29/10/2025
. !
Waa'ee Obboleessa keenyaa yeroo garaagaraatti yommuu namoonni garaagaraa yaada isaanii kennaa turanitti ani gama koon calliseen waan heddu ilaalaa ture. Sababiin callisuu koo waan walii sadi. Inni duraa obboleessa kana erga inni shahaadaa qabate jedhamee booda malee, dursa qaamaanis ta'ee odeeffannoon isa hinbeeku waanan ta'eef eenyummaa isaa adda baafachuuf. Inni lammataa immoo wacaafi gabaa media kanarraa yeroo fudhee wantoota tokko tokko calalachuufi inni sadaffaan waan ta'uu qabu qalbiifi miira tasgabbiin xiinxaluufi yaaduuf ture.
1. Obboleessi keenya Abdiin nuyi wajjiin gooftaa Yesuusiin Waaqeffataa, Lallabaa, tajaajilaa tureera. Karaa sirriis, sirrii hintaanes, karaa seera qabeessas seera qabeessa hintaanes, dogoggoraas ta'uu danda'a; garuu muudameera. Inumaayyuu Raajii jedhamee waldaa kiristaanaa keessatti waamamaa ture.
2. Sababaanis ta'ee sababa malees, Obboleessi kun akkuma nama kamii hundumaa mirga amantii jijjiirrachuu, amanuuf amanuu dhiisuu guutuu seeraan deeggarame qaba.
3. Akka Abdiin jedhuttiifi gochaa isaa irraa kan hubatamu immoo Amma Abdiin amanataa qofaa osoo hintaane, dhugaabaatuu, raagduufi tajaajilaa amantii Islaamummaa ta'eera.
1.Abdiin beekkamtiifis ta'ee, Horiif jedhees, Dadhabees, wallaalees, dogoggorees gowwoomees, seexanaan haaloo bahamees, doorsifamees, ittifakkaatees, fedhees, waliin dhahuudhaafis yaadee, dhugaan tokko ifeefi yoo karaa fayyinaafi maqaa fayyinaa isa ta'e, gooftaa Yesuus Kiristoosiin jireenya barabaraa isa ta'e yoo gane, nuti akka waldaakiristaanaatti maal gooneef? Kadhannaafi deeggarsa maal taasifneef? gorsaafi yaada nama deebisu maal gooneef? Hamma sadarkaa kamiitti obsaafi garraamummaan dhamaatii barbaachisaa gooneef?
Qooda kana gochuu; Ittiqoosuu, arrabsuu, xiqqeessuufi jechoota hinmadaalle Dadarbachuutti gaditeenye. Gochaan akka kanaa Kun dogoggora guddaafi amanataa irraa hin eegamnedha. Waanti xiyyeeffannoo barbaadu, Haaloo ba'uu seexanaaf mirkaneessoo kennuu hinqabnu. Namoonni biroo illee karaa kanafakkaatu yoo hordafan callisnee gatuun gatii dhiiga namichaa harka keenya irraa Waaqayyo hinbarbaaduu? Sagaleen Waaqayyoo nama akkasii darbadhaatii gataa;Itti qoosaa jedhamoo 99 dhiisee tokko ishee badde barbaada deeme jedha? faraduuf miti, haalli gurbaas na hin aarsu jechuu koo miti. Garuu, lubbuun nama kanaa baduun isaa nu gaddisiisuu qaba. Sagaleen Waaqayyoos waan gochaa jiran hinbeekanii dhiisiif jedha.
Haa hidhamu, hidhamuu qaba haareebamu, haa sana kana ta'u jechuun salphaadha garuu, yakka yeroo caala. Jechoonni akka kanaa barbaachisooyyuu miti. Innumtu of hidheera; ofittuu faradeera; lammata hidhuun faayidaa hinqabu.
akka bu'uraatti, Akka inni akkas qoosu kantaasise namummaa isaa osoo hintaane Hafuuricha dukkanaa diina Kiristoosiifi Qulqullootaati. Kana hubachuun barbaachisaadha. Dogoggorri akkasii uumamuun waldaakiristaanaa balaa guddarraan gaha. waan goonu hundumaa Hubannaan raawwachuu qabna.
Sababa kamuufuu yoo Amantii isaa jijjiirrate,
👉Tapha Cigoofi qoosaa miidiyaa keessa seenuu hinqabu ture. Calliseema Amantii isaa hordofuu qaba ture.
👉Osoo hinsagadiin adda gurraacheffachuu, osoo hinbaratiin barsiisa eegalu, osoo miiraan hintaane miilaan hindhaabbatiin dhugaabaatuu taa'uufi wacaaf gabaa miidiyaa irra bahuun dogoggora ture.
👉yoo barsiises mirga amantiif kenname hordofuun Amantiiwwan kaaniif inumaayyuu amantii dura keessa tureef kabajaafi naamusa guddaan dhugaa isaaf gale barsiisuu osoo qabuu, gochoota daangaa darban uummata kiristaanaa dheekkamsiisan dalaguun isaa bu'urarraa dogoggora guddaadha.
👉maqaa isaafi Afaan dubbatu yemmuun ilaalu Oromoo ta'uun isaa hinoolu natti fakkaannaan Safuufi duudhaa hawaasaa gatee soqolatteef baaqqee ta'uu isaa argeen gadde.
?
👉Obboleessa keenya kana gara gooftaa jireenya barabaraa ta'e gara Yesuus Kiristoositti akka deebi'uuf, Kadhachuufii, Gorsuu, Waamicha taasisuufi barbaaduu qabna.
👉Miiraafi dogoggoraan gochoota hintaane akka hindalagne irraa akka of eeggatu garraamummaafi qalbii tasgabbaa'een hubachiisuu.
👉Akka qaraxxuu waanta'eef gara fayyisa lubbuu isaatti akka dhufuuf dhugaa bahuufii qabnaan jedha.
Abdii koo, haadhookoo harki araara gooftichaa siif diriireera, garaan Waaqa kees siif Oo'eera, imimmaan koo buuseen siif kadhadhadha, lafti ati jirtu sirraa hinbareedu, ifa keessa jiraachuu bartee dukkana keessa jiraachuu itti hinbartu, Yesuus Kiristoos Du'aa ka'umsaafi jireenya barabaraati, karaa isaa malee karaan jireenya barabaraa hinjiru, inni cubbuu hundumaa biyya lafaa hundumaa irraa fuudhuuf hoolaa araaraa qalamedha. Koottu gara fayyisaa lubbuu keetti, gara gooftaa bara ijoollummaa keetti. Ammayyuu si jaalata. Nutis obbolaan kee si jaalanna. Iciitii kees nutti himadhu. Waan si yakkines nuuf dhiisi. Haadhookoo Abdii koo Innuu gara koo koottaa jedheera; gara isaa koottu! Gara isaa ilaalaa deebitaniis Qaaniidhaan lafa hin ilaaltan jedhamee barraaheera Abdiikoo koottu gara isaa!
Nan Amana guyyaa tokko akka mucaa badee sana qalbiitti deebi'e mana abbaa koo naaf wayya jedhee qalbii isaa jijjiirraa gara mana abbaa isaatti dewbi'e atis ni deebita jedheen anama!
!
Obboleessa_kee
Dr_Zakkaariyaas_Addunyaa_irraa
Finfinnee