
19/04/2024
Humni Hidhatee Oromiyaa Dhiiksu Kan Injifannoo Uummataa Jiksudha!
= = =
Nageenyi qabeenya waloo jiruuf jireenya uummata biyya kanaa waan ta'eef, haala kamiin olitti nageenyi lammiiwwan keenyaa mirkanaa'ee biyya tasgabbiifi nagaa qabeettii taate ijaarun dhaloota egeree dhaalchisuuf hojjechuun barbaachisaadha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Nageenyi waaraa biyyattii keessatti itti fufiinsaan akka jiraatuuf humnoota hidhatanii biyya isaaniifi uummata isaanii nagaa dhorkaa jiraniif yeroo garaa garaa waamicha nagaa taasisaa turus, hidhatanni bosona taa'uun biyyattii nagaa dhorkuun tarkaanfiilee biyyi keenya gama siyaasaan misoomaan dinagdeen gara fuuladuraatti imalaa jirtu gufachiisuun, karoora imala badhaadhinaa biyyi keenya qabattee jirtu gara boodaatti akka harkifatu taasisuuf yaalii garaa garaa taasisaa turaniiru.
Gochaan qaamolee kanneenii injifannoo gama hundaan uummanni biyyattii qeerroofi qarree heddu itti wareeguun asiin gahe akka hin tikfanneefi injifannichi kan isaa akka hin taanetti seenessa sobaan hawaasa burjaajessuun, akka waan dantaa addaa uummataaf fidaniitti bosona taa'uun faallaa jijjiirama biyyattii deemuun uummata nagayaa dhiiksaafi goolaa jiru.
Haa ta'u malee waamicha daandii nagaa mootummaan taasisaa ture hordofuun gochaafi yaadama warra hidhatee laga jiruu gareen jibbe yeroo ammaa kana karaa nagaa galaa jiru. Kanaanis garichi wanti kanaan dura biyyattii irratti dalagaa turan dogoggora ta'uu amanuun mootummaa daandii nagaa falachaa jiru.
Gareen dhugaan uummataa galeef daandii nagaan alatti injifannoo uummataan dhufe itichuun akka hin danda'amne hubachuun baay'een isaa galaa kan jiru yoo ta'uu kaan irratti ammoo mootummaan nageenya uummataa eeguuf waan dirqamuuf qaamoleen nageenyaa tarkaanfii qindaa'aa fudhachaa jira. Balballi nagaaf baname ammallee hin cufamne waan ta'eef daandii nagaatti fayyadamuun carroomuudha.