Moyale Woreda Government Communication Affairs Office

Moyale Woreda Government Communication Affairs Office Madda Odeeffannoo qulqulluu, dhugaafi si'ataa uumuun mootummaa fi uummata wal qunnamsiisuuf hojjanna!

Buufata Fayyaa Afuuratti kenniinsa tajaajila fayyaa fi hawwattummaa iddoo hojii mijataa ta'e uumuuf xiyyeeffannon hojjet...
16/10/2025

Buufata Fayyaa Afuuratti kenniinsa tajaajila fayyaa fi hawwattummaa iddoo hojii mijataa ta'e uumuuf xiyyeeffannon hojjetamaa jira.

[KAM,Onkoloolessa 06/2018]-Godina Booranaa Aanaa Mooyyaleetti Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa Mooyyalee Obbo Goollichaa Godaana fi Ittigaafatamaan Waajjira Fayyaa Aanaa Mooyyalee Obbo Jaarsoo Malisee guyyaa har'aa Buufata fayyaa Afuuratti argamuun sadarkaa kenniinsi tajaajila fayyaafi hawwattummaa moonaa buufatichaa daawwachuun jajjabeessanii

Buufatichatti kenniinsa tajaajilaa fooyyessuufi iddoo hojii mijataa ta'e uumuuf, xiyyeeffannoo kennamee bal'inaan hojjetamaa kan jiru yoo ta'u, kenniinsi tajaajila fayyaa achi keessatti kennamaa jiruun jijjiiramni guddaan kan jiruufi iddoo hojii qulqulluu fi hawwataa ta'e uumuuf hojiin hojjetames gaarii ta'uun ibsamee jira.

Hojii fayyaa milkeessuun hawaasa fayya buleessa horachuuf ogeessi fayyaa dirqama ogummaa isaa bahuu akka qabuu fi hawwattummaa buufatichaa cimsuuf kutannoodhaan hojjachuun barbaachisaa ta'uu ibsun,Hanqinaalee tokko tokko gama hawaasaan darbee darbee ka'us bu'uura irraa hiikuun murteessaa akka ta'es kallattiin kaa'anii jiru.

Fayyaan Faaya!

16/10/2025
Waraqaa Eenyummaa Dijitaalaa Biyyaalessaa Tajaajila Hundagaleessaaf![KAM,Onkoloolessa 06/2018]-Godina Booranaa Aanaa Moo...
16/10/2025

Waraqaa Eenyummaa Dijitaalaa Biyyaalessaa Tajaajila Hundagaleessaaf!

[KAM,Onkoloolessa 06/2018]-Godina Booranaa Aanaa Mooyyalee Gandaa Bokkoolatti Galmeen Waraqaa eenyummaa dijitaalaa(National ID) Itti fuufinsaa kennamaa jira.

Kayyoof barbaachisummaa Gurmaa'insaa Gandaa keessaa tokko, tajaajila si'ataa itti dhiheenyaan hawaasni qa'ee ofiitti akka argatuuf hojjachuu waan taheef bu'uuruma kanaan galmeen waraqaa eenyummaa dijitaalaa biyyaalessaa ittifuufinsaan kennama jira.

Haluma kanaan guyyaa har'aa
Galmeen Waraqaa Eenyummaa Dijitaalaa (National ID) Ganda Bokkoolatti Hawaasaaf kennamaa jiru irratti Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa Mooyyalee Obbo Goollichaa Godaana fi Bakka Bu'aa Bulchaa fi Ittigaafatamaan Waajjira Fayyaa Aanaa Mooyyalee Obbo Jaarsoo Malisee achitti argamuun haala kenninsa galmee Waraqaa enyummaa dijitaalaa ilaaluun jajjabeessanii jiru.

Balaa tiraafikaa xiqqeessuu keessatti hunduu gaheesaa bahachuu akka qabu dhaamame. [KAM,Onkoloolessa 05/2018]-Godina Boo...
15/10/2025

Balaa tiraafikaa xiqqeessuu keessatti hunduu gaheesaa bahachuu akka qabu dhaamame.

