Anu Poems

Anu Poems Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Anu Poems, Digital creator, Asebe Teferi.

💔 .........
Hangan 'ona' ta'ee jiraadhu
Waa hundakoo sitti laadhee
Silaan gaafan si baru sana
Ciisee hospitaala jiraadhee....!
.........
Anu Poems

17/05/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Ummuu Murad, Abdulmajid mamazen , የመደመር ትሩፋት

14/04/2025

"Kana caalaa si dhoksee turuu hin danda'u; akkan si jaaladhe dhaga’i!"

📚
🖋

Haadha kee marartuuMiixattee si deesse,Diraamaaf ajjeefteeJiraa boolla keessee,Nu salphisuuf jechaSalphina simatteeDurbu...
29/03/2025

Haadha kee marartuu
Miixattee si deesse,
Diraamaaf ajjeeftee
Jiraa boolla keessee,

Nu salphisuuf jecha
Salphina simattee
Durbummaan eerumtee
Gudeeddii himattee,

Ilmookee Abbaa qabu
Diqaalaa taasiftee
Imimmaan naachaatiin
Uummata naasiftee,

Abbaa manaa keetii
Dalagee si sooruu
Kabajasaa eegdee
Silaa kaatuuf nooruu,

Harka si nyaachise
Ganaa dhirsaa gantee
Bultii kee nagaatti
Lola'n taane bantee....

Atoo waan facaafte
Haamtee calleessitaa
Burtee jireenya kee
Maaliif balleessitaa?

Haqaa barbaaddachuuf
Haqa keenya haqxee,
Gabaa polotikaa
Maaf nagaduu dhaqxe?

Tapha siyaasaatiif
Of taasiftee kaartaa
Nyaatamuuf qophooftee
Duuba nyaachuuf xaartaa?

Gucni haqaa'n dhaamu
Cabsee ba’a dibaa
Karaan sobaan darban
Deebii nama dhibaa.

Harkumaan tuttuqxee
Ofitti nu kaaftee
Nutti nyaachifattee
Ofitti dhukaafte.
•••
Egaa.....

Maqaa nu xureessuuf
Nutti dibuuf cilee
Seenessa barreessee
Taatummaan si filee
Warra siin taphatee
Kan si buuse qilee....

Jibba saba keenyaa
Abbaarraa dhaalanii
Gaarummaa Oromoo
Mul'ataa haalanii,
Industirii fiilmiif
Aartiin nu caalanii
Asoosama dharaan
Duruu nu faalanii..

Afuuftonnni faaggaa
Warri du’ee ka’u,
Hamilee nu cabsuuf
Guyyuu bu’ee ba’u,

Warri garaan xannee
Afaaniin dammarraa
Barri dharaa darbuu
Haa beekan ammarraa.

Shiraaf dabaan tolloo
Nu jala ka’anii
Lamuu nu kuffisuun
Galma hin ga’ani.

Barri caba keenyaa
Darbeera hin dhufu,
Boolla nuuf qotanu
Ofiif itti kufu...!

✍️... Riyaad Raayyaa

20/03/2025

 Guyyaa harraa jimaata February 28, 2025 baatiin ji’a   waan mul’atteef, Sabtii borii Ramadaanni 1 jedhee kan jalqabu ta...
28/02/2025



Guyyaa harraa jimaata February 28, 2025 baatiin ji’a waan mul’atteef, Sabtii borii Ramadaanni 1 jedhee kan jalqabu ta’a.

Rabbi warra irraa fayyadamu nu haa taasisu.

Comic(😄) Abbaa manaa fi haadha manaatu kaloo qonnaa daawwatan. Korma loonii dhalaa loonii gaanaa jiru arganii haati warr...
28/02/2025

Comic(😄)

Abbaa manaa fi haadha manaatu kaloo qonnaa daawwatan. Korma loonii dhalaa loonii gaanaa jiru arganii haati warraa nama loon eegu sanaan "guyyaatti yeroo meeqa gaana?" Jette. "Yeroo 6 fi sanaa ol" jedhe.

Haati warraa gara abbaa manaa ishee ilaalaa "argitee!??" jette.

Abbaan manaas namicha loon tiksuun "jechuun dhalaa loonii tokko qofa guyyaatti yeroo 6 fi sanaa ol gaanaa?" jedhee gaafate.

Namichi loon tiksu "lakkii, lakkii guyyaa guyyaan dhalaa loonii addaa addaa waliini" jedhe.

Abbaan manaa gara haadha warraa isaa ilaalaa "argitee!?" jedhe.

Lolli asirraa eegale. Lola kana eenyu eegale?😃

 ! 😍
22/02/2025

! 😍

Bara akkamii keessa jirra laata?Shakkamaan Haadhaafi Abbaa isaa albeen haala suukkanneessaan qalee ajjeese to'atame.Shak...
14/02/2025

Bara akkamii keessa jirra laata?
Shakkamaan Haadhaafi Abbaa isaa albeen haala suukkanneessaan qalee ajjeese to'atame.

Shakkamaan kun Godina Wallaggaa Lixaa, aanaa Najjoo ganda Eebba Waaqayyoo jedhamu keessatti haala suukkanneessaan Haadhaafi Abbaa isaa ajjeesee konkolaataan miliqaa jiru Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbeetti qaamolee nageenyaa aanichaan to'atameera.

Zinabu Damtetu barreesse.

29/10/2024
🇨🇵 Paul Pogba: "When I first got my huge pay from Manchester United I was so happy I went from to my dad and he said; "M...
08/10/2024

🇨🇵 Paul Pogba: "When I first got my huge pay from Manchester United I was so happy I went from to my dad and he said; "My son don't waste your money, when the party is over, guests will leave and you will be left behind."

"I didn't understand these words until I had problem and I noticed many friends who used to come around every time, never bother to check up on me again. the only people I have now are my immediate family. That's life". 💔

Address

Asebe Teferi

Telephone

251176342

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Anu Poems posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Anu Poems:

Share