Yohannes Bekele Page

Yohannes Bekele Page Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Yohannes Bekele Page, Addis Ababa.

26/06/2026

Karaa YouTube barachuuf link comment irra jira.

23/06/2026

Caalaatti barachuuf link comment irra jira.

21/06/2026
20/06/2026

Caalatti barachuuf link comment irra jira.

The Goat LifeNajeeb, lafa magariisaa fi qabbanaa’aa biyya isaa, Hiindii Keeraalaa (Kerala) irraa yeroo ka'u, ija isaa ke...
19/06/2026

The Goat Life

Najeeb, lafa magariisaa fi qabbanaa’aa biyya isaa, Hiindii Keeraalaa (Kerala) irraa yeroo ka'u, ija isaa keessa abjuu ifaatu ture. Abjuun isaa jireenya fooyya'aa maatisaaf fiduu, hiyyummaa seenaa gochuu ture. Garuu, adunyaan yeroo tokko tokko waan nuti hawwine osoo hin taane, summii dhokataa nu obaasti. Akkuma miilli isaa cirracha biyya Arabaa ejjeteeni, abjuun isaa qilleensa gammoojjii ho’aatiin hatame.

Company keessan hojjedha se’ee gowwoonfamee ba’e biyyaa. Garuu waanti isaa argate waan biraa tahe.

Gowwoomfamee, harka ergataa daldaltuutti kufe. Guyyaa sanaa eegalee, maqaan isaa fi namummaan isaa haqamee, 'Garba' jedhamee waamame.

Gara iddoo iji namaa hin argin, bakka mukni tokko illee gaaddisa hin kennine, gammoojjii bal'aa fi onaa keessatti darbatame. Gooftaan isaa, namicha gara-jabeessa onneen isaa akka dhagaa jabaatetu isa eega ture. Najeeb, namicha biyya ofiitti ulfinaa fi jaalalaan jiraatu sanaan, kophaa isaa re'oota kumaatama gidduutti hidhame. Haasaan isaa dhala namaa wajjin ta'uun isaa hafee, addunyaan isaa sagalee re'ootaatiin guutame.

​Aduun gammoojjii gubbaan yeroo gogaa isaa waaddu, halkan immoo lafee isaa keessa seenee cabsa ture. Beelaafi dheebuun hiriyaa isaa guyyuu ta'an. Bishaan xuraa'aa re'oonni dhuganitti afaan isaa cuuphuuf dirqame. Yeroo bishaan sana dhugu, imimmaan isaa lola'ee bishaanicha wajjin walitti makama ture; garuu eenyutu imimmaan garbaa arga?

Waggoonni akkuma darbaniin, Najeeb namummaa isaa irraanfachaa dhufe. Rifeensi mataafi areeda isaa walitti xaxamee, fuulli isaa jijjiiramee, huccuun isaa ciccitee qaama isaa dhoksuu dadhabe. Inni uumamaan nama ture, garuu uumamni gammoojjii sanaa akka re'eetti isa lakkaa'e. Yeroo amalaafi jireenya re'ootaa barachaa dhufu, innumti iyyuu akka re'ee tokkootti of ilaaluu eegale. Dhukkubbiin isaa inni guddaan qaama isaa miidhamuu qofa osoo hin taane, sammuun isaa bilisummaa yaadachuu dadhabuu isaa ture.

Guyyaa tokko, dukkana keessaa ifti xiqqaan tokko yeroo mul'attu, Najeeb murtee jabaa tokko murteesse: "Gidiraa kana keessatti du'uu mannaa, daandii bilisummaa barbaadaa du'uun filadha." Jedhe
​Harka garbummaa kutatee, yeroo gooftaan isaa hin jirretti gammoojjii sodaachisaa sana keessa fiiguu eegale.

Imalli isaa imala du'aa wajjin taphachuuti. Qilleensi hoo'aan funyaan isaa dhiigsaa, dheebuun lafee isaa caccabsaa iddoo iji isaa argutti tarkaanfate. Kophaa isaa, lafa dheeraa onaa irra, huccuu ciccitaa harkisataa yeroo deemu, namummaan isaa inni lafa jalatti awwaalamee ture deebi'ee dammaqe.

Dhuma irratti gidiraa hamaadhaa booda biyya isaatti gale.

18/06/2026

Faarfannaa Haaraa AI dhaan hojjetame argachuuf link comment irra jira.

Address

Addis Ababa
E16AN

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Yohannes Bekele Page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share