Harargee Media HM

Harargee Media HM Harargee Media
Hegeree Oromootaa!

Faawundeshiniin Haacaaluu Hundeessaa badhaasa Artist Andu'alam Gosaaf kenne haqeOduu: HM ( Adoleessaa 5/2025) Faawundees...
05/07/2025

Faawundeshiniin Haacaaluu Hundeessaa badhaasa Artist Andu'alam Gosaaf kenne haqe

Oduu: HM ( Adoleessaa 5/2025)

Faawundeeshiniin Haacaaluu Hundeessaa ''eeruu fi yaada uummata irraa argameen'' badhaasni Artiist Andu'aalam Gosaaf kenname ''dogoggora'' jechuun haquusaa ibsa miidiyaa hawaasa irratti har'a Adoolessa 05, 2025 baaseen beeksise.

Faawundeshinichi ibsa isaa keessatti sirna badhaasaan dura dhimma Andu'aalam hordofaa kan ture himuun xalayaa 'seera qabeessa' qaama dhimmicha qoraturraa argateen badhaasicha kennuuf akka murteesse hime.

Haa tahu malee badhaasicha hordofee ''eeruu fi yaada uummata irraa argame irratti hundaa'uun ''murteen keenya dogoggora akka ture boordi faawundeshinichaan mirkanaa'eera,'' jedhe.

Artist Andu'aalam Gosaa kaadhimaansaa Qananii Addunyaa du'uu hordofee shakkamee ji'oota sadiif mana hidhaa erga tureen booda abbaan alangaa himannaa waan irratti hin banneef wabiin baatii tokko dura mana hidhaatii gadhiifame.

Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa marsaa 4ffaa magaalaa Finfinnee Hoteela Iskaay-Laayititti Waxabajjii 29, 2025 adeemsifameen Artist Andu'aalam Gosaan albama isaa Bilillee jedhuun karaa bakka bu'aasaa badhaafamee ture.

Breaking News!!Gareen harkaroota Iraan Emails Pireezidaantii Donald Trump butuun Email Trump keessaa sagalee dhooksaa ic...
01/07/2025

Breaking News!!

Gareen harkaroota Iraan Emails Pireezidaantii Donald Trump butuun Email Trump keessaa sagalee dhooksaa icitiin biyyattii of keessaa qabu 100GB fudhachuun deebisee Trump erguun yoo ati dhimma baha giddugaleessa irratti dubbii jabeessite Iccitii biyyattii kana gadi dhiifna jachuun Trump sodaachisuu isaa miidiyaalee gurguddaan amma gabaasaa jiru!! Taphee Iraan hin danda'amne!! kun amanuuf nana dhiba biyyi technology dhaadattu as irra geesse jachuun nama dhibaam...

29/06/2025

Hacee!!

  iran 🇮🇷 saffisa guddaan sochoo'aa jirti. Hoggantoonni Waraana Iraan fi Chaayinaa dhaabbata haaraa dhimma nageenya biyy...
27/06/2025

iran 🇮🇷 saffisa guddaan sochoo'aa jirti. Hoggantoonni Waraana Iraan fi Chaayinaa dhaabbata haaraa dhimma nageenya biyyoota lamaanii irratti waloon hojjatu kan odeessalee wal jijjiiru fi nageenya biyyoota lamaanii irratti karaa Technology, Satellite 🛰 basaasa biyyoonni lameen itti odeessalee wal jijjiiran of keessaa qabu hundeessuu isaanii beeksisan.

Dhaabatichi duruun hojiittu seenuun basaasa mosaad kan IZra"ael Iraan keessaa qabu 750 qacam godhee qabee Hidheera jachuun beeksise. Kana malees amma booda basaastoonni IZra"ael Mosaad fi kan Ameerkaa CIA abdii murachiisu isanii amma iran🇮🇷 beeksiftee jirti

Kiristiyaanoo Roonaldoon guyyaatti Yuuroo miiliyoona tokko ol argataOduu HM ( Waxabajjii 27/2025) Uurjiin kubbaa miilaa ...
27/06/2025

Kiristiyaanoo Roonaldoon guyyaatti Yuuroo miiliyoona tokko ol argata

Oduu HM ( Waxabajjii 27/2025)

Uurjiin kubbaa miilaa addunyaa kanaa Kiristiyaanoo Roonaaldoon waliigaltee Kilaba Sa’udii Arabiyaa Al-Naasir keessa isa tursiisu mallateeseera.

Roonaaldoon bu'uura waliigaltee haaraa waggaatti mindaa Yuuroo Miiliyoona 400 argata.

Mindaan kun ji'aan Yuuroo miiliyoona 33.34, torbaanitti ammoo Yuuroo miiliyoona 7.6 ta'a.

Mindaan Roonaaldoon guyyaan argatu Yuuroo miiliyoona 1.1 yoo ta'u, sa'aatii 1 keessatti ammoo Yuuroo Kuma 46 fi 300 argata jedhameera.

Dabalataan ammoo taphatichaaf qoonni abbaa qabeenyummaa Al-Naasir dhibeentaa 15 kennameera.

