
30/06/2025
Qormaataa fi Da'umsa
*********
Barattoota Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachurratti argaman keessaa shamarran lama qormaata irratti daa'ima ofkalan.
Barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa Yuunivarsiitii Arsiitti fudhataa jiran keessaa barattuun tokko qormaatarratti dahuu ishee ibsame.
Barattuun kun yeroo jalqabaaf kan deesse yoo ta'u, daa'imni isheen deesses haala gaarirratti argama.
Isheenis tasgabbiin qormaata fudhachaa jirti jedhan Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Arsii Dooktar Fiqaaduu Mitikkuun.
Qormaanni Biyyaalessaa Kutaa 12ffaas Yuunivarsiitii Arsiitti karaa nagaan kennamaa akka oolees dubbatan.
Yuunivarsiitichatti barattoonni kuma 6 ta'an qormaata kan fudhatan yoo ta'u, kanneen keessaa barattoonni 600 karaa oonlaayiniin kan qoroman tahuu eeran.
Barattuu Mustariyaa Muusaan ammoo erga deessee guyyaa 3ffaa isheetti Yuunivarsiitii Haramayyaatti qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachaa jirti.
Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuuf waxabajjii 20/ 2017 galgala gara Yuunivarsiitii Haramaayaa kan imalte barattuu Mustariyaa Muusaan galgaluma sana Buufata Fayyaa Olaanaa Yuunivarsiitichaatti nagaan oofkalte.
Yuunivarsiitichatti barattoota kuma 7 fi 600 ol ramadaman keessaa barattoonni kumn 7 waraqaan, barattoonni 500 caalan immoo karaa oonlaayiniin qormaaticha fudhachuu eegalaniir jiran. FMC