[KAM,Onkoloolessa 05/2018]-Godina Booranaa Aanaa Mooyyaleetti qindoomina Waajjira Daandii fi loogistikii fi Waajjira Poolisii Aanichaa waliin ta'uun Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa fi Sadarkaa 2ffaa Tuqaatti,Hojiin Hubannoo Nageenya Tiraafikaa Barattootaa mana barumsichaaf kenname.

Kaayyoon hubannoo nageenya tiraafikaa mana barumsaa keessatti kennameef barataa daandii bitaa qabatee akka deemuu,daandii konkoolata keessa akka hin deemnee,daandii irraa akka hin taphanee,yeroo karaa qaxamuran ofii egannoon akka qaxxamuran fi Daandii zebiraan akka fayyadaman ta'uu dubbatame jira.

Waliin taanee balaa Tiraafikaa Haa Ittisnu !

Addunyaa Ammayyooftetti makamuuf Waraqaan Eenyummaa Dijitaalaa murteessaadha jedhame. [KAM,Onkoloolessa 04/2018]-Godina ...
14/10/2025

Addunyaa Ammayyooftetti makamuuf Waraqaan Eenyummaa Dijitaalaa murteessaadha jedhame.

[KAM,Onkoloolessa 04/2018]-Godina Booranaa Aanaa Mooyyalee Gandaa Bokkoolatti Galmeen Waraqaa eenyummaa dijitaalaa eegale.

Jiraattonni Aanaa Mooyyalee waraqaa eenyummaa dijitaalaa akka galmooftaniif mootummaan haala mijeessee hanga Gandaatti gadi buusee tajaajila haqa qabeessaa,si'ataa fi baasii addaa addaa irraa bilisa ta'e isiniif kennuu irratti argama, Kanafuu hawaasni Aanaa keenna naannoo Bokkoola kanatti argamtanii hundii dagattummaa keessaa bahuudhaan dammaqaa taatanii Addunyaa dijitaalaatti makamuuf waraqaan eenyummaa dijitaalaa biyyaalessaa baafachun sirna daldalaa fi fayyadama waan hundaa akka taatan isiniin jennaa.

Hawaasni Aanichaa tajaajila qa'ee ofitti argateef hedduu kan gammadee fi bu'aa waraqaa eenyummaa dijitaalaa hubachuun galmaa'aa jirachuu odeeffannee jira.

Bakki Galmee Waajjira Bulchiinsa Gandaa Bokkoolatti!

โ€Ž

Rakkoo Bulchiinsa gaarii yeroo hedduu hawaasni deddeebisee komii kaasaa ture ijaarsi riqichaa qa'a wirwiixaa fi caamee s...
13/10/2025

Rakkoo Bulchiinsa gaarii yeroo hedduu hawaasni deddeebisee komii kaasaa ture ijaarsi riqichaa qa'a wirwiixaa fi caamee saffisaan hojjatamaa jirachuu Waajjira Daandii fi Loojistikii Aanichaa Beeksise.

[KAM,Onkoloolessa 03/2018]-Godina Booranaa Aanaa Mooyyaleetti Rakkoo Bulchiinsa gaarii yeroo hedduu hawaasni deddeebisee komii kaasaa ture ijaarsi riqichaa qa'a wirwiixaa fi caamee saffisaan hojjatamaa jirachuu Waajjira Daandii fi Loojistikii Aanichaa Beeksise.

Ittigaafatamaan Waajjira Daandii fi Loojistikii Aanaa Mooyyalee Obbo # deggarsaa fi Hordoffii riqichaa kanarratti argamuun akka jedhanitti mootummaan jijjiiramaa yaadaa fi gaaffii uummataa dhaggeefachuun rakkoolee Bulchiinsa gaarii sadarkaa sadarkaan jiran furuuf aadaa godhatee hojjetaa kan jiru ta'uu ibsun,Hojiin ijaarsa riqichaa kun yeroo jedhame keessatti xumuramee faayidaa yaadameef akka ooluuf deggersaa fi hordoffii taasifnuun cinaatti hawaasnis waan qabuun hirmaatee gahee irraa eegamu bahuu akka qabu dhaamanii jiru.

Ijaarsi riqichaa yeroo ammaa saffisaa hojjatamaa kan jiru yoo ta'u yeroo gabaabaa keessatti xummuramee hojii kan eegalu tahuu odeeffannoon arganne ni mullisa.

