Paris oro

Paris oro đŸ„€đŸŒčđŸŒ©ïž tiktok.com/

Artist Andu’alam Gosaa erga haati mana isaa boqottee yeroo jalqabaatif bahee dhimma haadha warra isaa Aadde Qananii dubb...
03/01/2026

Artist Andu’alam Gosaa erga haati mana isaa boqottee yeroo jalqabaatif bahee dhimma haadha warra isaa Aadde Qananii dubbate. Artist Andu’alam akka jedhutti ani harkikoo dhiiga haadha mana koo irraa qulqulluudha jedha. haa tahuu malee akkaataa taateen sun itti tahe yeroo himuutu dhagahame. guyyaa taateen kun tahu Qannoo tiyya waliin oolle jedhe. daa’ima garaa qabaachuu ishee himuun, mana Yaalaa waliin deemnee cheekaappii goonee, achirraa lidatii(guyyaa dhaloota ishee kabajatuuf) bakka suuraa itti kaatus anumaatu geesse, booda dhimma hojiitif dhiisee akka deeme hime. erga galgalli gahee manatti gallee, anumaatu akka warra isheef bilbiltu itti himee bilbilteef jedha.

taateen kuni yeroo tahuf deemu dura, oolmaa guyyicha ishee irraa gaafannaan nashakkitaa, .. jettee aartee siree irratti na dhiiftee baatee, xiqqo turte jedha. yeroo kanan maal taatee Qannoon tiyya narraa turte jedheen, bahee ilaaluf kutaawwan biroo hundi qullaa tahuu argee, deemee yeroon kichinii(kushiinaa) gahu cufaa jirti.. achiin gamaaf gamana ilaalu maashinii uffata itti miicannu cinaa godatti irkattee ishii jirtun arge jedha. yeroo kana yoon laalu joogii (wanta bishaan itti waraabamu tahuu isaati yookiin qalasiis tahuu dandaha) joogii kana keessaa ammoo gosa saamunaa dhangala’oo yookiin kilooriksillee inni jechuu baatus wanta akkasii akka tahettin isarraa hubadhe, wanta kana joogii sana keessaa dhugaa turuu akeekee, baayyee akka aare hime.

sababnini isa aarse ammoo akka jedhutti Qananiin Depression akka qabdu himuun, kana dura yaalii ajjeechaa ofirratti yaalaa turte. tarii sababni Depression ishii kun waan Yeroo baayyee mana ooltuf tahuun ooltu jedheetin akka mana ooltee daranuu jeeqama kana ittin hammaannefin bakka hojii baneefii akka achi ooltu godhe jedhe. tahullee garuu gochaa yaalii ofirratti murteessuu kana taasisuu fi jeeqamaaf cinqama ishee kana dhiisuu hin dandeenye jedha. waan kana ammoo Lammaattis himee akka furmaata barbaadaniif gaafadheen ture jedha. Obboleessa ishee tokkos maqaa yaamuun akka dhimmicha kana itti himee jiru dubbata. Obboleessa waliinis dhimmicharratti mari’atanii guyyaa tokko sibira guyyaa tokko mana akka ooltu waan jedhu hunda waliin irratti dubbatuu keenya innuu ragaa baha jechuun hime.

arra yeroon joogii san keessaa ishii wanta jedhe san maashinii uffata itti dhiqan sanitti ikattee dhugdu argu baayyeen aare jedha sababninis akka isheen wanta kana hin goone irra deddeebi’een gorsaa ture, waadaas naaf seente lammada wanta akkanaa kana akka hin goone jedha. arra yeroon ishee kana gootu argu anis nama waanin taheef baayyeen aaree akkas jedheen jedha. “Anaa fi ati Haala kanaan itti fufuu hin dandeenyuu boru warra kee yaameen gargar baana„ jedheeniin ijoollee ollaa kaasee dhimmicha kana isaanis hubachiisuf yeroon xiqqoma achi deemu, Akkasiiree hayyee siif haa baldhattuu jettee akka fooqirraa utaalte hima. yeroo kanan fiigees qabuu hin dandahu wannin ani gochuu dandahu iyyuu qofa jedhe. nan iyye iyyeensa kiyya saniin joolleen ani kaasuf turelleen baaraganii akka dirmatan dubbata. kanaafuu harki koo qulqulluu fi ani ofii koofuu gaddaan haguugameen hanga ammaa jira jechuun kakatee dubbata.

