Core Media

Core Media Our vision is to be a catalyst for positive change.

Core Media exists to serve the public, and its mission is to inform, entertain and empower people with accurate, in-depth and compelling content that upholds the value of truth.

23/07/2025

Core Media - Oduu Ijoo Torbaanii

1. Fiild Maarshal Birhaanuu Juullaa haasaa ajajootaa fi miseensota raayyaa ittisa biyyaaf taasisan irratti TPLF akeekkachiisan.
2. Pireezidantiin Ameerikaa Donald Tirump haasaa hidha guddicha Itoophiyaa ilaalchisee taasisan komii kaase.
3. Marii hoggantoonni hawaasaa fi hayyoonni Oromoo taasisan mootumma Itoophiyaa sodaa keessa galchuun dallansiise.
4. Pireezidantiin Eritrea Isaayas Afaworqii afgaaffii Eri-Tv woliin taasise irratti yaaddoon weeraraa jiraachuu ibse, mootummaa Itoophiyaas ilaalcha daa'imaa qaba jechuun himate.

12/07/2025

Qophii Addaa
Qophiin addaa keenya kan hardhaa seenaa imala qabsoo Obbo Taayyee Danda'aa irratti kan xiyyeeffateedha
Core Media Adoolessa 5/2025

12/07/2025

Oduu Core Media

Yaa'ii Gadaa Sikkoo Mandoo Adoolessa 5 fi 6 Dhaddacha Guutaa Laangannootti gaggeeffamu eegaleera. Hawaasni bal'aan Sikkoo Mandoo yaa'ii Adoolessa 5 hanga 6 Godina Arsii Lixaa Aanaa Nageellee Arsii, Hara Laangaanootti adeemsifamu kanaratti akka hirmaatuufi murtiiwwan yaa'ichaan darban hojirra akka oolchaniif Abbootiin Gadaa Sikkoo Mandoo waamicha taasisaniiru.

Oduu Ammee Faawundeeshiini Hacaaluu Hundeessaa badhaasa artist Andu'aalam Gosaaf kenne haquu isaa ibse. Badhaasicha laac...
05/07/2025

Oduu Ammee

Faawundeeshiini Hacaaluu Hundeessaa badhaasa artist Andu'aalam Gosaaf kenne haquu isaa ibse.

Badhaasicha laachuun duras qaamota dhimmi ilallatu qunnamuu kan ibse faawundeeshinichi, badaashichaan boodas eeruu, komiilee fi qeeqa haaraa hawaasa irraa dhihatan erga ilaaleen booda murtii kana irra gahu ibsee dogongora uumameef dhiifama gaafateera.

05/07/2025 Core Media

Oduu AmmeeWoraanni bilisummaa Oromoo fi humni ittisa Tigray (TDF) woliigaltee woliin hojjachuu mallattessuun isaanii ibs...
11/08/2021

Oduu Ammee

Woraanni bilisummaa Oromoo fi humni ittisa Tigray (TDF) woliigaltee woliin hojjachuu mallattessuun isaanii ibsame. Hogganaan woraana bilisummaa Oromoo Marroo Dirribaa bilbilaan Asoosheetid Pireesif akka himetti torbaanota darban keessa humni TDF yaada woliin tumsuu erga nuuf dhiheesse booda itti yaadne waan nu baasa jedhu irratti woliif galleerra jedhe. Mootummaa kana jigsuun kan danda'amu humna woraanaan qofa kan jedhe Jaal Marroon. Woliigalteen taasifame kun, odeeffannoo woraanaa woliif qooduu, wal cinaa loluu fi mootummaa kana humnaan jigsuudha jedheera.

Qabxiilee dabalataa kan irratti woliifgalame ilaalchisee wonti ibsame hin jiru.

NAIROBI, Kenya (AP) — The leader of an armed group that Ethiopia’s government has designated a terrorist organization says his group has struck a military alliance with the Tigray forces who are now pressing toward the capital, as the conflict that erupted in the Tigray region last year spreads ...

Polisiin humna addaa Oromiyaa lola Tigray irratti hirmaachuuf karaa Affaar deemaan hedduun booji'aman. Lola baatilee sad...
20/07/2021

Polisiin humna addaa Oromiyaa lola Tigray irratti hirmaachuuf karaa Affaar deemaan hedduun booji'aman. Lola baatilee saddeettan darban geeggeeffameen mootummaan federaalaa moohamuun naannoo Tigray gad lakkisee kan bahun waamicha dhukaasa dhaabuu labsee ture. Haa ta'uu garuu lolichi bifa haaraan kan itti fufe yoo ta'u yeroo ammaa kanatti lolicha abbummaan kan lolaaru naannoo Amaaraa akka ta'es beekkameera. Guyyoota muraasa dura poolisoonni addaa naannoolee gara garaa irraa gama daangaa Tigray kan duulaan yoo ta'u poolisoonni humna addaa Oromiyaa lakkofsaan hedduu ta'an TPLF-itti harka kennachuun isaanii gabaafameera. Lola irratti booji'amuu fi ufii isaaniitii harka kennachuu ilaalchisee wanti beekkame hin jiru.

