Barentu Media

Barentu Media Oduu fi odeeffannoo waaytawaa isiin dhaqabsiisa

https://www.youtube.com/

Eegdonni pireesidaantii taayiwaan afur basaastota china ta'uun argamaniiru
31/03/2025

Eegdonni pireesidaantii taayiwaan afur basaastota china ta'uun argamaniiru

31/03/2025
15/02/2025

Magnitude 6.0 earthquake strikes near , ; no significant damage reported

A magnitude 6.0 earthquake struck near Metehara town, Oromia region, on Friday, February 14, at 11:28 p.m., Volcano Discovery reported. The tremor’s epicenter was about 6.5 km north-northeast of the town at a depth of 10 km.

The report indicated that the shallow depth made the quake more strongly felt in surrounding areas. However, it noted that "no significant damage or impact is expected" and that no alert had been issued. Authorities have not yet provided an official statement.

The earthquake comes amid ongoing seismic activity affecting Ethiopia’s , , and regions. WHO Ethiopia reported that recent tremors have impacted 90,000 people, with two injuries recorded. Authorities have evacuated over 75,000 people from high-risk areas, including 55,000 in Afar and 20,000 in Oromia. Nine health facilities have also been damaged, and humanitarian efforts are ongoing.

According to the U.S. Geological Survey (USGS), around 261 earthquakes have been recorded since September, primarily in the Fantale area of the Main Ethiopian Rift Valley. The tremors have led to the collapse of homes and the displacement of thousands of residents.

Guyyaa tokkoti Dolaarri 57.4 ➡️ 74.7 gale. Parsaanta 30n dabalee jechuudha.
29/07/2024

Guyyaa tokkoti Dolaarri 57.4 ➡️ 74.7 gale. Parsaanta 30n dabalee jechuudha.

Pireezidantiin Iraan Ibrahim raisi fi ministeerri dhimma alaa iraan balaa helikoopteraan du'aan
20/05/2024

Pireezidantiin Iraan Ibrahim raisi fi ministeerri dhimma alaa iraan balaa helikoopteraan du'aan

Harargee Bahaatti Balaa Tiraafikaa Mudateen lubbuun namoota 4 darbeGodina Harargee Bahaa Aanaa Meettaatti balaa Tiraafik...
08/05/2024

Harargee Bahaatti Balaa Tiraafikaa Mudateen lubbuun namoota 4 darbe

Godina Harargee Bahaa Aanaa Meettaatti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 4 darbuu Waajjirri Poolisii Aanichaa beeksise.

Balaan kun Aanaa Meettaa ganda Calanqoo Lolaatti har'a ganama sa'aa 2:00tti Konkolaataan dhaabbata deeggarsa Sagantaa Nyaata Addunyaa Jibuutiirraa midhaan deeggarsaa fe'uun gara Finfinnee imalaa ture kufee garagaluun miidhaa kana qaqqabsiisuu Waajjira Poolisii Aanaa Meettaatti Qindeessaan Kutaa Tiraafikaa Inispeektar Badhaasaa Abbabee himaniiruu.

Dubartoonni daandiirratti Jimaa daldalan 3 fi konkolaachisaan battalumatti du’uu isaanii Inispeektar Badhaasaan ibsaniiruu.

Saffisaa humnaa oliin konkolaachisuun balichaaf sababa ta'uus eerameera.

Ministirri Dhimma Alaa   Waang Yi gitasaanii Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan ''sarara diimaa'' Chaayinaarra...
26/04/2024

Ministirri Dhimma Alaa Waang Yi gitasaanii Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan ''sarara diimaa'' Chaayinaarratti akka hin ejjenne akeekkachiisan.

Dippiloomaatonni biyyoota lamaan Jimaata Beejingitti wal arganiiru. Obbo Waang gaaffii akeekkachiisa fakkaatuun dubbii isaanii eegalan.

''Chaayinaafi Yunaayitid Isteet nagaan fuulduratti qajeeluumoo duubatti deebi’uu wayyaaf?'' jechuun gaafatan.

Hariiroon Chaayinaafi Ameerikaa tasgabbaa’aa adeemus, ''sababoota qajeelaa hin taanen'' qoramaa akka jiru ibsan.
Biyyoonni lamaan mariifi wal tumsuutti qajeeluu yookiin ''walitti bu’iinsa keessa seenu'' danda’u jedhan Waang.

Birmadummaa, nageenyaafi misooma Chaayinaaf sarara diimaadha kanneen jedhanis tarreessuun Ameerikaan irra akka hin ejjenne akeekkachiisaniiru.