Aanaa Mooyyaleetti Oreenteshinii fi gamaaggamni raawwii hojiilee hangaa ammaa hojiiwwaan xiyyeeffannoo barbaadan hoggans...
13/10/2025

Aanaa Mooyyaleetti Oreenteshinii fi gamaaggamni raawwii hojiilee hangaa ammaa hojiiwwaan xiyyeeffannoo barbaadan hoggansa Aanichaa hirmaachisuun geggeeffamee.

[KAM,Onkoloolessa 03/2018]-Godina Booranaa Aanaa Mooyyaleetti Oreenteshinii fi gamaaggamni raawwii hojiilee hangaa ammaa hojiiwwaan xiyyeeffannoo barbaadan hoggansa Aanichaa hirmaachisuun geggeeffamee.

Dhimmoota haala yeroofi hojii ijoo xiyyeeffannoo barbadaan irraatti kallatti kan ka'aan Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa Mooyyalee Obboo Goollicha Goodanaa fi Ittigaafatamaan Waajjira Fayyaa Aanichaa Obboo Jaarsoo Malisee yoo ta'uu geggeessaan kenna gandaa itti ramadametti olee buluun hojii xiyyeeffannoo barbadaan hundaa walcinaa qindeessuun sirritti xiyyeeffannoon hojjate jijjiramaa guddaa fiduu qaba jechuun dhaamanii jiru.

Dabalataniis,Hoggansi keenna haala yeroo keessa jirru hubaatee hojiilee hundaa miiraa xiiqii fi rakkoo hawaasaa hiikuun hogganu akka qabuus kallattiin kennamee jira.

โ€œ๐€๐ฅ๐š๐š๐›๐š๐š๐ง ๐Š๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š, ๐Œ๐ข๐ฌ๐ข๐ซ๐š๐š๐œ๐ก๐จ๐จ ๐๐š๐ซ๐š ๐Ž๐ฅ๐ค๐š๐šโ€™๐ข๐ข๐ง๐ฌ๐š๐š ๐Ž๐ฅ๐š๐š๐ง๐š๐š, ๐“๐จ๐ค๐ค๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐๐ข๐ฒ๐ฒ๐š๐š๐ฅ๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐š, ๐๐ข๐ซ๐ฆ๐š๐๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š๐Ÿ๐ข ๐‡๐š๐š๐ซ๐จ๐ฆ๐ฌ๐š ๐ˆ๐ญ๐จ๐จ๐ฉ๐ก๐ข๐ฒ๐š๐š๐Ÿ![KAM...
13/10/2025

โ€œ๐€๐ฅ๐š๐š๐›๐š๐š๐ง ๐Š๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š, ๐Œ๐ข๐ฌ๐ข๐ซ๐š๐š๐œ๐ก๐จ๐จ ๐๐š๐ซ๐š ๐Ž๐ฅ๐ค๐š๐šโ€™๐ข๐ข๐ง๐ฌ๐š๐š ๐Ž๐ฅ๐š๐š๐ง๐š๐š, ๐“๐จ๐ค๐ค๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐๐ข๐ฒ๐ฒ๐š๐š๐ฅ๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐š, ๐๐ข๐ซ๐ฆ๐š๐๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š๐Ÿ๐ข ๐‡๐š๐š๐ซ๐จ๐ฆ๐ฌ๐š ๐ˆ๐ญ๐จ๐จ๐ฉ๐ก๐ข๐ฒ๐š๐š๐Ÿ!

[KAM,Onkoloolessa 03/2018]-Godina Booranaa Aanaa Mooyyaleetti Guyyaan Alaabaa marsaa 18ffaan bakka hojjettoota sektaraalee, qaamolee nageenyaa, hooggantootni gara garaafi Af-yaa'iin Aanaa fi Magaalaa Mooyyalee argamanitti dhaadannoo "Alaabaan keenya;Misiraachoo Bara Olkaa'iinsaa Olaanaa ; Tokkummaa Biyyaalessaa, Birmadummaafi Haaromsa Itoophiyaaf" jedhuun kabajamee.

Ayyaana Alabaa kana irratti karaa mana Hojii Abbaa Alangaa maalummaan Alabaa fi hiikkoon isaa kennamee jira.

