18/02/2025
Magaalichatti Bulchiinsa, Misoomaa fi Dabarsa Manneenii ammayyeessuun jiraattota fayyadamaa taasisuuf hojjechaa jiraachuu Waajjirri Misooma, Bulchiinsaa fi Dabarsa Manneenii Magaalichaa ibseera.
-----
Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti bulchiinsa, misoomaafi dabarsa manneenii ammayyeessuun jiraattota magaalichaa fayyadamaa taasisuuf hojjechaa jiraachuu Waajirri Misoomaa, Bulchiinsaa fi Dabarsa Manneenii Magaalichaa ibseera.
Magaalichatti, rakkoo mana jireenyaa ummataa furuuf, hundeeffama Magaalichaa irraa kaasee hanga ammaatti manneen 5,625 misoomfamuun namoota 28,125 dabarfamee kennamuun fayyadamoo taasisuu kan danda'ame ta'uu Waajjirri Misoomaa, Bulchiinsaa fi Dabarsa Manneenii Magaalichaa ibsa addatti Waajjira Kominikeeshiniif kenneen ibseera.
Ibsicha kan kennan Itti Gaafatamtuun Waajjira Misoomaa, Bulchiinsaa fi Dabarsa Manneenii Magaalaa Shaggar Aadde Masarat Abbabaa, Magaalaa Shaggaritti hojii misooma, bulchiinsaa fi dabarsa manneenii irratti hojjetamaa jiruun hundeeffama Magaalichaa irraa kaasee manneen 5,625 misoomfamanii fayyadamtootaaf dabarfamaa jiraachuu himaniiru.
Namoonni ulaagaa Magaalichi qopheesseen fayyadamoo ta'anis dargaggoota, qonnaan bultoota, hojjettoota mootummaa, miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa, milishoota, hoggansaa fi kanneen biroo ta'uu kan himuun, hanga ammaattis namoota 28,125 fayyadamaa taasisuun danda'ameera jedhan.
Kana malees, Qajeelfama Misooma Manneenii Bulchiinsa Magaalaa Shaggar lakk.26/2017 akkaataa Dambii Hundeeffama Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Lakk. 233/2015 keewwata 66tiin bahe bu'uureffachuun qonnaan bultoonni lafa isaanii irratti misoomsuu, kan misoomsanis gurgurachuus tahe kireeffachuu akka danda'an, abbootiin qabeenyaas lafa mootummaan isaaniif mijeesse irratti istaandardii qophaa'een ijaaruun %70 ofii fayyadamuun %30 ammoo mootummaaf kan kennan yoo tahu, namoota ulaagaan calalamanii darban carraa kaasisuun kanneen kireeffachuu barbaadaniif kiraan, kanneen tilmaama manichaa qusatanii kaffaluu barbaadaniif kaffalchiisuun Magaalichi dabarsee kan kennu tahuu himaniiru.
Akkasumas, namoota ulaagaa guutanii waldaan ijaaramanii mana jireenyaa ijaarrachuu barbaadaniifis akkaataa istaandardii ta'een akka ijaarrataniif Bulchiinsi Magaalichaa lafa qopheessaa jiraachuu kan eeran Hooggantuun Waajirichaa Aadde Masarat, misoomni manneenii namoota galii gadaanaa qabaniif tajaajila lammummaafi bajata mootummaatiin itti fufinsaan kan hojjetaamu ta'uu eeraniiru. Namoonni carraa kanaan fayyadamaa ta'anis kanneen ulaagaa taa'e guutanii calallii keessa darban akka ta'e Aadde Masarat ibsaniiru.
Kana boodas, misoomni manneenii Bulchiinsa Magaalichaa keessatti gaggeeffamu sagantaalee adda addaan kan hojiirra oolu yoo ta'u, kunis Mana Qusannoo, Manneen Gamoo Waliinii Sagantaalee 10/90, 20/80 fi 40/60, Ril isteetiifi manneen ammayyaa tajaajila adda addaaf oolan; Appaartaamaa (G+4 fi isaa ol); Appaartaamaa (G+1, G+2, G+3 fi Viillaa (G+0); Mana qe'ee qonnaan bulaa fi sagantaalee misooma manaa gara fuula duraatti qoratamanii murtaa'an kan haammatu tahuus himaniiru.
Bulchiinsa Manneenii ragaa karaa ammayyaa'ee fi qindaa'aa ta'een qabachuuf hojiin namoota waldaan ijaaramanii lafa mana jireenyaa fudhatan Ashaaraa Qubaa kennisiisuu eegalamee kan jiru yoo tahu, hanga ammaattis namoota ashaaraa qubaa kennuu qaban 25,000 keessaa namoonni 18,308 ashaaraa kan kennan yoo tahu, namooni hafanis ashaaraa qubaa akka kennaniif yeroo garaa garaa miidiyaa fi kominiikeeshiniin beeksifamaa turuu ibsuun, ammallee namoonni hanga ammaatti waldaan ijaaramanii lafa mana jireenyaa fudhatanii ashaaraa hin kennine dhufanii akka kennan Aadde Masarat irra deebiin waamicha dabarsaniiru.
Odeeffannoowwan keenya ariitiin argachuuf:
Facebook: https://www.facebook.com/shaggarcitycommunication1?mibextid=ZbWKwL
Telegram: https://t.me/shagarcitycommunication
TikTok: https://www.tiktok.com/?_t=8qtSqBQO8QQ&_r=1
YouTube: https://www.youtube.com/
WhatsApp: https://chat.whatsapp.com/ClggvainVIDKGZ5WqFar