Roonaldon Al-Naasirif goolii yoo galche kaffaltii dabalataa Paawundii kuma 80, yoo mijeessee kenne ammoo Paawundii kuma 40 argata.

Dabalataan Kilabni Al-Naasir Roonaldoof Jeetti paawundii miiliyoona 4, baasii isaa hundaa walinii fi hojjettoota sa'aatii guutuu 16 akka qacareef gabaafameera.

ODDUU GADDAA!Sabboontuun Sabaa Aaddee Momminaa  Abdullaahi Mummed guyyaa har’aa jechuun waxabajjii 26, 2025 biyyaa Amree...
27/06/2025

ODDUU GADDAA!
Sabboontuun Sabaa Aaddee Momminaa Abdullaahi Mummed guyyaa har’aa jechuun waxabajjii 26, 2025 biyyaa Amreekaa (USA) kutaa Minneapolis magaalaa Minnesota tti du;aan addunyaa-rraa booqatte.
Aaddee Mominaa Abdullaahi Baha Oromiyaa aanaa Hammarreeysaa tti kan dhalattee hoggaa taatu magaalaa Haramayaa tti guddate.
Aaddee Mommina Abdullahi akkuma Oromoota biroo sirna gabroomfataa TPLF baqachuun biyyaa abbaa isii dhiiftee baqachuun biyya Amreekaa tti jiraachaa jirti.
Duuti waan hin olamneef Aaddee Momminaa Abdullahi guyyaa har’aa jechuun Waxabajjii 26, 2025 addunyaa-rraa booqatteeti jirti.
Awwaalchi isitiis achumatti guyyaa boruu waxabajjii 27, 2025 tti kan awwaalamuuf jiraattu tahuun barameeti jira.
Firaa fi aalii isii hundaaf jajjabina hawwaa Aaddee Momminaa Abdullahi jannat al-firdoowsiin isi haa qananiisu jenna.

Oduu Ammee!!Keeniyaatti mormii guddaa gaggeeffameen Poolisiin namoota mormii gaggeessaniin gudii ta'e jadhu. Dargaggoonn...
26/06/2025

Oduu Ammee!!

Keeniyaatti mormii guddaa gaggeeffameen Poolisiin namoota mormii gaggeessaniin gudii ta'e jadhu. Dargaggoonni Keeniyaatti qaalayinsa jireenyaa dadhabne jachuun mormiitti jiru. Sanuu warra leenjii Ispoortii jajjabaa qabantu mormii gaggeessaa jira. Poolisoonni dargaggoota mormii gaggeessaan qabuu dadhabuun gudii ta'aa jiru. Dargaggoonni Poolisoota caalaa leenjii Ispoortii qabu... Kana qofa miti yeroo Poolisoonni gaazii imimmaanessu irratti darbatanii deebisanii gara Poolisii darbatu... Poolisoonni Keeniyaa dubbii jabduutu harkaa qaba!! Antee kun muuxannoo gaariidhaam!!

Kenya 🔥Hiriira keeniyaatti har'a gaggeeffameen namoonni 8 ajjeefamanii 400 ol madaa’uun gabaafameera. Biyyi dimokiraasii...
25/06/2025

Kenya 🔥

Hiriira keeniyaatti har'a gaggeeffameen namoonni 8 ajjeefamanii 400 ol madaa’uun gabaafameera.

Biyyi dimokiraasiin badhaate tun Itiyoophiyaa irraa copy godhuu inuma jabeessite!!
Amma dura Keeniyaatti sababa siyaasaan gaazexeessaa tokko hidhamuun qaani ture

Breaking news Hoggantoonni waraanaa   sadii haleellaa  ’eliin ajjeefaman jedhaman lubbuun jiraachuu isaanii gabaafameHog...
25/06/2025

Breaking news

Hoggantoonni waraanaa sadii haleellaa ’eliin ajjeefaman jedhaman lubbuun jiraachuu isaanii gabaafame

Hoggantoonni waraanaa Iraan sadii haleellaa Israa’eliin ajjeefaman jedhaman ayyaana injifannoo Iraan ummata waliin osoo kabajanii mul’achuu isaanii Anadooluu fi miidiyaaleen Iraan gabaasan.

Waxabajjii 13 irraa eegalee Israa’el haleella Iraan irratti raawwatteen jeneraalota Iraan ajjeesuushee kan beeksifte yoo ta'u, hooggantoonni waraanaa Iraan sadan guyyaa kaleessa yeroo Iraan ayyaana injifannooshee kabajju ummata waliin kabajaniiru jechuun maddeen kunniin gabaasan.

Isaan keessaa tokko Ajajaan Raayyaa Qudsi Korporeeshinii Eegdota Warraaqsa Islaamaa Birgaadeer Jeneraal Ismaa’il Qa'aanii gammachuudhaan ayyaana kana kabajuusaanii miidiyaaleen biyya keessaa Iraan gabaasaniiru.

Viidiyoon tajaajilli oduu Iraan Tasniim maxxanse, namoota saganticharratti walitti qabaman keessaa Qa'aaniin akka argamu agarsiiseera.

