23/06/2025
Jechoota barattoonni guyyaa eebba isaanii Matseetii irratti barreeffatan baayyee natti tola. Mee Jechoota barattoonni eebbifaman waraqaa yaadannoo eebbaa(Matseetii) isaanii irratti barreessan keessaa kamtu isinitti tola? Kanneen armaan gadii kana keessaa kamtu isinitti tole? Kanaan ala Kan biraa kan isinitti tole yoo jiraates comment jalatti barreessaa 👇❣️🙏
1. Bu'aa ba'ii baay'ee ba'een bu'aan ba'e.
2. Silaa dhumuu baate dhumne
3. Qoraan baay'ee fixus bilchaateera.
4. Tun tanaa tuun ganaa.
5. Kufee ka'een kutee ba'e
6. Dararaa hedduu booda Daraaraa harkaan qabatu
7. Affeelameen affeerame.
8. Kun tokko kaanis gaaf tokko.
9. Jilbeenfadheen bilcheefadhe!
10. Firii koos fira koos argeera
11. Digrii tokko argachuufan digiri 360 naanna'e
12. Akkaa durii fi harkaa xuriitin hin hafanii
13. Miidhameen miidhage
14. Kan eessaa geessa sin jedhutu baga geesse siin jedha
15. Waan gabaa irra jirutti osoo hin taane, mul'ata nu keessa jiru dhiyeessuuf dhalanne!
16. Thank you, Mom and Dad!
17. Rakkinni haa rakkatu.
18. "Namni barate na haa ajjesu" mucaan jette sun qophaa'i dhufaan jiraa.
19. Boriif jedheen booruu dhuge.
20. Kaayyood okkoluun caba miti.
21. Akka taanu taanee lafa barii galle jette Xaddeen
22. Ka'umsaa koo laaltee hedduu kofalte ga'umsa koo laaltee baga leeyyaate.
23. Obey ALLAH first, success will be next
24. Ciniinnadhee Ciniine
25. Hixxannan na qabachisee
26. Abdiin cite ciisee late.
27. Dhugaan hin qallatti malee hin cittu
28. Booyyee waraanamee dugdatti eeboo baatu;nama abdii kutee oliifi gadi kaatu jalaa gorii
29. Murraan ciiswe late
30. Oduun odaa hin jigsu.
31. Kan hafe Isin ammoo Itti guutaa.....