23/09/2025
📚 Goota Barnootaa – Sammuu
Warqii!
• Barataa Gosaa Nageessoo barnoota kutaa 12ffaa qormaata biyyoolessaa bara kanaa irratti qabxii 589/600 galmeessuun akka biyyaatti lammaffaa ta’eera.
• 🔬📐 Barnoota Fiiziksii fi Heerregaa guutuu (100/100) galmeesse.
• ❓ Gaaffii 600 keessaa 11 qofa dhabe.
• 🏆 Sadarkaa ol’aanaa kanaan barataa Khaalid Bashiir (591/600) qofa duubatti hafe.
🏫 Lamaan isaanii Mana Barnoota Bultii Addaa Ifa Boruu Dodolaa keessatti barataniituun,Manni barnootaa Abdii Boruu dhugumaan ummataaf gumaacheera.
Gosaan aanaa Shashamannee – ganda Caatimmannaa Jangallaa keessatti dhalatee guddate.
💻 Barnoota Software Engineering barachuuf fedhii qaba.
💡 Kalaqa teknoolojii fayyaa, barnoota, diinagdee fi hawaasummaa keessatti bu’aa uumuun addunyaaf gumaachuu barbaada.
⸻
🙏 Sababa odeeffannoon dafee na dhaqqabuu dhabeef dhiifama isa gaafadha.
🤲 Ummanni keenyaas akkuma Khaalidiin lafaa fi miidiyaan ulfina itti gootan, gooticha Barnootaa kanaafis ulfina akka nuuf gootan isin gaafanna ! 🌟