Update:   and   states Security Forces joining national army and   state security forces in fresh offensive against   fo...
14/07/2021

Update: and states Security Forces joining national army and state security forces in fresh offensive against forces ( Addis Standard )

Oromia regional state communication bureau head Getachew Balcha has confirmed to Al AIN news portal that Oromia security forces are dispatched “as part of law enforcement” measures and “to defeat” Tigrayan forces. He further said security forces and the people will both take part to “fend off the danger on the country.”

Similarly, President of the newly constituted Sidama regional state Desta Ledamo told Ethiopia Check that members of the regional state spacial forces will be dispatched as of tonight in a ceremony which will be attended by local media. The President disputed social media reports that members of the Sidama state special forces left camps refusing to participate in the war in Tigray.

Pictures: Oromia and Sidama Special forces/Archives/Social media

Qondaaltonni ABO Lammii Beenyaa fi Daawit Abdataa bakka duraan itti hidhamanii turan Mojoo irraa baafamanii essa akka ge...
12/07/2021

Qondaaltonni ABO Lammii Beenyaa fi Daawit Abdataa bakka duraan itti hidhamanii turan Mojoo irraa baafamanii essa akka geeffaman kan hin beekkamne ta'uun ibsame. Hidhamtoonni siyaasa kun yeroo garagaraatti manni murtii bilisaan gad lakkisus, humnoota nageenyaa mootummaan seeraan ala bobbaaseen butamanii hidhatti deebi'uun isaanii kan yaadatamuudha.

Mootummaan amma jiru hidhamtoota siyaasa mana hidhaarra baasuun kan ajjeesa turee fi itti jiru waan ta'eef, Oromoon bakka jiruu tokkummaan ka'ee waa'ee hidhamtoota siyaasaa bakka buuteen dhabamee kana gaafachuu qaba jedhameera.

Paartiin Koongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) miseensa isaa humna mootummaatiin mana butamee ajjeefamee ilaalchisee Ko...
12/07/2021

Paartiin Koongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) miseensa isaa humna mootummaatiin mana butamee ajjeefamee ilaalchisee Komishinii Mirga Namummaa Xoophiyaatiif xalayaa barreesseera.

"Komishinii Mirga Namummaa Xoophiyaatiif

Finfinnee

Miseensa paartii keenyaa, Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) fi miseensa koree KFO aanaa Bakkoo Tibbee Godina Shawaa Lixaa, akkasumas dhalataa aanichaa kan ta’e Obboo Mallasaa Caalaa Goobanaa, mana jireenyaasaa Magaalaa Burraayyuu iddoo Gafarsa Noonnoo/Ashawaameedaa jedhamuu gaafa Ebla 13, 2013 ALHtti halkan keechaa naannoo sa’aa 6:00tti humnoota mootummaatiin butamee fudhatamuu waajjirri keenya mirkaneessee ture. Yeroo caqafame kanaan boodattis Obboo Mallasaan eessatti akka fudhatame odeeffannoon ibsu dhabamee otoo jiruu, tibba kana namootni waliin hidhaman jedhaman hiikkamanii gara maatiisaaniitti yemmuu deebi’an, Obboo Mallasaa Caalaa Goobanaa garuu tokkoon hiniikamne yookanimmoo maatiinsaafi paartiin keenya iddoo inni jiru beekuu hindandeenye.

Haata’u malee odeeffannoon gama miidiyaalee hawaasummaatiin ba’an akka ibsanitti, Obboo Mallasaan akkuma human mootummaatiin butameen lubbuun darbuusaafi maatiinsaas Adoolessa 04, 2013 ajjeefamuusaa akka dhagahan mirkaneeffanneerra.

Odeeffannoowwan armaan olitti caqafaman haajiraatan malee, Obboo Mallasaa Caalaa Goobanaa maaliif akka qabame, lubbuun kan jiru yoo ta’e essa akka jiru, ajjeefameera yoo ta’emmoo eessaatti akka du’eefi reenfisaa eessa akka jiru; maatiisaatiif, paartii keenyaafi saba bal’aadhaaf akka ibsamuuf akka nu gargaartan deeggarsa keechan gaafanna.

Nagaa Wajjiin

Mararaa Guddinaa (Prof)
Dura Taa’aa KFO
( Oromo Federalist Congress - OFC)
___
( Oromo Federalist Congress )
___

13/11/2020

Oduu ammee
Magaalaa guddoo naannoo amaaraa kan taate Bahirdar keessatti kaampiin raayyaa ittisa biyyaa fi daandiin qilleensaa rookkeettiidhaan rukutameera. Magaala Gondarittis haalli walfakkaataan akka jiru himama. Haala amma jiruun lolli finfinnetti dhihaachuu mirkaneessa.

Address

London

Opening Hours

Monday 9am - 11pm
Tuesday 9am - 11pm
Friday 9am - 11pm
Saturday 9am - 11pm
Sunday 9am - 5pm

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Core Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Core Media:

Share

Category