Moyale Woreda Government Communication Affairs Office

Moyale Woreda Government Communication Affairs Office Madda Odeeffannoo qulqulluu, dhugaafi si'ataa uumuun mootummaa fi uummata wal qunnamsiisuuf hojjanna!

Haaromee baadiyyaa hojiirra oolchuun fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uun himame.[KA...
09/09/2026

Haaromee baadiyyaa hojiirra oolchuun fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uun himame.

[KAM,Qaammee 4/2018]-Godina Booranaa Aanaa Mooyyaleetti Leenjii haaromeefi misooma ogummaa irratti Hoggansa Aanaa fi Hoggansa Gandootaf kennamaa ture kallattii hojii fuula duraa ka'uun xumurame.

Leenjiin kun hooggantoota sadarkaa Aanaa fi Gandoota Aanichaa hirmaachisuun mata dureewwan haaromee fi sosochii misooma ogumaa irratti guyyoota 2f kennamaa turuun Xumurame.

Haaromee Motora Ce'uumsa Baadiyyaa Oromiyaa!

Aanaa Mooyyaleetti Waldaan Qaxxaamura Diimaa (Red Cross) Damee Mooyyalee Horannaafi Buusii Miseensa irratti Hooggansa Aa...
09/09/2026

Aanaa Mooyyaleetti Waldaan Qaxxaamura Diimaa (Red Cross) Damee Mooyyalee Horannaafi Buusii Miseensa irratti Hooggansa Aanaa fi Gandoota hubannoo keenne.
‎
‎[KAM, Qaammee 4/2018]-Godina Booranaa Aanaa Mooyyaleetti Waldaan Qaxxaamura Diimaa (Red Cross) Damee Mooyyalee Horannaafi Buusii Miseensa irratti Hooggansa Aanaa fi Gandoota hubannoo keenne.
‎
‎Hubannoo horannaa fi buusii miseensa kanaan,Waldaa fannoo diimaa bal'inaan yoo horanne faayidaan dhaabbata kanarraa argannus waan dabaluuf hawaasni Aanaa keenna hundii akka miseensa ta'u akka qaban dhaamanii jiru.
‎
‎Dabalataniis, Deeggarsa Meeshaalee Barnootaa dabtara darzana 40 ,qalamaa pakkoo 20 gumaachanii jiru.
‎
‎Dhumaarratti Deeggarsi Meeshaleen Barnootaa arjoomaman kunneen Bakka Koree Aanaa fi Hooggansi Aanichaa argamaniitti Wal harkaa fudhun dabarfamaan harkaa Waajjira Barnoota Aanichatti kennaman jiru.
‎
‎Gaggeesitoonni Aanichaa deeggarsa meeshalee Barnootaa dhaabbatni Fannoo Diimaa taasisee kan galateeffatanii jiru.

𝐐𝐚𝐚𝐦𝐦𝐞𝐞 𝟒 ~ '𝐆𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐃𝐚𝐧𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚' ‎"𝐃𝐚𝐧𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐊𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐭𝐨𝐤𝐤𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐧𝐚𝐠𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐰𝐚𝐚𝐫𝐚𝐚𝐟!"
09/09/2026

𝐐𝐚𝐚𝐦𝐦𝐞𝐞 𝟒 ~ '𝐆𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐃𝐚𝐧𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚'
‎"𝐃𝐚𝐧𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐊𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐭𝐨𝐤𝐤𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐧𝐚𝐠𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐰𝐚𝐚𝐫𝐚𝐚𝐟!"

Nageenya amansiisaafi itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf tumsi qaamolee nageenya murteessaadha jedhame.[KAM, Qaammee 03,20...
08/09/2026

Nageenya amansiisaafi itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf tumsi qaamolee nageenya murteessaadha jedhame.

[KAM, Qaammee 03,2018]-Godina Booranaa Aanaa Mooyyaleetti Ayyaana Bara Haaraa 2019 sababeeffachuun qaamoolee Nageenyaa daangaa irra jiraniif deeggarsi re'oota qalmaafi meeshalee nyaataa gara garaa iddoo isaan eegumsaaf jiranitti taasifamee jira.

