Hoolataa dirree nagaa

Hoolataa dirree nagaa Informazioni di contatto, mappa e indicazioni stradali, modulo di contatto, orari di apertura, servizi, valutazioni, foto, video e annunci di Hoolataa dirree nagaa, Creator digitale, Holand, Rome.

13/10/2025

“Isaan si lolu, ani si oolchuudhaaf sii wajjin waanan jiruuf garuu si hin "
Ermiyaas 1:19

08/07/2025
24/04/2025

kee dursii kana !
'Namni maal naan jedhaa?'n waan namni siin jedhu jijjiiree hin argamu; garuu eenyummaan kee gooftaa waan siin jedhamuuti. Kanaaf ofitti amanummaa kee gabbisii qabadhu! Akka siin jedhan ta'uuf osoo hin taane, akka taatee argamtu akka jedhamtuu dalagi. Hamma geessuus hin ibsiin; hammi geessuu sunuu ragaadha. Hundaaf gurra ergisuunis gurra kaayyoo ofiitti dugda gatuu akka ta'e yaadaan qabadhuu deemsa itti fufi. Imala milkii!

Gaafa sochii eegaltu sirrattis sochiitu eegalama. Waa'een kee karaa lamaan odeeffamuu itti fufa. Kaan sababa malee si jibba, sirratti odeessa, maqaa kee faalee dhiisuu dida, dhagaa filee sitti darbata. Kaanimmoo ofitti si waama, harka walitti siif rukuta, dibbee siif reeba! Eeyyeen kanatu jira! Kun jiraachuu isaa hubachuufi kanaaf deebii akkamii akka laattus of harkaa qabaachuutu si ceesisa.

Kan akkan taaneen si hordofu hin hordofiin. "Jaldeessa faana dhahuun hallayyaa nama buusa!" jedha Oromoon yeroo mammaaku. Kan sitti wacu gargaartee sagalee wacaa ol kaasuun, gurra gara kaayyoo kee hin butuchiin, dhagaa sitti darbamuu walitti qabi riqicha ce'umsaafi mana galmaa ittiin ijaarratta, jechoota sin ilaalle sitti maxxanan immoo akka dubbii waa'ee hin baafneefi balfa gatamaatti fageenyatti ofirraa eegi.

Akkanuma, kan si faarsu faana of hin faarsiin; gaafa si arrabsu faana of arrabsuu malta. Sagalee weedduu iddoo siif hin malletti miirri siif kennu dhageessee weedduufi gonfoo gaara mo'ichaa irraa akka hin hafnetti of eegi. Badhaasa siif kennamu adda baasii beeki. Badhaasnifi jajjabeessi siif hin mallee itti quufinsa sobaa si gonfachiisuun karaa jal'uurra si qajeelchu. Eeyyeen, kan siif laatu kennaa isaa dura, eenyummaa isaa adda baasi. Hubataa ta'i!

Kan sii jibbu jaalattee kan si jibbu hin jibbiin. Kan siif reebuu ol kaastee, kan si reebuu reebuuf yeroofi annisaa kee hin gubiin. Kana hundumaa, akka galumsaatti, keessumeessuu akka dandeessuuf ogummaa dabaladhu.

✨ Baga guyyaa dubartoota idil addunyaa geessan! 🌷✨Amajjii 8💐, cimina, dandamachuu, fi dandeettii dubartoota addunyaa kan...
08/03/2025

✨ Baga guyyaa dubartoota idil addunyaa geessan! 🌷✨

Amajjii 8💐, cimina, dandamachuu, fi dandeettii dubartoota addunyaa kanaa kabajna. Kutaa jireenyaa hunda keessatti wal olkaasuun, wal humneessuu fi wal kakaasuu itti fufna.

Kan darbe kabajnee, kan ammaa hammannee, egeree dubartiin hundi itti dagaagdu haa bocnu.🌺🌸

✨ Happy International Women’s Day! 🌷✨

March 8💐, we celebrate the strength, resilience, and brilliance of women around the world. May we continue to uplift, empower, and inspire one another in all walks of life.

Let’s honor the past, embrace the present, and shape a future where every woman thrives.🌺
✨ መልካም አለም አቀፍ የሴቶች ቀን! 🌷✨ ማርች 8 ፣ በዓለም ዙሪያ ያሉ የሴቶች ጥንካሬ ፣ ጽናትና ብሩህነት እናከብራለን። በሁሉም የሕይወት ዘርፎች እርስ በርስ መበረታቻ፣ ማበረታታት እና መነሳሳትን እንቀጥል። ያለፈውን እናክብር ፣የአሁኑን እንቀበል እና ሴት ሁሉ የምትበለፅግበትን የወደፊት ሁኔታ እንፍጠር።🌺🌸

07/03/2025

“ቸርነትህና ምሕረትህ በሕይወቴ ዘመን ሁሉ ይከተሉኛል፥ በእግዚአብሔርም ቤት ለዘላለም እኖራለሁ።”
— መዝሙር 23፥6

01/03/2025

Hamma Geessuu Beeknaan Oduu Nama hin dhaaga'iin ofikeef amanamaa ta'i !!!

20/02/2025

Kaayyoon tabba qaba itti laafnaan Caba qaba jabaannaan galma qaba.

Guyyaa 12/06/2017     🌲🌲🌲Hoolataa🌲🌲🌲Bulchiinsa magaalaa Hoolataatti Waajjirri dhimma dubartootaa fi Daa'imani Bulchiinsa...
19/02/2025

Guyyaa 12/06/2017
🌲🌲🌲Hoolataa🌲🌲🌲
Bulchiinsa magaalaa Hoolataatti Waajjirri dhimma dubartootaa fi Daa'imani Bulchiinsa magaalicha akkaataa sagantaa taa'en gandoota magaala keessatti kabaja ayyaana march 8 sababeefachuun sosoochi hawaasa , Tumaa abbootii gadaa fi midhaa dubartootaa fi daa'iman ittisuuf barreefamoota qopha'an irratti mariin taasifamee jira. Akkasumas midhaa dubartootaa fi daa'iman irra gahuu ittisuuf gaheen hawaasa murteessaa ta'u fi "midhaan dubartootaa fi daa'iman irra gahuu midhaa kooti "dhaadannoo jedhun hawaasni gahee irra eegamuu bahu akka qabu waadaa galamee jira.

Indirizzo

Holand
Rome

Sito Web

Notifiche

Lasciando la tua email puoi essere il primo a sapere quando Hoolataa dirree nagaa pubblica notizie e promozioni. Il tuo indirizzo email non verrà utilizzato per nessun altro scopo e potrai annullare l'iscrizione in qualsiasi momento.

Condividi