QNN: Qerro News Network

QNN: Qerro News Network Sagaleen tokko gumaata saboota maraaf.!

Caffee Tibbanaa=============Marii Caffee Oromiyaa tibbanaa irratti gaaffilèen gama nageenyaan, misooma daandii, daangaa ...
20/07/2025

Caffee Tibbanaa
=============
Marii Caffee Oromiyaa tibbanaa irratti gaaffilèen gama nageenyaan, misooma daandii, daangaa Oromiyaa fi dhimma barnootaan walqabatu ka'aa ture tahus bultii dheereffachuuf kan miseensonni yaada ummataa fakkeeshuuf kaasan malee dhugaan furmaataaf qabataman kan lafa irra hin jirreedha!

Dhugaan Oromoo inni kalees har'as wixxiffachaa jira. Dhugaan galgala galti!Inni kalee seenaaf inni har'aa dhalootaaf!
20/07/2025

Dhugaan Oromoo inni kalees har'as wixxiffachaa jira.
Dhugaan galgala galti!
Inni kalee seenaaf inni har'aa dhalootaaf!

Maariyyeen Jaldeessaa maali?******************Dhukkubni Maariyee Jaldeessaa kan dhufu vaayirasii monkeypox jedhamu irraa...
27/05/2025

Maariyyeen Jaldeessaa maali?
******************

Dhukkubni Maariyee Jaldeessaa kan dhufu vaayirasii monkeypox jedhamu irraati.

Vaayirasii dhibee Maariyyee (smallpox) jedhamuuf nama saaxilu waliin gosti isaa walitti dhihaata.

Vaayirasiin Maariyeeen Jaldeessaa kun Maariyee waliin wal bira qabamee yeroo ilaalam, saffisa inni ittiin tatamsa'u gadi aanaa yoo ta’u, dhukkubbiin isaas cimaa miti.

Mallattoowwan Maariyyee Jaldeessaa maalfa’i?

Namoonni Maariyyee Jaldeessaa kanaan qabaman jalqaba irratti gubaa qaamaa, bowwuu mataa, dhukkubbii maashaa, dhukkubbii dugdaa, qaama irratti bakka bakkatti dhidhiita'uu fi wanta kamirrattiyyu fedhii dhabuutu irratti mul'ata.

Gubaan qaamaa yeroo irraa hir’atu ammoo fuula irraa jalqabee hooksisuu jalqaba. Guutummaa qaamaa kan hooksisu ta'ullee, irree fi miila irra ammoo caalaa hooksisa.

Hooksisuun kun ammoo yeroo baayyisee kan nama dhukkubuu fi sadarkaa gara garaa kan qabudha.

Dhiitoon gogaa namaa irratti mul'atu boodarra gogaan sun akka madaahuu fi mala'ullee taasisa. Kanarra darbees, godaannisa namarratti hambisee darbuu danda'a.

Dhukkubbiin isaa yeroo mataa isaatti kan badu yoo ta'u, guyyoota 14 hanga 21 ni fudhata.

Dhukkubichi akkamiin nama qaba?

Namoota dhukkuba kanaan qabaman waliin wal tuttuquun yoo jiraate carraan saaxilamuu ni jiraata.

Karaa gogaa qaama namaa banaa ta'een, karaa ijaan, karaa funyaaniin yooaakn karaa afaaniillee vaayirasiin kun gara qaama namaatti ni seena.

Yeroo saal-qunnamtii wal tutuquu uummamuunis vaayirasiin kun ni daddarba.

Jaldeessota, hantuutawwan yookaan bineensota biroo waliin wal tuttuqqaan jiraannaan, vaayirasichi gara namaatti ni darba.

Vaayirasiin kun karaa uffataan yookaan huccuuwwan tuttuqqaa qaban birootiinis ni daddarba.

Maariyyeen Jaldeessaa waldhaansa qabaa?

Maariyyeen Jaldeessaa wallaansa fayyaa hin qabu. Haata'u malee tatamsa'ina isaa to'achuun ni danda'ama.

Talaalliin dhukkuba kana gama ittisuutiin harka dhibba keessaa 85 bu'a qabeessa ta'ee argameera.

Maddi odeeffannoo kan BBC

Adresse

Nordstrand

Varslinger

Vær den første som vet og la oss sende deg en e-post når QNN: Qerro News Network legger inn nyheter og kampanjer. Din e-postadresse vil ikke bli brukt til noe annet formål, og du kan når som helst melde deg av.

Kontakt Bedriften

Send en melding til QNN: Qerro News Network:

Del