Deeggarsi kunis bakka Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa Mooyyalee Obbo Goollichaa Godaanaafi Hogganaan Waajjira Poolisii Aanichaa Inspector Abajjee Amaan akkasumas Ittigaafatamaan Waajjira Nagaafi Milishaa Aanichaa Obboo Korree Jiloo fi Ittigaafatamaan Waajjira Abbaa Alangaa Aanichaa Kabajamoo Obbo Galma Liibaan argamanitti qaamolee nageenyaaf kennamee jira.

Qaamolee nageenyaa deggersa godhameefitti gammaduu himuun, ayyaana waggaa sababeeffachuun deggersa nuuf gootaniif galatoomaa jechuun nageenya Aanichaaf kan yeroo kamii caalaa walitti fufiinsaan kan hojjetan ta'uu himaaniiru.

Tumsii qaamolee nageenyaaf tumsa Biyyaati!

Gaarummaa Olka'insa Biyyaaf!Godina Booranaa Aanaa Mooyyaleetti hojii tajaajila lammummaatiin sagantaan arjooma dhiigaa g...
08/09/2026

Gaarummaa Olka'insa Biyyaaf!

Godina Booranaa Aanaa Mooyyaleetti hojii tajaajila lammummaatiin sagantaan arjooma dhiigaa gaggeeffame.

Ittigaafatamaan Damee Ijaarsaa Paartii Badhaadhinaa Godina Booranaa Obbo Soraa Mallichaa arjooma dhiigaa erga taasisaniin booda yaada kennaniin akka jedhanitti hojiin arjooma dhiigaa hojii lubbuu namaa baraaruti waan taheef,hojiiwwan tola ooltummaa keessaa hojiin namaa fi rabbiin biratti akkaan eebbifamaa hojii arjooma dhiigati waan taheef,namni kamuu dhiiga arjoomuun lubbuu lammiilee keenyaa hanqina dhiiga dhabuutin lubbuu isaanii dhabanii haa bararruu jechuun hawaasa Aanichaatif dhaamaniiru.

Sagantaa arjooma dhiigaa guyyaa har'aa gaggeeffame kana irratti hooggansi Aanaa fi Gandoota akkasumas hojjettootni seekteralee garagaraa hirmaatani jiru.

Arjoomtonni dhiiga kennaa jiranis dhiiga arjoomuun lubbuu du'arraa oolchuus ta'e fayyaa dhuunfaa ofiif faayidaa qabaachuu dubbatanii, qaamni hundi hirmaannaa taasisuu akka qabu gaafataniiru.

Haaromeen; Wiirtuu Ce’umsa Baadiyyaa Oromiyaa!‎Godina Booranaa Aanaa Mooyyaleetti Leenjiin Haaromee fi Sosochii misoomaa...
08/09/2026

Haaromeen; Wiirtuu Ce’umsa Baadiyyaa Oromiyaa!
‎
Godina Booranaa Aanaa Mooyyaleetti Leenjiin Haaromee fi Sosochii misoomaa Ogummaa cimsuu irratti xiyyeffatee hoggansaa Aanaa fi Gandootaf kennamuu eegale.

Sanada marii kan dhiyeessan Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Mooyyalee Obbo Galma Boruu akka jedhanitti Hoggansi sadarkaan jiru yaad-rimee haaromee baadiyaa fi sosochii misooma ogummaa sirriitti hubachuun hubannoo waloo uumuu fi hojii misoomaa keessatti qabatamaan hojiirra oolchuu akka qabu himan.

Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa Mooyyalee Obbo Goollichaa Godaana Leenjii kanarratti argamuun akka jedhanitti Akka aanaa keenyaattis;. Haaromee kana lafa qabsiisuuf leenjiin kun murteessaa ta'uu himuun;.Jiruufi jireenya Ummata baadiyyaa fooyyessuu akkasumas ammayyeessuuf Haaromee hojiirra oolchuun murteessaa dha jedhan.

