Itichaa Lammii Burqaa

Itichaa Lammii Burqaa . ♤ ❤️💚❤️ ♤
☆Yoo Rabbiin jedhe Guyyaa tokko
☆ ᴏʀᴏᴍɪʏᴀᴀɴ ɴɪ Wolabᴏᴏᴍᴛɪ! ☆
❤️💚❤️

Beekumsa Oromummaa yoo hin qabne gaafatamummaa ofii hin beektu

29/08/2025

Woyyoo
Roga hundaan ilmaan Oromoo irratti dubbiin jajjabduudha
Somaliland Magaalaa Hargeisaa keessatti Dararaan ilmaan Oromo irra gahaa jiru hammaachaa dhufe 😭

Godina Horroo  Guduruu Aanaa Abe dongoroo Ganda Hoomaa Gaalessaa keessatti ummata keenya bara 2005 hongee baqatanii Godi...
29/08/2025

Godina Horroo Guduruu Aanaa Abe dongoroo Ganda Hoomaa Gaalessaa keessatti ummata keenya bara 2005 hongee baqatanii Godina Arsii aanaa Gololchaarraa dhufanii qubsiifaman hanga Ammaatti Namoota 35 dhira, dhalaa fi Daa'imman yommuu ta'u! Namoonni hanga yoonatti hin argamiin Namoota 60 ta'u! Shirrinkun kan gaggeeffame Bulchiinsa Horror Guduruu Wallaggaa, Obbo Mirreessaa Fiixee fi Hogganaa Nageenya Godinaa fi Faannoo Amaaraa waliin ta'uuni.”
Gochaa har'a ganamaa kana miidiyaan tokkollee hin gabaasne.

Humni badii kun bara darbes ummata Harargeerraa dhufanii aanaa sana ganda Caroo jedhamtu keessa qubatan nama digdama kuchiisuun ummata sana guutummaatti ganda sana keessaa buqqaasuun ni yaadatama.

Akka sabaatti akkanaa keessa jirra.

29/08/2025

Ajab

Magaalaan umurii Kuma 8 olii Galaana jalatti argamte ‎***********‎Arki'ooloojistoonni magaalaa waggoota kuma 8f 500 dura...
28/08/2025

Magaalaan umurii Kuma 8 olii Galaana jalatti argamte
‎***********
‎Arki'ooloojistoonni magaalaa waggoota kuma 8f 500 dura dhuma bara cabbii badde jedhamee dubbatamu argachuu isaanii himan.

‎Magaalattiin qarqara galaanaa Deenmaarkatti kan argamte sababa cabbiin baquun kan ka’e olka’iinsa galaanaatiin bishaaniin liqimfamuun ishee hin oolu jedhu qorattoonni.

‎Hanga ammatti qorannoo adeemsifameen Magaalaan tun bal'ina iskuweer maayilii 430 kan qabdu yoo ta'u, arki'ooloojistoonni qorannoo itti fufuun kutaa magaalattii kan biraa argachuuf tattaaffii taasisaa jiru.

‎Magaalaa qorannoon argamte tana keessatti mallattoon sochii jireenya hawaasummaa dhala namaa gurmaa’e argameera.

‎Dabalataanis, meeshaaleen dhagaa, xiyyaa, lafee bineensotaa fi mallattoolee biroo hawaasni adeemsa guddinaa irra turan achi jiraachaa akka turan agarsiisu mallattooleen barbaachisoo ta'an argamuu isaanii qorattoonni kunneen ibsaniiru.

‎Magaalonni bara dhagaa badan kanaan dura lafa irratti kan argaman yoo ta’u, galaana jalatti yeroo jalqabaaf kan argame kana ta’uu 'South China Morning Post' gabaaseera.

‎Qorattoonni baajata doolaara miiliyoona 15.5 ramaduun magaalota badan argachuuf waggootaaf hojjechaa jiru.

