18/12/2025
Finfinneen, magaalaa Teessoo Afrikaanoota fi gidduu gala siyaasa taate, har’a bareedina haaraa fi abdii guddaan ol ka’aa mul'achaa jirtii. Karoorri Aahaa magariisaa, bu’uuraalee misoomaa ammayyaa,Misoomaa Ulaawwanii (Kolideeri) akkasumas iddoowwan uummataa haaromfaman magaalattii qulqulluu, hawwataa fi jiraachuuf mijataa taasisaa jira. Jijjiiramni kun mallattoo tokkummaa, Kutannoo hojii mul'isaa.
Hoggansi Muummeen Ministiraa Dr. Abiyyi Ahimad jala, bareedinni Finfinnee saffisaan cimeera; jiraattotaaf haala jireenyaa fooyyeessuun, carraa hojii uumuun, akkasumas aadaa fi seenaa Itoophiyaa misooma ammayyaatiin walitti fiduun ifatti mul’ataa jira. Haaromsi Finfinnee abdii, guddinaa fi egeree ifa Itoophiyaati.