02/01/2025
Abbaa Gadaa Madha Galma Toree (1952-1960)
=======
Abbaan Gadaa Madha Galma Toree Abbaa Gadaa 63ffaa Booranaati. Abbaan Gadaa kun bara 1952-1960 Boorana bulchaa ture. Abbaa Gadaa Madha Galma Toree Abbaa Gadaa jabeenna, qarummaafi jannummmaan faarfamu.
Barreeffamii waggaa dabre laaybireerii addunyaa keessaa bahe akka ibsutti, Abbaan Gadaa kun nama Jabaa jaarraa 20ffaa keessa Gadaa Booranaa Badii irraa hambisee waan hedduu biyyaaf tahe jechuun jabeenna Madhaa Galmaa mirkaneesse. Waloon beekkamaan Looren Tseggaayee G/Madiin walaloon baasaniin, Ilma Galmaa… Abbaa Gadaa Madhaa Galmaa jechuun waa’ee jabeenna Madhaa Galmaa Faarsaa ture.
Madhii Galmaa waan irra jirtii uummataa malee, tan ofiitiif nama jala hin lulluku jedhan. Abbaa Gadaa Madha Galmaa; barii baallii isaa bara Hayilee Sillaasee keessa. Akka ammoo bara Hayilee Sillaasee keessa mootummaan yeroo sunii garboomfataa hamaa ta’e nu namuu inuma beekna. Gaafasi duuba mootummaan Hayilee Sillaasee aadaafi sirna bulchiinsa biyyattii kan sabaaf sablammootni biyyattii kan qaban hunda cabsee amantii Ortodoksii fudhachiisee deemee Boorana gahe. Gaafa innii achi gahu, Booranii sirna Gadaatiin ofi ijaaree waan tureef akka barbaadetti cabsee amantii Ortodoksii fudhachiisuu hin dandeenne.
Mootiin Hayilee sillaasee Amantii Kiristaanaa baballisuuf Mana amantaa Ortodoksii akka Aanaa Areeroo Ardaa Jilaa Guutootti ijaaramu murteesse. Akkasumas Boorana akka Kiristinaa kaasaan ajaje. Madhaa Galmaa gaafa nugusa Hayilee Sillaaseen Boorana Kirisitinnaa Kaasaa jedhee biyyatti duule Boorana kiristinnaa kaasuu dhowwee irratti dide. Mana Kiristaanaa Ardaa Jilaa Guutootti jalqabame Abbaan Gadaa kun dhiira 30 itti kaasee ibiddaan gube.
Maaliif akka Madhii Galmaa ajaja isaa dideef Hayilee Sillaaseen gaafachuuf Finfinneetti yaamnaanillee dhaquu dide. Maaliif akka hin dhufne gaafannaan, “abbaa wa dhibanitti mana keessa ejaajjaa inninuu ha dhufuu jedhee, didee kiristinnaan taanilleen hanqatte.
Abbaan Gadaa Madhii Galmaa itti dhufuu didnaan ammallee ittuma deebi’ee yaame. dhumarratti Yuubota isaa nama akka Jaldeessa Liiban dabalatee nama 24 waliin Finfinneetti qajeelan. Yeroo Masaraa Mootummaa gahan Hayilee Sillaaseen waan jajjabduu lama gaafate. Gaafiin isaa:
Sirna Gadaa Oromoo abbummaan akka hogganuuf dabarsee akka kennuuf.
Uummatii Oromoo aadaafi amantii mootummaa Ixoophiyaa gula akka bulu naa taasisi. si ammoo, waan ati barbaadde hunda siif godhaa jireenna barbaadde jiraattaa jedheen.