‎Pirojektiin idil-addunyaa waggoota jahaaf turu kun magaalota durii Galaana Baaltik fi galaana Kaabaa keessatti badan barbaadurratti akka xiyyeeffates eerameera. AMN

Lubbuu ooli jedhamte********Mormi garagalee ilaaluuf uumame jedhama mitiiree? Yerooma xiqqoo morma nama dhukkubee of irr...
28/08/2025

Lubbuu ooli jedhamte
********
Mormi garagalee ilaaluuf uumame jedhama mitiiree? Yerooma xiqqoo morma nama dhukkubee of irra garagaluun ilaaluun nama dhibullee hangam yaaddoo akka uumu tilmaamuunnama hin dhibu.

Namni maqaan isaa akka hin ibsamne barbaadu kun garuu waggoota Afran darbaniif garagalee ilaaluuf miti; bakka namni gahe gahuun saalfii itti tahe.

Ba’aan isaaitti ulfaachuurra darbee sirni hargansuu isaa jeeqamaa, qilleensa fudhachuufi baasuun qorumsa itti tahee ture.

Doktor Obsaa Birraatuu Ispeeshalistii Wal’aansa Baqaqsanii yaaluu Hospitaala Rifaraala Yunivarsiitii Ambooti. Wal’aansa baqaqsanii yaaluu kana irratti illeehirmaatanii jiru.

Haala isaas, AMN Digital’f ibsanii jiru. Ga’eessi waggaa 40 kuni torban lama dura
gara hospitaalaa yeroo dhufu, haala wal xaxaa keessa akka ture yaadatu. Dhukkubbiin xannacha morma isaa irratti guddatee argamu kanaa cimaa akka ture dubbatan.

Maal kana qofa, waan itti ulfaatuuf ol jedheenama ilaaluu, of irra garagaluu mitii, asiifi achi socho’uunuu rakkisaa akka
ture dubbatan, Dr. Obsaan.

Gareen qorannoo dhimmuma kanaaf hundaa’e erga ogummaa isaatti dhimma bahuun akkasumaskitaabotaafi qorannoowwan hedduu dubbisee booda, bira gahuu akka danda’es ibsan.

Wanti morma ga’eessa kana irraa kahuun gara irree isaa lamaanitti deemaa jiruufinaannoo morma isaa guutummaatti dhiita’uun isa dhaale kun quufa mormaa akkan taane bira gahuu ibsaniiru.

Xannachi sababaa cooma hin barbaachisne gogaa jalaa naannoo morma isaatti baate babal’achaaadeemuun rakkoo guddaa nama kanatti fiduu dubbatan.

Dhibeen 'Madelung’s Disease' jedhamu kun akkuma addunyaatti iyyuu darbee darbee malee baay’inaan kan mudatu akkan taane ibsaniiru, Dr. Obsaan.

Akka qorannoowwan mul’isanitti namoota Kuma Tokko keessa namoota muraasa irratticarraa uumamuu qaba jedhan. Ga’eessi kun mormi isaa akka malee dhiita’uun
hawaasa keessaa akka addatti bahu gochuurra darbee, sochiif waan isaf hinmijanneef hojjatee jiraachuu hin dandeenye jedhan.

Nyaachuufidhuguu, qilleensa seensisuufi baasuu ykn harganuun, ciisuun akka isaaf hin
danda’amne kan ibsan Dr. Obsaan amma ammoo gara Somba isaatti illee deemaa akkature himaniiru.

Erga qophii barbaachisu hundumaa taasisanii booda, ogeessotni 3’n kutaa wal’aansi
baqaqsanii yaaluu itti taasisamu seenan. Isaanis Dr. Obsaa Birraatuu, Dr Siinboonaa Araarsaa fi Dr. Birhaanuu Niguseefi ogeessotni kanneen biro hirmaachuun,
xannacha cooma qaama namaa keessatti hin barbaachifneen uumame kana yaalii sa’aatii 5:00 fudhateen dhabamsiisuu danda’anii jiru.

Qindeessaangaree wal’aansa kanaa Dr. Obsaan, morma ga’eessa kanaarraa xannacha Kiiloo Giraama 3 fi walakkaa ol ta’u kana dhabamsiisuuf sa’aatii 5 akka isaanitti fudhate ibsanii jiru.