Hariiroo biyyoota lamaanii gidduu ''wantoonni qajeelaa hin taane'' guddataa akka jiraniifi hariiroon biyyoota diinagdeen badhaadhan lamaan qoramaa akka jirus ibsan.

''Mirgi misooma Chaayinaa bu’uura seeraa qabu haala amansiisaa hin taanen hacuucameera, fedhiin keenya ijoo qoramaa jira,'' jedhan.

Biyyaa Afrikaa Bahaa   Rooba cimaa roobee hordofuun balaa lolaa fi sigigaa lafaa mudateen lubbuun namoota 155 yoo darbuu...
26/04/2024

Biyyaa Afrikaa Bahaa Rooba cimaa roobee hordofuun balaa lolaa fi sigigaa lafaa mudateen lubbuun namoota 155 yoo darbuu, namoonni 236 ol miidhaa qaamaa cimaaf saaxilamuu Ministirri Muummee biyyattii Qaasim Maajaaliwaan ibsaniiru.

Namoonni kumni 200 ol qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uu fi qabeenyi hedduun manca'uun eerameera.

Tibbana Keeniyaatti Rooba cimaa roobuu hordofee lolaa mudateen lubbuun namootaa 45 darbuun ni yaadatama. Burundiittis balaa lolaa mudateen namoonni kumni 100 ol qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uutu gabaafame.

Obbo Taayyee meeshaa waraanaa seeraan alaa qabachuun himatamanMinistir De'eetaa Ministeera Nageenyaa kan turan Obbo Taay...
25/04/2024

Obbo Taayyee meeshaa waraanaa seeraan alaa qabachuun himataman

Ministir De'eetaa Ministeera Nageenyaa kan turan Obbo Taayyee Danda’aan yakka humnoota farreen nageenyaa deeggaruufi meeshaa waraanaa seeraan alaa qabatanii argamuun himatamaniiru.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii 1ffaa Lidaataa dhaddacha yakkoota dhimma heera mootummaafi sirna Heera Mootummaatti himanni kun banamuu ibsameera.

Ministeera Haqaatti Abbaan Alangaa Daayrektooreetii dhimmoota yakka gurmaa’aafi daangaa ce’aa Obbo Taayyee Danda’aa himata sadiin himateera.

Obbo Taayyeen nageenyaa biyyaafi ummataa mirkaneessuun osoo irra jiraatuu ergaawwan farreen nageenyaa deeggaraniifi miidiyaa hawaasummaa maqaa isaaniin banamaniin ololawwan adda addaa tatamsaasaan jechuun himateera.

Akkasumas eeyyama osoo hin qabaatin labsii meeshaalee waraanaa bahe cabsuun Kilaashiin Koovii dadachaatuu 1, kaartaa 2 rasaasa 60 waliin mana jireenyaa isaanii keessaa sakattoo taasiifameen argameera jechuun himateera.

Obbo Taayyeen Mana Murtiitti dhiyaachuun dhimmoonni ittiin himataman dubbifameefira.

Dubbisichaan boodas Obbo Taayyeen mirgi wabii akka eegamuuf gaafataniiru.

Himatamaafi Abbaan Alangaa dhimmoota adda addaarratti falmii taasisuutu himame.

Manni murtichaas dhimma wabii gaafatame ilaalchisee yaada murtoo kennuuf Ebla 24, 2016tti beellameera.

Rooba cimaa kibba lixaa paakistaan naannoo baaloschaanitti roobeen namoonni 87 yoo du'an 82 irra immoo miidhan ga'eerra
20/04/2024

Rooba cimaa kibba lixaa paakistaan naannoo baaloschaanitti roobeen namoonni 87 yoo du'an 82 irra immoo miidhan ga'eerra

Baqattootni Itiyoophiyaa 170 gara Yaman ce'uuf yaala turan Somaaleelaandiitti to'annoo jala ooluu isaani ibsame.Miidiyaa...
20/04/2024

Baqattootni Itiyoophiyaa 170 gara Yaman ce'uuf yaala turan Somaaleelaandiitti to'annoo jala ooluu isaani ibsame.

Miidiyaaleen Somalilaandii akka gabaasanitti, baqattoonni 170 seeraan alaa Itoophiyaa gara Yaman ce’uuf yaalaa turan eegdota qarqara galaanaa Somaalilaandiitiin to’annoo jala oolaniiru.

Baqattoonni kunneen gara biyya tasgabbii hin qabne kan biraa Yaman imaluuf qarqara galaanaa Isnaag Eyi'on irraa bidiruu guddaa utuu yaabbatanii jiran to’annoo jala oolan. Baqattoota kanneen keessa dubartoonnis jiraachuu himameera.

Address

Скопје

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Barentu Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Barentu Media:

Share