Great Oromiyaa

Great Oromiyaa Oromoo And Oromiyaa in 3D

.Waliigaltee Marii Kora WaliiniiJilli jaarmayaalee hawaasa Oromoo adda addaa, Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongirasii...
23/02/2025

.
Waliigaltee Marii Kora Waliinii

Jilli jaarmayaalee hawaasa Oromoo adda addaa, Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongirasii Federaalistii Oromoo (KFO) rakkoolee siyaasaa fi waraanaa Oromiyaa keessa jiruu fi jiruuf-jireenya ummataa irratti danqaa ta’e irratti yaada furmaataa barbaaduuf Gurraandhala 19, 2025 kaasee hanga Gurraandhala 22, 2025tti guyyoota afuriif marii bal’aa Hoteela Ililliitti taasifneerra. Marii taasifame kana keessatti haalli amma Oromiyaa keessa jiruu fi ummatni Oromoo itti jiru haala lubbuun namaa guyya guyyaan itti badaa jiru, haala namni hojjatee jiraatuu itti dadhabe, haala ummatni wabii jireenyaa itti dhabee waan godhu wallaale keessa jiraachuu isaa gadi fageenyaan hubachuu dandeenyeerra. Ummata Oromoo rakkoolee fi danqaa hamaa kana keessaa baasanii nagaa waaraan akka bu’uu danda’uuf akka armaan gadiitti irratti waliif galleerra.

1. Nagaa buusuu fi nagaa tiksuu ilaalchisee
a. Jilli Jaarmiyaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne ummatni Oromoo haqaa fi bilisummaa isaa dhabee erga Sirna Naafxanyaa jalatti kufee kaasee hanga har’aatti qe’een isaa akka nagaa dhabee fi jeequmsa keessa akka jiru hubannee; nagaa waaraa jiruu fi jireenya ummataatiif barbaachisu buusuuf bilisummaa fi haqi ummata Oromoo sarbame guutummaatti deebii argachuu akka qabu amannee; waraanni Oromiyaa keessaa dhaabatee nagaan akka bu’uu fi nageenyi ummataas haala amansiisaa ta’een akka tikfamuu qabu waliigaluun dhimma kana ABO fi KFOn dirqama ofitti fudhatanii wantoota humni isaanii danda’e hunda akka raawwatan amaanaa itti kennanneerra.
b. Jilli Jaarmiyaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne rakkoo siyaasaa fi bulchiinsaa Oromiyaa keessa jiraniif furmaata maayii kennuun barbaachisaa akka ta’e hubannee ABO fi KFOn, ummatni Oromoo mootummaa isaa haala dimokratawaa fi bilisa ta’een hanga filatutti akkasumas tajaajila ummataa barbaarbachisu kan kennu Mootummaa Cehumsaa Waloo Oromiyaa, Paartilee Oromiyaa fi qaama dhimmi ilaallatu hunda hammate yeroo murtaa’eef akka hundeessan amaanaa itti kennanneerra.

c. Jilli Jaarmayaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n nagaa amansiisaa Oromiyaa keessatti buusuuf qooda olaanaa akka qabu amanuun, ABO fi KFOn waraanni kun bulchiinsa siyaasaa Mootummaa Cehumsaa Waloo Oromiyaa hundeeffamu jalatti itti gaafatamummaa fudhatee seera, nagaa fi dangaa Oromiyaa akka tiksuu danda’u haala barbaachisaa akka qindeessanii fi guutaniif amaanaa itti kennanneerra.

2. Rakkoo Magaalaa Finfinnee fi Daangaa Oromiyaa furuu ilaalchisee
a. Jilli Jaarmiyaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne Magaalaan Finfinnee seenaanis ta’e seeraan qabeenya ummata Oromoo fi Magaalaa guddoo Oromiyaa akka taate guutummaatti amanuun Magaalaan kun itti waamamni ishii akka mootummaa Oromiyaatiif taatu ABO fi KFOn itti gaafatamummaa ofitti fudhatanii akka mirkaneessan amaanaa itti kennanneerra.
b. Jilli Jaarmiyaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne Walloo, Dirre Dawaa, Matakkal, Moyyaalee, Madda Walaabuu fi kkf dabalatee daangaaleen Oromiyaa karaa adda addaatiin irraa ciccitanii mootummaa naannoolee adda addaa Oromiyaa daangessan keessatti akka hafanii jiran amanuun ABO fi KFOn itti gaafatamummaa ofitti fudhatanii seera addunyaa fi seera biyyi qabdu irratti hundaa’uun akka Oromiyaa keessatti dachaasan amaanaa itti kennanneerra.

3. Tokkummaa fi Ijaarsa ummata Oromoo cimsuu ilaalchisee
a. Jilli Jaarmiyaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne Sirni Gadaa/Siinqee hundee tokkummaa fi ijaarsa siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa, aadaa fi nageenya Oromootiif qabaachaa ture sirriitti hubannee ABO fi KFOn sirni Gadaa/Siinqee kun gadi fageenyaan qoratamee, ummata wajjin marii bal’aan taasifamee haaromsi jaarraa keessa jirru wajjin walmadaalu itti taasifamee sirna Oromoon itti bulu akka ta’uu danda’u waan barbaachisu hunda akka taasisan amaanaa itti kennanneerra.