tahus garuu tibba kana waatu dhagahame. innis Andu’alam manguddummaa Abbootii gadaa fi Jaarsolii ergatee Gumaa kafaluuf gaafate oduu jettuutu deemaa ture. tahus garuu artist Andu’alam dubbii tana ni haale. Ani araara barbaachan Abbootii gadaa fi Jaarsolii erge malee gumaa kafaluuf hin ergine jedhe. tahus garuu manguddoota ergaterraa gammachuu waan qabu hin fakkaatu. akka dubbatetti Manguddoonni haqa gama lachuu jiru laaluun walitti nama araarsuu qaban malee, nama dhuunfaa tokkorra goruu hin qaban jedhe. dhugaan tan waaqaati, waaqaa gaditti manguddoon dhugaan haqa baasuu akka qaban gaafatee, hanquus qaban jechuun dubbate.

gaafa tibba kana BBC Afaan Oromo dhiheesserraa akka hubannetti, Abbootii Gadaa fi jaarsoliin yookaan manguddoon araara barbaacha dhimma kanaaf erga socho’uu eegalan ji’a sadii dabruu dhageenye. Abbootiin Gadaa yaada bbc’f kennaniin dhagaa yookaan Haqa Qananii arguu himuun sababa dubbiin kun Qaama isaanirraa fudhatu dhabaniif haqa argamte jedhan san ammatti himurraa ofqusatanii jiran. Gama biraatin Abbaan Qananiitis Jaarsummaan akka isaanitti ergamte himuudhaan, haqa baasanii gumaas kafaluun akka walitti araarsaniif ergamuu Abbaa Qananiitif akka himan dubbata. tahullee garuu nama inta isaanii irratti gocha sana raawwate agartaniiti gumaa kafaluuf ergamtanii jedhee gaafannaan, lakkii Nama ajjeese hin beeynu yookaan akkuma artist Andu’alam jedhe sanitti ofumaaf ofnyaatte yaada jedhu akka waan qabanitti deebii kennuufii hima. Nama ishii ajjese osoo hin beekin Gumaa kafalla jechuun maal jechuudha? jedhee gaafadheen yoo dhuguma araaa fedhan abbaan badii raawwate amanee dhufee yoo kakakte yaada jedhu dhiheessuufi hima. tahullee osoo waliigalterra hin gahin gargar bahuun, beellamatanii ammas osoo walitti hin deebi’in akka jiran dubbata Abbaa Qananii yaada bbc’f kenneen.

Artist Andu’alam garuu ani akka gumaa kafalaniif hin ergine garuu akka walitti nu araarsaniifan Abbootii Gadaa fi Manguddoota erge jechuun himee maaloo dhimma kana gara fuuladuraa akka araara maatii qananii waliin barbaadaa jirru kana nu harkaa hin gufachiifnef yaada madaalawaa fi dhugaa irratti hundaahe hanga argattanitti sehaa fi jette jettee qofaan daranuu gargar nufageesitanii dhimma kanarraa ofqusadhaa jechuunis dhaammatee jira.
namoota barreeffama keenya dubbisuu hin dandeenyef boru video hojjannee gama youtube United Oromia isiniif maxxansina. hangasuu nagahaan nuuf turaa. Galatoomaa ulfaadhaa. You

Ajaa'iba...Daa'imni Torbaan kana ajandaa guddaa taye kuni garaa Konkolaataa jala bakka sana taa'ee akka gara Finfinnee d...
02/01/2026

Ajaa'iba...Daa'imni Torbaan kana ajandaa guddaa taye kuni garaa Konkolaataa jala bakka sana taa'ee akka gara Finfinnee dhufe agarsiise
jedhan😮
kuni dhugaa taanaan akkuma Addunyaattuu Seenaa addaa tayee galmaayuu hin dandayuu laata dhiiro? Konkolaataan bu'aa Bahii hedduu irra kokolaata. Qilleensi bakka san jiru qilleensa Hoo'aa hamaa Namaaf hin tolleedha😋 bakka hamtuu san taa'ee fageenya 600 Km imalee akkasitti lubbuun hafuun seenama addaatiimi ree kuni. Hundaafuu Gammeen gargaaramuun haqa isaati akka hundaattuu🎁 Comment jala👇

30/12/2025

Laquelle de ces lampes magiques frotteriez-vous pour révéler votre destinée en 2026 ?
26/12/2025

Laquelle de ces lampes magiques frotteriez-vous pour révéler votre destinée en 2026 ?

25/12/2025

Adresse

Toulon

Site Web

Notifications

Soyez le premier à savoir et laissez-nous vous envoyer un courriel lorsque Paris oro publie des nouvelles et des promotions. Votre adresse e-mail ne sera pas utilisée à d'autres fins, et vous pouvez vous désabonner à tout moment.

Contacter L'entreprise

Envoyer un message Ă  Paris oro:

Partager