Yaada Mootii kana irraa Abbaan Gadaa kun baay’ee aaree akkana jechuun Mootii sodaatamaa kanaa deebise. Sirnii Gadaa Oromoo kiyyaamiti, kan Raabaa Gadaati. Uummatii kan Rabaa Gadaati. Aadaa uummatii waggaa dheeraafi ittiin bulaa dhalootatti dabarsaa dhufe, uummataa na jaalatu kana aadaa isaa dabarsee siif kennuu irraa lubbuu kiyya baduu wayya jechuun deebiseef. Itti dabaluun Mataa ofii qabatee Ardaan Jilaa Guutoo kan guutuu Booranaati. Guutuun ammoo, aadaa teenna, guutuu tiyya irraatti mana amantaa hin ijaaran jedhee dide. Kanaaf, uummata kiyyaafi aadaa Gadaa dabarsee sii kennuu wayyaa morma kiyya kuttee Guutootti geessuu naa wayyaa jechuun ejjannoon mootii dura dhaabbatan. Yo na mataa kiyya faayidaa gara biraa hin dabarreen na sobdee, aadaa gosa balloo balleessuuf kan yaadde ta’e, aadaa Gadaa balleessitee sirna ittiin bulmaata isaa cabsitee uummaticha harkatti galfachuun duratti na ijjeessii mataa kiyya narraa muri jechuun aadaa uummataa garbummaa jalaa baraaran. Jechaa kana Hayilee Sillaaseen rifatee homaa hin dubbannee kabajee mataan gadi jedheefi geegesse.
Abbaan Gadaa Madha Galmaa nama mootiin Hayilee Sillaasee kan nama tokkollee hin sodaanne akka jabaa sodaatu keessaa nama qaraati. Bara mootii sunii naminuu ila keessa Hayilee Sillaasee hin ilaalu. Hunda gadi jedhee akka Waaqaatti sagadaaf. Abbaa Gadaa Madha Galma Toree biratti garuu kabaja akka Waaqaatti ilaalamuun sun hin arganne mootichii. Dubbiin gargaltoo taatee innii mataan isaa Abbaa Gadaa Madha Galma Toreetiif sagadee gadi jedheef.
Abbaan Gadaa Madha Galmaa Jannummaan beekkama. Bara 1950, Abbaa Duulaa Raaba Doorii Booranaa ture. Akka Asmarom leggesee kitaaba isaa Oromoo diimokrasii jedhu keessatti akkana jechuun barreesseera;
Madha Galma, Abbaa Gadaa of all the Borana (1952-1960). He led the biggest military campaign of the 20 century, in 0950, as a war chief (Abbaa Duulaa), whole he was still in the senioer warrior grade (Doorii). He mobilized and commanded eleven age-regiments and a cavalry of which 400 were armed with rifles. He fought a victorious war against the mariyan Somali, who had invaded Liban.
Abbaa Gadaa Gootii Jaarraa 20ffaa kun sadarkaa Doorii irraa jalqabee gootummaan daangaa Oromiyaa gama kibbaa badii irra ittisuun uummata biraatti jaalalaafi kabaja guddaa qaba.
Yo silaa innii aadaa Gadaa cabuu dhowwuuf Mootii hayilee silaasee dura hin dhaabbatin, Gadaa Oromoo hagii kulleen hinjiru ture.
Akka aabba Jaataniin himutti Madhii Galmaa waan hedduun beekkama. Wannii hedduun sun;
Madha Galmaa gootummaa, qaroomaafi jabeennaan beekkama
Ammallee waraguu aadaati.Waraguun nama wa jabeessee kunuunsu.
Gootummaa isaa Gobaan dhawatan jetti jaarroleen argaa dhageettii.
Sababa Gootummaa isaa hariyyaan isaa yoo gobaan dhawattu akkana jettiin;
Duula Madha Gurraachaa bultii dhakaa gurraacha.
Barbaarressa qayyaa,
Barbaara Madha Galmaa,
Areeroo Gufuu Galmaa.
Warrii Nadheenii ykn haawwan Madha Galmaa kaarrileen akkana jechuun dhawatu;
Jiloo Golee marxaa makkaa tiyyaa
Jiloo doollee diidaa ka sorooroo tiyyaa Sorooroo Bukkulli Roobii daadhii tiyyaa Daadhiin duloo bultee Madhii Sakkee tiyya.
Dayimtu Mediaa
Muddee 24/2017