4. Mirga Sabaa fi Sab-lammoota Oromiyaa keessa jiraatan ilaalchisee
a. Jilli Jaarmiyaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne Sirni Gadaa ummatni Oromoo akkamitti akka kanneen Oromoo hin taane wajjin kabajaa fi michummaan jiraatamu haalaan kan barsiisee fi muuxannoo itti qabu ta’uu isaa hubachuun fuulduras ABO fi KFOn haala ummatni Oromoo sabaa fi sab-lammootni sodaa tokko malee mirgi isaanii guutummaatti kabajamee wajjin jiraatamuu danda’u irratti hojjatanii fi dhugoomsan amaanaa itti kennanneerra.

5. Hariiroo Mootummaa Oromiyaa fi Mootummaa Federaalaa Jidduu jiraachuu qabu ilaalchisee
a. Jilli Jaarmiyaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne Mootummaa Federaalaa keessatti olaantummaan seeraa kabajamaa akka hin jirre, ummatni Oromoo akka baay’ina isaa fi gumaacha isaatti jaarmiyaalee mootummaa Federaalaa keessatti bakka bu’umsa akka hin qabne, walabummaan dhaabbattoota (institiyuushiinii) kanneen akka Mana Murtii, Polisii ..

08/12/2024

Sanyii Nagaasaa Garaa Laafessa.
Sossobamnaan kaayyoo isaa Dagachuu Akka danda'u Argisiiseera.

"Torbee Lama gidduutti ariinee Mootummaatti ishee Galchina jedhanii Dhaadatanii Akka Galchuu hin dandeenyes itti Argisii...
06/12/2024

"Torbee Lama gidduutti ariinee Mootummaatti ishee Galchina jedhanii Dhaadatanii Akka Galchuu hin dandeenyes itti Argisiifne"

Obbo / Jaanjilloo/Jaal

Hagaasaa

Taphataa kanammoo maaltu mataan dhaabe miila ol gargalchee?
Safuudhabboo

Kunimmoo maalinni?
01/12/2024

Kunimmoo maalinni?

Jaal Shurrubbee Baga Lubbuudhaan galte.
01/12/2024

Jaal Shurrubbee Baga Lubbuudhaan galte.

19/04/2024
Kophich Qaaliidha Gogaa Qeerransa Reettiiko Sooratee Guddaterraa Oomishame.Baargamaaf Oomishame Kanaaf Sirraa Miidhage H...
30/03/2024

Kophich Qaaliidha Gogaa Qeerransa Reettiiko Sooratee Guddaterraa Oomishame.
Baargamaaf Oomishame Kanaaf Sirraa Miidhage Hin Naana'iin!

Rakkoo   Oromoo keessa jiru hubachuuf dirqama walloo ta'uu hin qabdu, mee naannoo Oromiyaa keessa bakkoota Jarri jirtu h...
20/03/2024

Rakkoo Oromoo keessa jiru hubachuuf dirqama walloo ta'uu hin qabdu, mee naannoo Oromiyaa keessa bakkoota Jarri jirtu hunda Iyyaafadhu garaa jabina isaanii as qe'ee keenyattuu. Achittimmoo ring(geengoo) keessa galchanii baccaqaa jiru.

  The Oromo Liberation Front (OLF) recently graduated trainers after completing political, military and medical training...
28/02/2024


The Oromo Liberation Front (OLF) recently graduated trainers after completing political, military and medical training in various training camps in the central zone.

The WBO has graduated new trainers in the Central Zone of the Oromo People's Liberation Army (OPLA).

“There are bad and good things in history, we are a generation that learns from the bad things and chooses the right path of struggle and strengthens the good things,” said Sanyii Nagaasa, commander of the OLF Central Zone.

Addressing the soldiers who were studying medical profession, Central Zone Commander Sanyii Nagaasaa said, “Acquiring medical profession alongside the military profession prepares you for two duties.

The commander said that your ethics are key as you are going to treat the patient through psychological and medical means, adding that it is the duty of the medical profession to treat anyone who is sick with what you have.

The inauguration ceremony of the ‘History Record’ phase was attended by the member of the ABO-WBO Executive Committee and the commander of the WBO Central Zone Sanyii Nagaasa.

FDR Difference Force odeeffannoo qabatamaa fi irra hin deddebine waan nuuf qooddanoof galatoomaa.Garuu garuu suuruma 1 a...
24/02/2024

FDR Difference Force odeeffannoo qabatamaa fi irra hin deddebine waan nuuf qooddanoof galatoomaa.

Garuu garuu suuruma 1 almeeqa maxxansuun Kun namatti tola.

Sobuun garuu gaarii miti.

31/01/2024

Abbaan argate badhaasa qaba.

Waraana Mootummaaf Milishaa(Minishaa) yoo jennee WBOf ______________ Jenna.
A) Uummata. B) Qeerroo BO
C) Urjii Lolaa. D) humanna Furgaatuu.

Good Luck!

Address

London
USA

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Great Oromiyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share