16/10/2024
Beekan Erena tiin 👇
CUBBUU JAARMIYAALEE SIYAASAA OROMOOTI.
"Icciitii Dhaabaa News-WMOA in Concern!
Hoogganoonni ABO Haga ammaatti jiran WBO waldaguugsisuutiin beekamu.
Icciitii dhaabaa jedhamee dhokfame malee, Leencoo Lataa fi Jaarraa Abbaa Gaddaa waldhabanii, WBO kumoota hedduu waldaguugsisan.
Daawud Ibsaa fi Galaasaa Dilboo/Kamaal Galchuu waldhabanii, WBO kumaatamaan hedduu waldaguugsisan
Miliyoon Dirribaa, Faqqadaa Abdiisaa fi Sanyii Nagaasaa fi Shurrubbee fi Gammachuu Abbooyyee fi....waldhabanii, WBOn Guyyaa guyyaan har'ayyuu waldaguugaa jira. Ragaan kumootaan galmee WMOA keesaa jira.
Kun garuu hin dubbatamu Icciitii Dhaabaati😡.
Ijoolleen dhumtus ilmaan hiyyeessaa waan taateef kan gaafatu hin jiru. Warri "abalu achi buuteen dhabme" jedhamanii hafan icciitii Dhaabaa ta'aniitu dhabaman. Waan WMOAn qotee bira gahe bukoodha. Jechi Seena'eera/Seenofteetti jettus achumaa biqilte...
Kottaamee, "Beeknee waraana hin hooggannu" jennee waliifgallee qabsoo hidhannoo kana asumatti dhiifnaa. Akka walitti garaajabaannu ormatti garaa hin jabaannuum. Ajajaa Faannoo tokkittii Oromoorraa ajjeesee hin beekne hedduutu WBO danuu fixeera. Kun Icciitii WMOAti.
Nan yaadadha. Yeroo tokko Jaalle Miliyoon (Marroon) "WBOn yokaan Oromoo bilisa baasuu yokaan diigamee baduu qaba. Qabsoon kun gara kamittuu xumuramuu qabdi. Oromoon maqaa qabsoo kanaatiin dararamaa hafuu hin qabu" jedhee ture. Raadiyoo Arraata Biyuoleessaa jedhanirraa dhaggeeffadheera. Kun sirriidha. Amma kan nutis, Oromoonis WBOnis irratti waliigalee jiru, WBOn Oromoo bilisa baasuu akka hin dandeenyedha. Abadan hinyaadamu. Dhalooteen hiriyootakoos if hindadhabsiisiin.
Nan yaadadha, yeroo tokko Jaalle Faqqadaa Abdiisaa, "Isa diinni nu ajjeesu caalaatti isa nuti WBOn wal ajjeesaa oollutu dachaa dhibba caala" jedhe. Viidiyoo marsaa 8f waraabame YouTube Orosity keessaa daawwadhu.
Mardaasaan immoo Ilmaan Oromoo walajjeesuurra Qabsoon hafuu wayya jedhe.
Nanhubadha! Qaamni natti dhaddttan guutuudha. Keessumaa North Ameica kanaa guyyaan waan hadhooftuu akkanaa maxxansu kaan matti bilbilee boo'a; kaan nadoorsisa; kaan dhaabiitti Beekaniin hinmaraachinu yoo ta'e jedha (Waraabbii hiriyaankoo isaan keessa taa'ee waraabee naaf erge jira), kaan xalayaa jibbiinsaa dhaabbata mana barnootakootti ergaa ture. Hedduu hedduu....hubadhaa! Nama 10 daandii badisaarraa yooon deebise anaaf bu'aa muldhatakooti. Nan amana ammoo Miliyoonota ija saaqeera."
Otoo beeknuu huubaan wajjin jette 🐕 n.