Ga’eessikun yeroo ammaa fayyaa gaarii irratti akka argamu kan dubbatan Dr. Obsaan, amma sirnaan harganuu akka danda’e itti dabaluun dubbataniiru. Boqonnaa yeroo muraasaa booda ammoo, qaamuma xannacha kanaa kutaalee qaama namtichaa irratti argaman akka dhabamsiisan AMN Digital’itti himaniiru.

Kutaaleenhawaasaa garaa garaa yeroo qaama isaanii irratti mallattoowwan hin baratamne akkasii argan dafanii gara dhaabbata fayyaa dhaquun rakkoo wal fakkaataa ittiaansee dhufuu malu irraa of baraaruun, fayyaa isaanii eeggachuu qabu jechuun dhaamaniiru.
Madda: AMN

Farda meeqatu garmaamaa Jira jettanii?
28/08/2025

Farda meeqatu garmaamaa Jira jettanii?

28/08/2025

Amala Namotta Sammuu Cimaa Qabanii:
➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖
1⃣ Haala hamaa Keessattillee 'Positive' ta'anii itti fufu.

2⃣ Dogoggora isaanii ni amanu.

3⃣ Rakkoo ofiifi nama hin komatan.

4⃣ Furmaata irratti Xiyyeeffatu.

5⃣ Namoota summii qaban akka badan/ Neutralize/ godhu.

6⃣ Ofitti amanamtoota malee of_ tuultota miti.

7⃣ Kufaatii gara carraatti jijjiiruun imala isaanii itti fufsiisuufi cichanii hojjetu

8⃣ Jijjiirama hammattu.

9⃣ Gaarummaa, gara laafina fi waliifi yaaduu baratu.

🔟 Dhimma Ofiitiin yeroo rakkatan illee nama gargaaru.

28/08/2025
ABO-WBOn gabaasni Africa Intelligence dhugaa irraa kan fagaate jedhe.''Waraanni Bilisummaa Oromoo sududaan ammas kana du...
28/08/2025

ABO-WBOn gabaasni Africa Intelligence dhugaa irraa kan fagaate jedhe.

''Waraanni Bilisummaa Oromoo sududaan ammas kana duras hidhattoota Faannoo waliin mariin gaggeesse hin jiru'' jedhan Gorsaan Ajajaa Olaanaa ABO-WBO, Obbo Jireenyaa Guddataa.

Tibbana miidiyaan 'Africa Intelligence' jedhamu ''diina walii kan tahan hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo fi hidhattoonni Faannoo walitti dhukaasuu dhaabaniiru jedhee gabaase.

Marii Ameerikaatti gaggeeffameen booda walii galteen dhukaasa dhaabuu al-idilee gidduu isaaniitti raawwateera,'' jedhe.

Haa tahu malee, BBC waliin gaaffii fi deebii kan taasisan Obbo Jireenyaa Guddataa waliigalteen gidduu isaaniitti raawwate homaa akka hin jirre ibsan.

''Gabaasni daangaa irratti wal argan jechuun odeeffamme kijiba. Kan bilisummaaf falmu yoo walitti dhufee mari'atellee badii hin qabu. Garuu hanga ammaatti qaamni akka sanaan walitti dhufee mari'ate hin jiru,'' jedhan.

"Baaroo malee ABOn dhalachuu hin danda'u ture"Hundeeffama ABO keessatti hojilee ijoon lama nama walitti qindeessuu fi sa...
28/08/2025

"Baaroo malee ABOn dhalachuu hin danda'u ture"

Hundeeffama ABO keessatti hojilee ijoon lama nama walitti qindeessuu fi sagantaa isaa barreessuudha jedhu Dr Diimaan.

