Biftuu Odaa

Biftuu Odaa We stand united, facing the big responsibility to change our country into a nation of justice, solid
(2)

Filannoon koo Dr. Abiy Ahmed Ali  dha. Bor mootummaa filachuuf sagalee koo kennuuf qophaa'eera.Akkasumas filannoon koo N...
31/05/2026

Filannoon koo Dr. Abiy Ahmed Ali dha. Bor mootummaa filachuuf sagalee koo kennuuf qophaa'eera.
Akkasumas filannoon koo Nadoo qamadiiti.
Isin hoo eenyu filachuuf qophooftan?

Misoomni koriidarii Mallattoo  Guddina Itooohiyaati!!Misoomni kolidarii inisheetiivii Muummee Ministeera keenyaa Dr Abiy...
31/05/2026

Misoomni koriidarii Mallattoo Guddina Itooohiyaati!!

Misoomni kolidarii inisheetiivii Muummee Ministeera keenyaa Dr Abiy Ahimad ta'e kaayyoo magaalaa hawwattuu, miidhagduu fi jireenyaaf mijjattuu taasisuuf tarkaanfii addaan hojii hojjetamedha.

Hojii gama misooma kolidariin hojjetameenis magaaloonni keenya kaleessa jireenya , geejibaa fi sochii daldalaa akkasumas sochii hawaas - dinagdeef mijataa hin taane seenaan isaanii jijjiiramuun magaaloonni keenya haaromuun giddugala dimagdee, invastimantii fi bakka aara galfiif bashannanaa ta'uun mallattoo ammayyummaa isaan taasiseera.

Qarqara kolidarii irratti daandii ammayyaa, ibsaa,bishaanii fi haalli geejibaa konkolaataa, biskileetaa fi namaa adda bahuun sochii geejibaa saffisuun sa'a imalaa gabaabsuun lammiileen yeroo gabaabaa keessatti sochii hawaas - dinagdee keessatti sirnaan akka hirmaatan isaan taasiseera. Kun immoo bu'aa dinagdee biyya utuban argamsiiseera.

Bu'aan gama misooma kolidariin argame dargaggoota hojii barbaadaniif carraa hojii bal'aa uumeera, teknoloojii dijitaalaa guddiseera, magaaloonni jireenya dhala namaaf mijataa ta'anii qalbii turistoota biyya keessaaa fi alaa harkisuun madda galii dabalataa mootummaaf ta'eera.

Imallii keenya Abbichuu Wajjin Gara Fuulduraatti!
31/05/2026

Imallii keenya Abbichuu Wajjin Gara Fuulduraatti!

CAAMSAA 24  GUYYAA SEENA QABEESA MOOTUMMAAN BADHAADHINAA ITTI HUNDAA'UDHA!Caamsaan 24 guyyaa seena qabeessa mootummaa ci...
31/05/2026

CAAMSAA 24 GUYYAA SEENA QABEESA MOOTUMMAAN BADHAADHINAA ITTI HUNDAA'UDHA!

Caamsaan 24 guyyaa seena qabeessa mootummaa cimaa uummataaf kabajaa fi quuqama qabu kan itti filannu guyyaa addaati. Guyyaan kun guyyaa Uummanni Itoophiyaa jaalala Abbichuuf qabu kaardii isaan ibsudha. Guyyaa boonsaa fi seena qabeessa kanaan kan geessan uummanni biyya keenyaa baga gammaddan jechuun barbaada. mootummaa keenya mootummaa ummataan hundaa'e, mootummaa cimaa madda dimokiraasii ta'e kan Abbichuun hoogganamu irra deebiin yoo filannu gammachuu addaatu nutti dhaga'ama. Waggoottan saddeettan darbanitti mootummaa fi ummanni waliigaltee isaanii hojii misooma qabatamaan agarsiisaniiru. Caamsaa 24 jechuunis guyyaa borii immoo waadaa isaanii irra deebiin sagalee isaaniin haaromsuuf beellama cimaa qabatanii sa'atii muraasa qofa eegaa jiru.
Biyya keenya keessatti hojiin mootummaa fi ummanni waliin hojjetaniin bu'aan misoomaa argame cimina mootummaa badhaadhinaaf ragaa guddaadha.
Guyyaan kun mootummaa har'aa qofa hundeessuu osoo hin taane guyyaa mootummaa cimaa, nageenya waaressee fi badhaadhina dhugoomsuu danda'u dhaloota dhufuuf dhaalchifnudha. kanaaf guyyaan kun guyyaa seena qabeessa jenne. !
🇪🇹 Caamsaa 24 ni kabajna!
🇪🇹 Tokkummaan ni cimina!
🇪🇹 Badhaadhina ni ijaarra!

