waajjira Bishaanii Aanaa Jiillee Dhummuugaa waliin tahuudhan qorannoo qulqullina bishaanii taasisan.

Gosoota qorannoo sadiitu gaggeeffame: Qorannoo qulqullina Keemikaalaa, qorannoo qulquliina baayilloojikaalaa fi qorannoo qulqullina Fiizikaalaatu adeemsifame. Qorannoon kun guyyoota itti aananiis kan itti fufu taha.

Waajjira Fayyaa Aanaa Jiillee Dhummuugaa

11/09/2025

Ganda Luugoo Burqaa Bunaa gooxii Malkaatti yeroo bakkeen walhormaata bookee busaatif minjataa tahe akka dhangala'u yeroo godhamu

Kilaastara Luugootti Hojii Tola ooltummaatin qulqullinni naannoo adeemsifameFulbaana 01, 2018 (Waajjira Fayyaa Aanaa Jii...
11/09/2025

Kilaastara Luugootti Hojii Tola ooltummaatin qulqullinni naannoo adeemsifame

Fulbaana 01, 2018 (Waajjira Fayyaa Aanaa Jiillee Dhummuugaa, Sanbatee)

Waajjira Fayyaa Aanaa Jiillee Dhummuugatti hojii tola ooltummaa hirmaannaa Ummataatin Kilaastara Luugoo ganda Luugoo Burqaa Bunaa gooxii Malkaatti hojiin bakkeewwan walhormaata bookee busaatif minjatoo tahan qulqulleessuu hojjatamee jira. Hojii kanaan Habbatamuluq ykn hadarqee qulqulleessuu, banjii dikeerraa qulqulleessuu, bakkeewwan bishaan kuuse kan walhormaata bookee busaatif minjataa taherratti qorichi farra bookee busaa ogeessoota buufata eegumsa fayyaa Luugootin biifamee jira.

Hojiin hubannoo uumuu kilaastaruma kana ganduma kanatti hojjatamee jira. Namoota mana fincaanii hin qabne, namoota mana tokko keessa beeyladoota waliin jiraatan akka qophatti baasanii fi of eeggannoo dhibee busaa irratti hojiin hubannoo uumuu uumamee jira.

Kilaastara Luugootti Hojii Tola ooltummaatin Qorannoon busaa fi qulqullinni naannoo adeemsifameFulbaana 01, 2018 (Waajji...
11/09/2025

Kilaastara Luugootti Hojii Tola ooltummaatin Qorannoon busaa fi qulqullinni naannoo adeemsifame

Fulbaana 01, 2018 (Waajjira Fayyaa Aanaa Jiillee Dhummuugaa, Sanbatee)

Waajjira Fayyaa Aanaa Jiillee Dhummuugatti hojii tola ooltummaa hirmaannaa Ummataatin Kilaastara Luugoo ganda Mataa Horaa gooxii Hargiiti fi Dubbannatti hojiin bakkeewwan walhormaata bookee busaatif minjatoo tahan qulqulleessuu hojjatamee jira. Hojii kanaan Habbatamuluq ykn hadarqee qulqulleessuu fi banjii dikeerraa hojiin qulqulleessuu dalagamee jira.

Kilaastaruma Luugootti hojiin namoota dhibee busaatin qabaman adda baasuu ogeessoota buufata fayyaa Luugootin hojjatamee jira. Namoota qorannoon irratti hojjatame keessaa muraasa isaanirratti dhibeen busaa mul'atee jira.

Ganda Mataa horaa gooxii Hargiiti fi Dubbannaa keessa naannahuudhan hojiin hubannoo haayjiini fi saaniteeshiinii godhamee jira.

Address


Telephone

+251331180059

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Fayyaa A/J/Dhummuugaa የጅሌ ጥሙጋ ወረዳ ጤና ጽ/ቤት posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Waajjira Fayyaa A/J/Dhummuugaa የጅሌ ጥሙጋ ወረዳ ጤና ጽ/ቤት:

  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share