Godana abdub

Godana abdub Nama dhugaa hojjate waaqa jaalata nama dhugaa jalise waaqa gaafata

19/06/2024
Yaamicha Nageennaa, Tokkummaa fi Araaraa Oromoo fi OromiyaaAbbaa Gadaa Booranaa Kuraa Jaarsoo Dabarse jira BGM Camsaa,11...
13/05/2023

Yaamicha Nageennaa, Tokkummaa fi Araaraa Oromoo fi Oromiyaa
Abbaa Gadaa Booranaa Kuraa Jaarsoo Dabarse jira

BGM Camsaa,11/2023
Abbaan Gadaa Booranaa Kuraa Jaarsoo yaamicha Nageennaa, Misoomaa, Tokkummaa fi Jaalalaa ummata Oromoo, Sabaa fi Sablammii Itoophiyaaf dabarsan.

Abbaan Gadaa Oromoo Booranaa tokkummaan Oromoo fi Oromiyaaf murteessaa ta'uu himuun Oromoo lagaan,gandaa fi amantii walqooduu dhiisee tokkummaa akka jabeeffatu dhaaman.

Abbaan Gadaa Kuraa Jaarsoo dhimmoota waliin jireenna obbolummaa fi Oromummaa irratti mariin keessoo Ilmaan Oromoo murteessa ta'uu himan.

Abbaan Gadaa dhimma hundeeffama Godina Boorana Bahaa fi teessoo Godinichaa Magaala Nageellee Booranaa irratti komii gama Oromoo Gujiitiin ka'e irratti Marii waliin taasisanii walii galtee irra gahan irratti yaamicha Tokkummaa, Jaalalaa fi Araaraa dabarsan.

Abbaan Gadaa Booranaa fi Gujiin dhiiga tokko akka ta'an kaasuun Oromoon waan argate waliin argatee waan dhabullee waliin dhabee waan ta'eef waan waldhabuuf hin qabuu jedhan. Abbaan Gadaa Kuraa Jaarsoo Godinii 21ffaan Oromiyaa Godinii Boorana Bahaa nuu dabalamee dogongora seenaa turees waliin nuu sirreesse waan ta'eef waan qabnu waliin jabeeffannee waan nuu malees waliin haa barbaannuu dhaaman.

Dabalataan walmilluu Obboleeyyan lamaan jidduu turte Mariin Aadaa fi duudhaa teennaan fulaa Abbootiin Gadaa Sabboo fi Goona,Kontomaa fi Daarimu, Sikkoo fi Mandoo, Jilboo fi Loosaan argamanitti Gadaa Oromoo bal'oo fi finnii Oromiyaa Hangafa hirmaachisetti waliigaltee irra waan geenneef kutaaleen hawaasaa nageennaa fi tokkummaa akka jabeessan dhaaman.

Qaamii faallaa waliigaltee kanaa waan Obbolummaa, Tokkummaa fi Jaalala Oromummaa diigaa hawaasa keenna jidduutti lallabuu fi Aadaa fi duudhaa Oromummaa cabsuu akka adabatan dhaame jira,Dabalataan safuu hawaasaa keennaa eeguu dhabuu isaaniitiin itti gaafatamummaa jalaa akka hin baane hubachiisanii jira

Abbaan Gadaa Kuraa Jaarsoo Oromoon dhimmoota keessa isaa mariin fixachuun nagaa naannoo isan egachu qaba jedha.

BGM MADDA ODUU DHUGAAFI GUDDINAA

Waan hin taane hin xaafin nageellee booranaa waan jijiiramatimiti abadaan abadaan!
11/05/2023

Waan hin taane hin xaafin nageellee booranaa waan jijiiramatimiti abadaan abadaan!

Oduu Gadda via Halkish Jirm HJ Godina Booranaa Bahaa  Aanaa Waacillee ganda urgootti garriin  Barataa Kutaa 12 Mammadi I...
26/04/2023

Oduu Gadda via Halkish Jirm HJ
Godina Booranaa Bahaa Aanaa Waacillee ganda urgootti garriin Barataa Kutaa 12 Mammadi Ibraahini Jedhamu mottorii Irraati ijjeeftee Maatiif Hiriyootan Jajjabadha Irraa Hafaa

Hardhuma ammo nama 13 Uudatiitti hiitee jedhani gariin❗

BGM ::: 29-03-23******************Aanaaleen armaan gadii akka Godina Boorana bahaa jalaatti gurmaa'an xalayaan biiroo pr...
29/03/2023

BGM ::: 29-03-23
******************
Aanaaleen armaan gadii akka Godina Boorana bahaa jalaatti gurmaa'an xalayaan biiroo presidentii naannoo Oromiyaa irraa gara Godina Gujii bahaa fi Godina Boraanaatti ergame mirkaneessa:
1. Aanaa Gooroo Doolaa
2. Liiban
3. Gumii Eldalloo
4. Magaala Nageellee Booranaa
5. Waacille
6. Areero
7. Dhaas
8. Madda Walabuu fi
9. Oborso

Akkasuma teessoon Godina Gujii bahaa bulchiinsa magaala Adoolaa Reeddee ta'a.
Teessoon Godina Boorana bahaa bulchiinsa magaala Nageellee Booranaa ta'a.
Hundeeffama Godina lamaniif deeggarsii barbaachisu akka kennamu gaafatan.

Odduu Gaddaa 😭Guyyaa Hardha 06/07/2015 ykn 25/3/2023Godina Booranaa Baha Aanaa MoyyaaleeGanda Dambii Cammee Galgalaa kan...
26/03/2023

Odduu Gaddaa 😭
Guyyaa Hardha 06/07/2015 ykn 25/3/2023
Godina Booranaa Baha Aanaa Moyyaalee
Ganda Dambii Cammee
Galgalaa kanaa nannoo sa'aatii 10:00
Robbii Ciimmaa Robbeni
Galaa 55 Lagii Fudhatee
Xoophiyyaa fudhate Kenyatin dabree
Yaa Waaqa bonaa bokkaa kelee irraa
nuu hambisi 🤲
Gali Kunii Abbaa Shan
1,Anna Boru
2,Adan Galgalo
3,Dida Miyyo
4,Dida Galgalo
5, Qonjoo Huqa

Address

Oromiya
Moyale

Telephone

+251919154745

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Godana abdub posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share