Sheger Press

Sheger Press Moo'ichaa fi karaa moo'ichaa agarsiisuu fi irra deemuun filadha.

24/11/2024

Bulguun dhiiga Oromoo lolaasee dhugu adaba isa madaalu argachuu qaba.

Oromiyaa Jennata lafarraa yoo jennu ragaa waliinidha.Bishooftuu bishaanoftuu jiddugala Turiizimii Baha Afriikaa!
29/10/2024

Oromiyaa Jennata lafarraa yoo jennu ragaa waliinidha.
Bishooftuu bishaanoftuu jiddugala Turiizimii Baha Afriikaa!

Oromiyaa Jennata Lafarraa!
28/10/2024

Oromiyaa Jennata Lafarraa!

Dacheen Oromiyaa Bahaa hanga Lixaa Kaabaa hanga Kibbaa Warqiidha!Mishingaa Kilaasteraa Aanaa Baabbilee
25/10/2024

Dacheen Oromiyaa Bahaa hanga Lixaa Kaabaa hanga Kibbaa Warqiidha!

Mishingaa Kilaasteraa Aanaa Baabbilee

Baga milkooftan; Boruf milkaa'aa!Haamaafi hamtuu nurraa haa qabu. Nagaafi ulfina nutti haa qabu!
05/10/2024

Baga milkooftan; Boruf milkaa'aa!

Haamaafi hamtuu nurraa haa qabu. Nagaafi ulfina nutti haa qabu!

The Father of green legacy!
23/08/2024

The Father of green legacy!

Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa Gurra ittiin dhageeffatee deebii kennu qabaachuu isaatiif kun ragaadha. Galatoomaa!Guyyaa Af...
08/08/2024

Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa Gurra ittiin dhageeffatee deebii kennu qabaachuu isaatiif kun ragaadha. Galatoomaa!

Guyyaa Afur (4) dura Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti hojiif imalee Gaazexaawwan garaa garaa biyya kanatti maxxanfamaa jiran keessaa Hoteela Guddaa tokko keessatti kan hin argamne Kallacha Oromiyaa qofa. Sanuu Oromiyaa keessatti!

Taajjabbii keenyas maxxansinee saaxiluuf qophii ta'uus himnee gara magaalaa Finfinneetti deebinee galle. Waajjirri Kominikeeshinii Bulchiinsi Magaalaa Adaamaas guyyaa lamaa booda Hoteelota 42 keessatti raabsuun itti fufiinsaanis maamila taasise.

Rakkoon kun magaalota Oromiyaa hunda laallata. Dhimma Oromiyaa lagachaa Oromiyaa keessa hojjechuunis ta'e jiraachuun yakka.

Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa galatoomaa! Itti fufiinsa isaatiifis xiyyeeffannoo kennaa!

Of eeggannoo Taasisuu; Waaqas kadhachuutu Fala !Guyyoota Kurnan Itti Aanaan keessa Kutaalee biyyattii tokko tokkotti Roo...
30/07/2024

Of eeggannoo Taasisuu; Waaqas kadhachuutu Fala !

Guyyoota Kurnan Itti Aanaan keessa Kutaalee biyyattii tokko tokkotti Roobni cimaan balaa lolaa tasaa fi sigiga lafaa hordofsiisu kan roobu ta’uu Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa beeksise.

Inistiityuutichi haala qilleensaa guyyoota kurnaan itti aananii ilaalchisee ibsa kenneera.

Bara Faranjootaa 2024 jalqaba Baatii Hagayyaa eegalee kutaaleen biyyattii Rooba Waqtii Gannaa argatanitti hammi Roobaa caalmaatti cimee kan itti fufu ta’uu himeera.

Kutaalee biyyattii tokko tokkotti Roobni Idileen olii balaa lolaa tasaa fi sigiga lafaa hordofsiisu kan roobu ta’uu raagera.

Kutaaleen Lixaa, Kaaba Lixaa, Kaaba, Kaaba Bahaa fi giddu galeessi biyyattii hamma Roobaa cimaa ta’e kan argatan ta’uu himeera.

Hammi Roobaa cimaa ta’e kun balaa lolaa fi sigiga lafaa hordofsiisuu waan danda’uuf hawaasni dursee of eeggannoo akka taasiissu yaadachiiseera.

Godinni Buunnoo Beddellee, Iluu Abbaa Boor, Jimmaa, Godinaalee Wallaggaa, Shawaa, Arsii, Harargee Lixaa, Magaakaa Finfinnee, Dirre Dhawaa fi Hararii dabalatee kutaaleen biyyattii hedduun Rooba giddugaleessaa hanga Rooba Idileen olii kan argatan ta’uu Inistiityuutichi raagera.

FBCtu Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa wabeeffachuun gabaase

Gadda laphee namaa cabsudha Godina Goofaatti lakkoofsi namoota sigiga lafaan lubbuun darbee 146 qaqqabe Naannoo Kibba It...
23/07/2024

Gadda laphee namaa cabsudha

Godina Goofaatti lakkoofsi namoota sigiga lafaan lubbuun darbee 146 qaqqabe

Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Goofaa Aanaa Geezee Goofaatti balaa sigiga lafaa kaleessaa mudateen lakkoofsi namoota lubbuun darbee 146 ga'eera.

Barbaacha taasifamaa jiruun ammas ragaan namoota sigiga kanaan lubbuun darbee argamuu danda'a jedhameera. Madda FBC

Caffeen Oromiyaa baajata bara 2017 Birrii biiliyoona 285  raggaasiseCaffeen Oromiyaa baajata Mootummaa bara 2017 Birrii ...
22/07/2024

Caffeen Oromiyaa baajata bara 2017 Birrii biiliyoona 285 raggaasise

Caffeen Oromiyaa baajata Mootummaa bara 2017 Birrii biliyoona 285 fi miiliyoona193 fi kuma 137 ol ta’uun dhiyaate ragaasiseera. Baajanni labsame kun kan bara 2016’n yoo malaadame Birrii biiliyoona 63.6n caalmaa qabaachuu ibsameera.

Jaalattoota Ispoortiif Aagaa guddaa; biyyaafis Ashaaraadha. Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Ispoortii Daraartuu Tul...
18/07/2024

Jaalattoota Ispoortiif Aagaa guddaa; biyyaafis Ashaaraadha.

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Ispoortii Daraartuu Tulluu Birrii biiliyoona 1.5'n Shaggar Kutaa Magaalaa Sulultaatti ijaarame eebbifame

Sirna eebbichaarratti Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan, Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa, Pireezidaantii Federeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Gargartuu Komishinara Daraartuu Tulluu fi hooggantoonni olaanoo biroon argamaniiru.

Oromiyaan misoomaan ijaaramti!
15/07/2024

Oromiyaan misoomaan ijaaramti!

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sheger Press posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Sheger Press:

Share