Ayyuub Abdoo Ayyuub Abdoo

Ayyuub Abdoo Ayyuub Abdoo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Ayyuub Abdoo Ayyuub Abdoo, Digital creator, Harannaa, London.

Visit now!
23/03/2023

Visit now!

.w | Morkataa Harannaa

13/03/2023

( ) kabajamtoota hordoftoota kiyya seenaa gootota oromoo kutaa 1ffaa qabadhee isinii dhiyaadhee jira . Seenaa gootonni keenya kaleessa hojjatan nutis wal yaadachisuun kaka'umsa keenya waan ta'eef hanga dhumaatti obsaan akka dubbistan kabajaan isin gaafadha . 1️⃣ Kadiir kan dhalatan godina Baalee aanaa Harannaa Bulluq ganda Bulluq jedhamu keessatti abbaa isaanii Waaqoo Shaaqee fi Haadha isaanii Faaxoo Simbaa irraa bara 1935 akka lakk. Awurooppaatti dhalatan. koronel Kadiir Waaqoo nama qabsoo oromoo keessatti gahee guddaa qabanii fi umrii isaanii guutuu Hawwii bilisummaa kan qaban yemmuu ta'an, umrii isaanii xiqqeenyaa kaasee aangoo abbaa isaanii irraa dhaalaniin baroota dheeraadhaaf sirna mootummaa Hayle Sillaasee keessa bifa walqixxummaatiin ummata harannnaa kan bulchaa turanii dha. akkasumas gumaacha qabsoof taasifamu keessatti kan of booda hin deebinee fi kan eenyullee hin sodaanne yemmuu ta'an , Hojiiwwan isaan hojjatan keessaa isaan muraasni:- ☑️☑️miilaan gara biyya soomaaliyaatti imalanii waraana baay'ee hiriirsanii gara biyyaatti erga deebisanii booda sirna mootummaa naf*******nyaa of irraa qolachuudhaaf (diduudhaaf) qabsoo diddaa gabrummaa jabaa taasisanii jiru . akka fakkeenyatti yeroo lolli roorroo saba amaaraa ummata keenya irratti raawwatutti duunee lafa irraa dhabamna malee diinaaf harka hin laannu (kenninu) jedhanii waraana isaanii fudhatanii bosonatti galan . waraanni amaraa (nafxanyaa) immoo biyyaattii harannaa qabatee kaambii tolfatee guutuu lafa sanaa dhunfachuuf keessa qubatanii kaayyoon isaanii guddaan ummata gabroomsuuf yemmuu ta'u, waraanni koronel Kadiir immoo gabrummaa isaanii diddaaf bosona jiru . boodarra osoma nafxanyaan meeshaa gurguddaa qabatanii taa'an gootichi beekaman dhiira onnee sibiila qabu koronel Kadiir boombii isaanii hidhatanii kophaa isaanii kaambii jaraa itti seenanii sagalee ol fuudhanii akkana jedhan....................BULLUQIIN JEDHAN TANA KADIIRIIN JEDHAN ANA WAAN ISIN EEGGATUTU TANAA GALAA ISINII FINNETU KANAA HOODHAA NURRAA FUDHAA YAA JARANA🔙🙏🙏🙏Jedhee bombii itti darbate. sana booda waraanni nafxanyaa guutuun isaa baqatee achii biyya harannaa gadi dhiisee bade. koronel Kadiir Waaqoo leenca fakkii namaa goota waan itti fakkeeffamu hin qabneedha. Walumaa galatti qabsoon isaan saba ofiitiif aarsaa kafalan kan dubbannee dhumuu miti. Gabaabumatti koronel Kadiir ijoollee dhiiraa nama 9 fi dubara 16 walii galatti nama 25 kan qaban yemmuu ta'an, umrii isaanii keessatti nama kabajamaa fi jaalatamaa nama hunda bifa tokkoon kan ilaalanii fi gama amantii muslimaatiinis halkan ka'anii salaatanii rabbi kadhachuun beekaman. WOYYOO 😭GARUU MAAL GODHAN BIYYEEN EENYULLEE HIN LAGATTUU HUNDUMA KEENYAA NU EEGGAATTI WAAN TA'EEF gaafa guyyaa 24/1/2015 akka lakk. awurooppaatti umrii isaanii waggaa 80tti du'aan addunyaa kanarraa deeman. Rabbi isaanii haa araaramu jannata ofii keessa haa kaa'atu🤲🤲🤲 1️⃣ Hordoftoota kiyya qaqqaalii seenaan gooticha oromoo kutaa 1ffaa kana fakkaata waan baay'ee akka hubattan abdiin qaba. dogoggora kiyyaaf dhiifama isin gaafadha namoonni isin gammachiisee godhaa hiriyoota keessan biraan gahaa. Seenaa goota oromoo biraatiin kutaa 2ffaa hanga walitti deebinutti horaa bulaa. GALATOOMAA❗

Godina Baalee diiguuf malee ijaaruuf isinitti hin fakkaatin yaa warra rafaa jirtan dammaqaa.  -muramna-malee-maqaa-keeny...
04/03/2023

Godina Baalee diiguuf malee ijaaruuf isinitti hin fakkaatin yaa warra rafaa jirtan dammaqaa.

-muramna-malee-maqaa-keenya-ganamaa-hin-jijjiirru. 🙅‍♂️🙅‍♂️

Address

Harannaa
London

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ayyuub Abdoo Ayyuub Abdoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share