𝐐𝐚𝐚𝐦𝐦𝐞𝐞:3 𝐆𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐂𝐢𝐜𝐡𝐨𝐨𝐦𝐢𝐧𝐚𝐚***[‎Qaammee 3/2018]-Godina Booranaa Aanaa Mooyyaleetti Qaammeen 3 Guyyaan Cichoomina mata d...
08/09/2026

𝐐𝐚𝐚𝐦𝐦𝐞𝐞:3 𝐆𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐂𝐢𝐜𝐡𝐨𝐨𝐦𝐢𝐧𝐚𝐚
***
[‎Qaammee 3/2018]-Godina Booranaa Aanaa Mooyyaleetti Qaammeen 3 Guyyaan Cichoomina mata duree "‎Cichoominni Bu'uura Nageenyaafi Badhaadhinaati" jedhuun sirna Alaabaafi sagantaa garaa garaan kabajamaa jira.

Dhiigaa Bakka Bu’u Lubbuu Bakka Hin Buuneef!Godina Booranaa, Aanaa Mooyyaleetti, Sagantaan arjooma dhiigaa hojii tajaaji...
07/09/2026

Dhiigaa Bakka Bu’u Lubbuu Bakka Hin Buuneef!

Godina Booranaa, Aanaa Mooyyaleetti, Sagantaan arjooma dhiigaa hojii tajaajila lammummaa keessatti qooda fudhattoota garaagaraa hirmaachisuun geeggeffame

Hojiin ebbifamaan akkanaa iddoo hundatti itti haa fufuun dhaamsa keenya.

Qaammee 2 Guyyaa Olka'iinsaa Biyyaa Mataa Duree "Milkaa'inni har'aa bu'uura Olka'iinsaa Boruuti" jedhuun Marii Paanaliit...
07/09/2026

Qaammee 2 Guyyaa Olka'iinsaa Biyyaa Mataa Duree "Milkaa'inni har'aa bu'uura Olka'iinsaa Boruuti" jedhuun Marii Paanaliitiin kabajama jira.
‎
‎Qaammee 2/2018 Godina Booranaa Aanaa Mooyyaleetti Qaammee 2 Guyyaa Olka'iinsaa Biyyaa mataa Duree "Milkaa'inni har'aa bu'uura Olka'iinsaa Boruuti" jedhuun Marii Paanaliitiin kabajama jira. Aanaa Mooyyaleetti barri 2018 Pirojektoonni fayyadamummaa ummataa mirkaneessan baay'ina fi qulqullinaan bara itti xumuramanii guutuu biyyattiif muxxannoo itti qoodaa jiran ta'ee darbaa jira
‎
‎Olka’iinsi biyyaa bu’aa yaada, hojiifi kutannoo waloon milkaa'a.Kunis milkaa’inoota yeroo darbe galmaa’an yaadachuun qofa osoo hin taane, bu’aalee argamee jajjabeessuun gara sadarkaa olaanaatti ce’uuf kutannoon hojjachuuf gargaara.

Aanaa Mooyyaleetti Oreenteshiniin Sosochii Duula hojii tajaajila baqaqsanii yaaluu dhukkuba moora ijaa Ogeeyyii Fayyaa f...
06/09/2026

Aanaa Mooyyaleetti Oreenteshiniin Sosochii Duula hojii tajaajila baqaqsanii yaaluu dhukkuba moora ijaa Ogeeyyii Fayyaa fi qooda fudhattootaf keenname.

Godina Booranaa Aanaa Mooyyaleetti Oreenteshiniin Sosochii Duula hojii tajaajila baqaqsanii yaaluu dhukkuba moora ijaa Ogeeyyii Fayyaa fi qooda fudhattootaf keenname.

Ittigaafatamaan Ijaarsaa Paartii Badhaadhinaa Aanaa Mooyyalee Obbo Diidaa Guyyoo Sagantaan kanarratti argamuun akka jedhanitti tajaajila fayyaa dhaqqabamaa taasisuufi hawaasa fayya qabeessa horachuuf Duulli hojii tajaajila baqaqsanii yaaluu dhukkuba moora ijaa murteessaa ta'uu himanii jiru.

Duula hojii tajaajila baqaqsanii yaaluu dhukkuba moora ijaa kan milkeessuudhaaf ogeeyyii Fayyaa fi qooda fudhattoota garagaraattif leenjii kennamaa kan jiraachuu Ittigaafatamaan Waajjira Fayyaa Aanaa Mooyyalee Obboo Jaarsoo Malisee himanii jiru.

...Fayyaan Faaya...

Address

Mooyyale
Moyale

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Moyale Woreda Government Communication Affairs Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share