19/06/2024
Jilli Afyaa'ii Mana Marii Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Kabajamoo Obboo Nuuriyyee Muhaammadii fi Hoji Gaggeessaa Dhaabbata Bishaan Dhugaatii fi Dhangala'aa Magaalichaa Injinar Damisee Nyooreen Durfamu Pirojektoota Dhaabbata Bishaan Dhugaatiif Dhangala'aa Bulchiinsa Magaalichaatiin Hojjatame Daawwatan.
Jilli kun Koree Dhaabbii Mana Maree Magaalichaa, hooggantootaa fi ogeeyyii dhaabbatichaa, fi kan biroo hirmaachisuun pirojektoota bishaanii fi gama qulqullinnaatiin hojjataman daawwachuun marii taasisanii jiru.Marii kanaanis daawwii pirojektoota gara garaa dirree irratti taasisanii fi waan taajjaban,ciminnaaa fi hanqinna jiru irratti marii bal’aa dhaabbaticha waliin taasisuun kallattii itti aanus akeekanii jiru.
Hoji Gaggeessaa Olaanaan Dhaabbata Bishaan Dhugaatii fi Dhangala'aa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Injinar Damisee Nyooree yaada kennaniin, kenna tajaajilaa gama bishaaniitiin kennaa jiraniin dabalataatti Pirojektoota akka mana fincaanii fi qaama dhiqannaa shantanii lamaa fi kanneen biroo hojjachuun hawaasa fayyadamaa taasisaa jiraachuu himaniiru.Sadarkaan Magaalichaas ol guddachuu hordofee baay’inna ummataa dabale waliin hannqinni dhiheessii bishaanii kan mudatu ta’uu eeruun,Bulchiinsa Magaalichaa dabalatee qaamni dhimmi ilaalu deeggarsa barbaachisu hunda taasisuu akka qabanis gaafataniiru.
Dhaabbatichi dameewwan tajaajilaa torba hundeessuun dhiheenyatti kenna tajaajilaa fooyya'aa hawaasaaf kennaa jiraachuus fi baasiif dhamaatii hawaasa mudatu furuuf hojjatamaa jiraachuus ibsaniiru. Maddi bishaanii fi dhiheessii magaalichaas baay’inna ummataatiin wal bira qabamee yoo ilaalamus hanqinna qabaachuu eeruun, Manni Marii Magaalaas deeggarsa barbaachisu taasisuu akka qabanis Injinar Damiseen gaafataniiru.Komiiwwan maamila irraa dhufanis manaajimentii dhaabbatichaa waliin ta'uun hiikuun hojjatamaa jiraachuus kaasaniiru.Dhiheessii bishaan Magaalichaa guddisuufis boolli gad fagoon qotamaa jira. Kanaanis hawaasni kumaatamaan fayyadamaa akka ta'uuf hojjataa jirra jedhaniiru.Daawwii kanaan boodas yaada ijaarsaa fi kallattii Koreen Dhaabbii Magaalichaa kennes fudhachuu fi akka galteetti ittiin kan hojjatan ta’uu kaasuun,jila kanas galateeffataniiru.
Afyaa'iin Mana Maree Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Kabajamoo Obboo Nuuriyyee Muhaammad daawwannaan booda ergaa dabarsaniin,bishaan lubbuu ta'uu kaasuun, kenna tajaajilaa gama bishaaniitiin dhaabbatichi kennaa jiruu fi pirojektoota hojjataman jajjabeessaa ta'uu himaniiru.Pirojektoonni hojjatamanis caalmatti hawaasa harka qalleeyyii kan tajaajilanii fi rakkoowwan bulchiinsa gaarii turan furuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu eeruun,dhaabbatichas galateeffatanii jiru.
Rakkoowwan gama dhiheessii bishaanii fi kanneen birootiin jiru dhaabbatichi furuu akka qabuu fi kan humnaa ol ta'e qaama dhimmi ilaallatu waliin furamaa akka deemus eeruun, miseensonni mana marichaas deeggarsa barbaachisuu fi gahee isaan irraa eeggamus taasisuu akka qabanis Kabajamoo Obboo Nuuriyyeen ibsanii jiru.
Miseensonni koreewwan dhaabbii yaada kaasaniin,baroottan darbanitti sababa rakkoon bishaanii hammaataa tureef, hawaasni Magaalichaa hedduu dararamaa turuun yaadachiisuun, jijjiiramni gama dhaabbatichaatiin jiru fooyyee qabaachuu ibsaniiru.Icciitiin milkaa'inna hojii dhaabbatichaa gaggeessummaa ogummaa irratti hundaaye kennuu ta'uu kaasan. Kenni tajaajilaa kennamaa jirus fooyyee ta'uu eeruun, sadarkaa dameewwanii fi fi hojjattoota sadarkaa gadiittis hojiirra ooluu qabas jedhaniiru.Daawwannaa kanarraayis muuxannoo hedduun kan fudhatamu ta'uus dubbataniiru.
Pirojektoonni hedduun kanneen akka manneen fincaanii fi dhiqannaa shantamii lama harka qalleeyyii dabalatee kutaa hawaasaa mara tajaajilu hojjatamuufi tajaajila kennaa jiraachuun waan jajjabeefamuu qabu jedhaniiru.Qindoominni keessoo jiraachuun milkaa'inna hojiitiif gumaacha olaanaa kan qabu waan ta'eef, daran cimuu akka qabus eeranii jiru.