Kaayyoon kabaja Guyyaa Alaabaas maalummaa, kabajaa fi hiikkoo Alaabaan birmadummaa, bilisummaa fi kabaja biyyaaf qabu irratti hubannoo uumuun obbolummaa sabdaneessaa fi tokkummaa biyyaalessaa cimaa ta'e akka uumamu gochuudha.

Gama biraan dhaloonni maalummaaf qabsoo Alaabaaf taasifame beekuun jaalala biyya isaanii akka qabaatan taasisuudha.

Alaabaan mallattoo eenyummaa, tokkummaa fi kabajaa biyyaa ti. Biyyi kamiyyuu alaabaa ishee irratti seenaa, aadaa, fi haw...
12/10/2025

Alaabaan mallattoo eenyummaa, tokkummaa fi kabajaa biyyaa ti. Biyyi kamiyyuu alaabaa ishee irratti seenaa, aadaa, fi hawwii ummataa ishee calaqqisiisti. Akkasumas, alaabaan mallattoo walabummaa fi bilisummaati.

Onkoloolessa 03/2018 Guyyaan Alaabaa marsaan 18ffaan mata duree "Alaabaan keenya;Misiraachoo Bara Olkaa'iinsaa Olaanaa ; Tokkummaa Biyyaalessaa, Birmadummaafi Haaromsa Itoophiyaaf !" jedhuun sadarkaa garaagaraatti Kabajamee oola.

โ€ŽMana Barumsa Bu'uura Boruu Ijaaruun,Dhaloota Ijaaruudha. [KAM,Fulbaana, 30/2018]-Godina Booranaa Aanaa Mooyyaleetti Ija...
10/10/2025

โ€ŽMana Barumsa Bu'uura Boruu Ijaaruun,Dhaloota Ijaaruudha.

[KAM,Fulbaana, 30/2018]-Godina Booranaa Aanaa Mooyyaleetti Ijaarsi Mana Barumsa Bu'uura Boruu Gandaa Danbii Haraa sadarkaa gaarii irraa jirachuu ibsame.

Inisheetiivii Mootummaan Paartii Badhaadhinnaatin gaggeeffamu gadi busee Mana Barumsa Bu'uura Boruu ijaarsisuun, galma gahiinsa imala Badhaadhinnaatiif murteessaa tahuu kan ibsan Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Gandaa Danbii Haraa Obboo Boruu Jiddaa dubbatanii jiru.

Cabiinsa barnootaa hundee irraa furuufi qulqullina barnootaa mirkaneessuuf giddu gala dhaloonni boruu itti oomishamu milkeessuu waan ta'eef,hawaasni keenna cimee hirmaachuu qaban dhaamsa keenna!

Malaa Mariin Hojiiwwaan Xiyyeefannoo barbaadan Hoggansa Aanichaa waliin raawwii gabaasa torbee ilaalame. [KAM,Fulbaana, ...
10/10/2025

Malaa Mariin Hojiiwwaan Xiyyeefannoo barbaadan Hoggansa Aanichaa waliin raawwii gabaasa torbee ilaalame.

[KAM,Fulbaana, 30/2018]-Godina Booranaa Aanaa Mooyyaleetti Malaa Mariin Hojiiwwaan xiyyeefannoo barbaadan Hoggansa Aanichaa waliin raawwii gabaasa torbee ilaalame.

Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Mooyyalee Obboo Galma Boruu Hooggansa walitti qabuun kan mariisisan yoo ta'u, hojiilee xiyyeeffannoo barbaadan kanneen akka hojiilee Fayyaa, hojii Buusaa Gonofaa, haala sassaabbii Galii fi hojiilee Nageenyaa akkasumas hojii Barnootaa irratti hanqinoota fi ciminoota jiran adda baasuun bal'inaan mariisisanii jiru.

Dhumaa irrattii iddoo ciminni jiru jajjabeeffamuu akka qabuf hanqinni jiru ariitiin irratti hojjachuun hojiiwwaan xiyyeefannoo barbaadan adda baasuun kallattiin fuul-dura kaa'amee jira.

Mari'ataan malaa hin dhabu!

Address

Mooyyale
Moyale

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Moyale Woreda Government Communication Affairs Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share