Ejensichi X irratti Komaandar Qa'aaniin guyyaa injifannoo har’a Teehraan keessatti kabajamerratti argamu jechuun dubbateera.

TVn Preessii mootummaan maallaqaan gargaaramus viidiyoo kana maxxansuun akkas jedheera: “Birigeedar Jeneraal Esmaa’eel Qa’aanii, Ajajaa Raayyaa Qudsii Korporeeshinii Eegdota Warraaqsa Islaama Teehiraan keessatti yeroo ayyaanni injifannoo sirna Ziyoonistii (Israa’el) irratti argametti namoota ayyanicharratti argamaniin gammachuu guddaadhaan simataman.”

Gaazexaan Niwu Yoorki Taayimsi jalqaba ji’a kanaarratti akka gabaasetti, Qa'aaniin hoggantoota waraanaa Iraan olaanoo haleellaa Israa’eliin ajjeefaman keessaa tokko ta’uu ibsuu isaa ni yaadatama.

Haaluma walfakkaatuun dhaabbati oduu Tasniim akka gabaaseetti yeroo sanatti ministira ittisaafi ajajaa humna qilleensaa kan turan Birgaadeer Jeneraal Aziiz Naasirzaadeeh haleellaa qilleensaa Waxabajjii 13 Ministeera Ittisaarratti raawwatameen ajjeefamuu isaanii kan gabaafame yoo ta’u garuu ammallee lubbuun jiraachuufi aangoorra jiraachuu isaanii ibse.

Akkasumaas Gorsaan Olaanaan Ayaatullah Alii Kaaminiifi Hogganaa nageenyaa kan ta’an Admiiraal Ali Shaamkaaniillee namoota haleellaa qilleensaa Israa’el Waxabajjii 13, 2025 raawwateen ajjeefamuunsaanii gabaafame keessaa tokko kan turan Admiiraal Alii Shaamkaanii sirna injifannoo kanarratti argamuun injifannoo kana kabajuu isaanii dhaabbileen oduu Iraan gabaasaniiru

Breaking News!!Kaampiin waraana Ameerkaa Qatar jiru kan loltoota 8000 qabu Misaa'eloonni Iraan dhabbuun hojii tola Ooltu...
23/06/2025

Breaking News!!

Kaampiin waraana Ameerkaa Qatar jiru kan loltoota 8000 qabu Misaa'eloonni Iraan dhabbuun hojii tola Ooltummaa hojjataniiru!! Akkasumaas Kan Ameerkaa Iraaq jiru kan loltoota 6000- 7000 dhiyaatu qabu haleellamee jira jachuun gabaafameera!! Faasshinni biyya Arabaa keessa ta'anii biyyoota Islaamaa cabsan sun dabreera!! Itti muddi..

Breaking News!!Mootiin Kooriyaa kaabaa haleellaan US Iraan irratti raawwatte akka waan nurratti raawwatameetti ilaalla. ...
23/06/2025

Breaking News!!

Mootiin Kooriyaa kaabaa haleellaan US Iraan irratti raawwatte akka waan nurratti raawwatameetti ilaalla. Trump har'a Iraan haleele boru nuuf akka deemu beekuun Iraan ittisu irratti akka xiyyeeffattan ibsan kana malees haleellaa Niikuleera Iraan itti raawwatame callifne hin ilaallu nutiis biyya Niikuleera hidhanne waan taaneef dhimmi raan nu yaachisa! Ameerkaan akkum Iraaniif yaaddootti nuufiis yaaddoodha Iraan waliin dhaabbanna jadhaniiru!! Itti muddi!! Game Over!!

  Iraan akkuma jechaa turte yeroo ammaa kana Kaambii Buufata waraana Ameerikaa kan biyya Qatar keessatti argamu Rukkatte...
23/06/2025



Iraan akkuma jechaa turte yeroo ammaa kana Kaambii Buufata waraana Ameerikaa kan biyya Qatar keessatti argamu Rukkattee jirti;

Iraan Guyyoota muraasa dura Ameerikaan akka lola is-raael waliin jalqabne kanatti hin makamne jechuun Akeekachiisaa turtus Ameerikaan Iraan hin dhageenye, tasa ammoo Ameerikaan is-raaelif tumsitee biyya koo yoo rukkutte, Nus Kaambii waraana Ameerikaa kanneen biyyoota ollaa keenyaa gara garaa keessa jiru ni Dhab-amsiifna jechuun dubbachaa kan turte yoo tahu,

Akka Kanaan osoo jirtu Ameerikaan iddoo gabbisa nukleera Iraan Rukutuu ishee erga irra deddeebin himte booda, iraanis har'a Galgala kana buufata Waraana Ameerikaa/ American military Base kanneen biyyoota Arabaa gara garaa keessa jiru irratti Tarkaanfii Haal-oo bahannaa fudhachuu jalqabdee jirti.

Biyyoonni akka UAE fi Turkey dabalatee hedduun yeroo ammaa muddama hamaa keessa jiru.

Address

Nairobi
00610

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Harargee Media HM posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Harargee Media HM:

Share