31/01/2025
Qabsoon Oromoo tarsiimoo fi dhugaarratti ijaaramuu qabdi jedhu qorataan sirna heeraa, mirgoota namoomaa, federaalizimii fi barsiisaan seeraa Yunivarsiitii Melbarn Tsaggaayee Araarsaa/PhD/.
Tsaggaayee Araarsaa/PhD/ qabsoon Oromoo dhimmoota murteessoo horachuu qaba jedhan shan ibsanii jiru.
Qorataa sirna heeraa, mirgoota namoomaa, federaalizimii fi barsiisaa seeraa Yunivarsiitii Melbarn kan ta’an Tsaggaayee Araarsaa/PhD/ haala yeroo fi fuulduree qabsoo Oromoo irratti hawaasa Oromoo biyya Kaanaadaa waliin mariyatanii turan.
Yeroo qabsoon tun lafaa kaatee kaasee uummanni Oromoo adeemsa sirna ijaaruu (Nation building) irra jira kan jedhan Tsaggaayee Araarsaa/PhD/ kun immoo adeemsa yeroo dheeraa fudhatuudha jedhan.
Sabni Oromoo abbaa biyyummaa (lammummaa) dha kan mulqame jedhu hayyuun kun. Waan kana ta’eefidha yeroo hiree Itoophiyaa bulchuu argatettillee ukkaamsaa fi duguuggaa jalaa kan of oolchuu hin dandeenye jedhan. Sabichis, aangawoonni sabicha keessaa bahanii Itoophiyaa bulchanis walumatti diina Itoophiyaa jedhamanii kan lakkaawamaniif sabni Oromoo waliigalatti balaa Itoophiyaa jedhamee waan farrajameefi jedhu Tsaggaayee Araarsaa/PhD/.
Yaadni kun Oromoon abbaa biyyummaa mulqamee akka jiru kan agarsiisu fi qabsoon isaas abbaa biyyummaa isaa mirkaneeffachuurratti fuulleffachuu akka qabdu akeeka jedhan.
Qabsoon teenya tarsiimoon taliigamuu qabdi. Dhugaadhaanis oofamuu qabdi jedhan. Saba Oromootiif hiree ofii ofiin murteeffachuuf wabiin kan biraa humna jabaa ijaarrachuu dha jedhu Tsaggaayee Araarsaa/PhD/.
Itoophiyaan biyya duguuggaa sanyii fi shororkeessummaan ijaaramte kan jedhan hayyuun kun yeroo biyyattii keessatti hidhannoon akka malee babal’ate kana keessatti humna jabaa horachuun Oromoof daran murteessaa dha jedhan.
Qabsoo hiree ofii ofiin murteeffachuu godhu kanaaf Oromoo waa shan nu barbaachisaa jedhan. Kunneenis walabummaa siyaasaa, diinagdeen of ga’uu, hirpha (fedhii gargaarsa namoomaa dhugoomfachuu), beekumsa maddisiifachuu fi seenessa ofii himachuuf meeshaa jabaa kan ta’e miidiyaa jechuun eeran.
Qabsoon Oromoo kijibaa fi olola irraa fagaattee dhugaa fi wal amantaa irratti ijaaramuu akka qabdu jabeessanii dubbatan. Fira horachuurratti xiyyeeffatamuu qaba jedhan hayyuun sirna seeraa fi federaalizmii Tsaggaayee Araarsaa/PhD/.