Yaadi malee hin yaada'iin

Yaadi malee hin yaada'iin Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Yaadi malee hin yaada'iin, Digital creator, America, Mumbai.

08/06/2024
07/06/2024

Wellisaan beekkaman maaykil jaaksan waggaa 150 jiraachuuf karoora qabatee ture.

Kanaafis Doktoroota 12 manatti qacaruun/mindeeysuun, guyyaa guyyaan rifeensa mataatii hanga qeensa miilaatti fayyummaa isaa akka ilaalan taasise.

Nyaanni isaa yeroo hunda utuu isaaf hin dhiyaatin laboratoory'dhaan ilaalamee dhaqaaf.

Dabalataan Namoonni biraa 15 qacaramanii dalagaa fi ispoortii/sochii qaamaa isaa too'atu.

Sireen inni irra rafu teknooloojii ofii isaatiin sadarkaa oksiijinii too'atu qaba.

Qaamoleen namaaf barbaachisoo tahan (Onnee,Kalee,Tiruu,....) faa nama kennuuf kaffaltiin qopheessee kaa'atee ture.kanaaf yeroo barbaachisanitti battalumaatti bakka buusuuf.

Abjuu waggaa 150 jiraachuutiin deemsa itti fufe.

Kalaas‼ Hin milkoofneef

Waxabajjii 25 bara 2009A.L.A umrii isaa waggaa 50tti onneen isaa dalagaa dhaabde. Hojiileen doktoroota 12nii hin milkoofneef.
Biyyoota adda addaa kan akka kaalifoorniyaa fi loosanjles irraallee doktoroonni dabalataa waamamanii garuu baraaruu hin dandeenye.

Waggaa 25niif namichi doktorootaan malee hin tarkaanfatin,abjuu isaa waggaa 150 jiraachuu hin dhugoomsine.

Deemsi xumuraa jaaksan tamsaasa kallattii(live) namoota miiliyoona 2.5n daawwatame.kun immoo dheerinaan fi baayyinaan hamma yoonaa dorgomaa hin qabu.

Guyyaa inni du'u Waxabajjii 25 2009 halkan sa'atii 9:15tti, Wikipedia, Twitter,AOL's instant messenger dalagaa dhaabanii turan.kunis namoonni miiliyoonaan lakkawaman walfaana gara google seenanii du'a isaa barbaadaa waan turaniifi.

Jaaksan du'a injifachuuf ture.duuti garuu isa injifatte.

Jireenyi meeshaa, addunyaa meeshaa taate tana keessatti du'a kaawwanirra du'a meeshaa fida. Kun seera Umamaati.

Mee Amma haa yaannu...

Maaliif qarshii argannuun gamachuu hin qabaanne?

Eenyuun agarsiifachuuf wantoota qaqqaalii fayyadamna?

Dhumarratti: Nuti qabeenya hin qabnu. waanuma maqaan keenya yeroodhaaf irratti barraahe malee keenyaa miti.

☞Namoota si ilaalutti, akka isaanitti dhagahamuuf gammachuu kee hin agarsiifatin.

☞Jireenya kee h

Address

America
Mumbai

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Yaadi malee hin yaada'iin posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share