Oomishtummaa Qamadii dabaluun  kallattiin badhaadhina dhugoomsuudha!Oomishtummaa qamadii dachaan dabaluun kallattiin jir...
30/05/2026

Oomishtummaa Qamadii dabaluun kallattiin badhaadhina dhugoomsuudha!

Oomishtummaa qamadii dachaan dabaluun kallattiin jiruu fi jireemya uummataa fooyyessuu waliin kan wal qabatudha. kun immoo Badhaadhina dhuunfaa fi biyyaa dhugoomsuu keessatti ga'ee ol aanaa qaba. Tarsiimoo sirrii Abbichuun boce hojiirra oolchuun bu'aan gama jallisii qamadii boneen argame bilisummaa dinagdee keenyaa haala yaadameen dhugoomsaa jira. Kanaaf Oomisha qamadiidhaaf hiikkaa guddaa kennina. Qamadiin mallattoo badhaadhinaa fi bilisummaa dinagdee keenya isa dhugaati. qamadii nyaata qofa miti; mallattoo jireenyaa, abdii fi of danda’uu keenyaati.

Waggoottan muraasa darban keessa mootummaan Ida'amuun durfamu hojii cimaa hojjeteen oomisha qamadii dachaan dabaluun danda'ameera. Kun immoo Itoophiyaan midhaan nyaataan of danda'uu fi alaagalchuu dhaabuu isheef bu'uura guddaa ta'eera.

Qamadiin lubbuu baraartuu dhugaa keenya ta’uu isaa kan mirkaneessu, yeroo addunyaan illee rakkoo keessa galtutti nuti midhaan nyaatan of danda'uu keenyadha. kanaaf qamadii mallattoo badhaadhinaa fi bilisummaa dinagdee keenyaati jenna.

IGAD has deployed a mission to monitor the seventh general elections in Ethiopia, as part of supporting transparency and...
29/05/2026

IGAD has deployed a mission to monitor the seventh general elections in Ethiopia, as part of supporting transparency and enhancing the integrity of the electoral process.

Rakkoo Bu'uuraalee misoomaa Uummata Booranaaf dafee kan qaqqabe Abbichudha!Uummatni Booranaa rakkoo misooma bu’uuraatiin...
28/05/2026

Rakkoo Bu'uuraalee misoomaa Uummata Booranaaf dafee kan qaqqabe Abbichudha!

Uummatni Booranaa rakkoo misooma bu’uuraatiin yeroo dheeraa dararamaa tureera. Rakkoo uummataa furuuf ciisee kan hin bulle Abbichuun xiyyeeffannoo addaatiin hojjechuun rakkoo bu'uuraalee misoomaa isaan qaban kan akka Daandiiwwan, bishaan dhugaatii qulqulluu, Dhaabbilee fayyaa, manneen barnootaa fi bu’uuraalee tajaajilaa garaagaraa babal’isuun jireenya hawaasa Booranaa keessatti jijjiirama fideera jennee afaan guunnee dubbachuu ni dandeenya. Keessumaa giddugalli aadaa Booranaa, hojii misooma bishaanii fi daandiiwwan mootummaa keessatti hojjetaman naannichatti walitti hidhamiinsa dinagdee fi hawaasummaa cimsuun mootummaa keessatti shoora guddaa taphachaa jiru. Kunis mootummaan Abbichuun gaggeeffamu mootummaa uummataa ta'ee hojjechaa jiraachuu isaa agarsiisa.

28/05/2026

Oromiyaan Finfinnee irratti faayidaa seeraan maluuf argachuu waan qabduuf dhimmi kun ajandaa Marii Komishinii Biyyaalessaa keessaa tokko jedhu Kantiibaan Finfinnee.

Guyyaa 4 qofatu hafe!!Mootummaa biyya  dinagdee jabaa ijaarrattee fi nageenya waaressuun   biyya  cimtuu hundeessuuf  hu...
28/05/2026

Guyyaa 4 qofatu hafe!!

Mootummaa biyya dinagdee jabaa ijaarrattee fi nageenya waaressuun biyya cimtuu hundeessuuf humna cimaa qabu Abbichuu filachuun dhalootaaf seenaa guddaa hojjechuuf guyyaa 4 qofatu hafe. Abbichuu filachuun misoomaa, demokiraaasii, nageenyaa, Ammayyummaa filachuudha.

"Aanaa Goomoleetti ijarsi pirojektoota hidha jallisii xumuramuun jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuun boqonnaa gu...
27/05/2026

"Aanaa Goomoleetti ijarsi pirojektoota hidha jallisii xumuramuun jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuun boqonnaa guddaa bu’uuraalee misoomaa bishaanii mirkaneessuu agarsiisa"- Dooktar Abiy Ahimad

Address

Haifa
3478403 POSTALCODE

Telephone

+251943545686

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Biftuu Odaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Biftuu Odaa:

Share