Obbo Baaroo Tumsaa, Obbo Leencoo Lataa fi Dr Diimaa Noggoo namoota sadii sagantaa dhaabichaa barreessan ta'uu dubbatu.
Oromoota kutaalee biyyaa addaa addaa, amantaa adda addaa fi sadarkaa jireenyaa adda addaarra jiran waliin hariiroo jabaa uumuun kan beekaman Obbo Baaroon biyya keessa qofa osoo hin taane biyyaan alatti baqataniifi barnootarra warra turan akka Haayilee Fidaa waliinillee qunnamtii qabaachaa turan.
''Keessattuu wanti inni gad jabessee itti amanu qaamni bilisummaa Oromootiif hojjetu ilmaan Oromoo godinaa hunda, amantii hundarraa dhufan irraa bu'uureffamuu qaba kan jedhu'' ta'uu Obbo Leencoon ni himu.
Kanas hoji kooti jedhee godinaalee akkaa Walloo fi Raayyaa irraa nama hanga argatutti osoo hin boqotiin hojjetaa waan tureef hooggansi ABO inni jalqabaa kan hunduu keessatti of argu akka ta'u ta'eeras jedhu.
Jaarmiyaa siyaasaa ijaaruuf namoota jajjaboo walitti qabuun barbaachisaa akka ta'e kan kaasan hiriyaan isanii kan turan Obbo Kabbadaa Qajeelaa waggaa tokko dura turtii OBN waliin taasisaniin, ABO ijaaruu keessatti namni gahuumsa akka sanii qabaachaa ture Baaroodhaa jedhan.
''Baaroon Wallaggaa ka'ee hanga Bahaattii, Kaabaa qabee hanga Kibbaatti namoota keenya walitti qabuu keessatti gahe murteessaa bahe.''
Yeroo sanitti osoo Baaroon hin jiraannee, osoo Baaroon hin kaane ta'ee waayeen mirga uummata Oromoos hamma kanatti deemuu hin danda'aa laata kan jedhu hamma yoonaa gaaffiin isaa mataa koo keessa jiru. '' jedhu Obbo Kabbadaan.
Piroojeektii iccitaawaan Obbo Baaroofii waahillan isaanii Adda Bilisummaa Oromoo hundeessuu bara 1973 fi 74 wixineen sagantaa siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo waraqaa adiirratti Obbo Baaroo, Obbo Leencoo fi Dr. Diimaa Noggoon barreeffame.
Akka Obbo Leencoon jedhanitti wixineen sagantaa kanaa waggoota lamaaf qeeqamee, wayyeefame.
Waggaa lama booda walgahii iccitiin sagantaa fi hoogganni ABO dhaaba Obbo Baaroon waahillan isaanii waliin mirga saba Oromoof akka qabsaa'u ijaaran darbees faajjii dhaloota Oromoo ta'ee raggaasifame.
Warri yeroo sana filataman Baaroo Tumsaa, Magarsaa Barii, Gadaa Gammadaa, Abboomaa Mitikkuu fa'aadha jedhu.
Sagantaan dhaabichaa Obbo Baaroo fa'iin bocame ''Dimookraatik Ripaabliik of Oromiyaa maddisiifna. Yoo haalli kan mijatu ta'e ammoo mootummaa Yuuniyeen, koonfedereeshiii fi Federeeshinii hin laalla kan jedhutu lafa kaahame'' jedhu Obbo Leencoon.
Yeroos kaayyoon ture Oromoo qofa bilisoomsuuf hin turre Oromoo cunqurfamaa bilisoomsuuf ture. Oromoo keessas qabsoon ni jiraata. Boodessitoota Oromoo waliniis qabsoon ni jiraata. Qabsoon farra Fiiwudaalaas Oromoo keessattis alattis ni gaggeefama jedhanii sagantaa isaanii keessatti lafa kaahan.
Qabsoon dhaabni kun gaggeessu qabsoo siyaasaa fi kan hidhannoos akka ta'u sagantaan dhaabichaa bara 1976 raggaasifame ifatti kaahee akka tures Obbo Leencoon ni yaadatu.

Address

Oromia
Jimma

Opening Hours

09:00 - 17:00

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Itichaa Lammii Burqaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share