01/07/2026
Jarraa 19ffaa as Abboti Irree Minilikii,Hayilesilaase fi kan Dargii kan Oromoo ittin cabsan akkasumas qabeenya Oromiyaa saaman ammas irra deebi’ee as bahe jira!! Dhugumatti Ummanni Oromoo Oromiyaa diigamte kessaa taa’e caallise ilaalaa jedhen hin tilmamu anii!!! Yoo humna dhabee Oromoon dhaloonni hidhate Sirna amma Oromoo fi Oromiyaa ballessuf as bahe kana jiigsun dirqama dha!!
Sadness historical could happen again on Oromoo people and Oromiyaa Country!!
Koreen Jiddu Galeessaa Bilxiginnaa kaleessarraa eegalee Adaamaatti walgahii godhachaa jira. Walgahii kanarratti ejjannoo paartichi Marii Biyyoolessaa irratti qabatee dhihaatu ifoomeera. Haaluma kanaan ejjannooleen gurguddoon.
1. Sirni Federaalizimii ammaa akka diigamee naannoleen akkaataa teessuma lafaafi hidhata dinagdeen akka ta'u. (Keewwwata 39 jijjira)
2. Dirre Dhawaafi Finfinneen naannoo mataa isaanii akka ta'an (Keewwata 49 jijjira)
3. Lafti “kan ummataafi mootummaati” kan jedhu hafee kan dhuunfaa akka ta'u (Keewwata 40 jijjiira)
4. Sirni bulchiinsa mootummaa paarlaamantarii irraa gara 'semi-presidential' akka jijjiramu. Jechuunis Muummichi Ministeeraa hafee perezidaantii paarlaamaan filamuun akka bultu.
Dabalataan naannoleen kan uumaman akka duraa karaa murtii ummataa (refrendom) osoo hin taane, gaaffiin paarlaamaaf dhiyaatee perezidaantiin mallatoofnaan gahaadha jedha. Kana jechuun godinni Oromiyaa tokko citee naannoo of danda'e ykn naannoo biraatti dabalamuu yoo fedhe, mariifi murtii ummataa osoo hin barbaachifne, sagalee paarlaamaafi mallattoo perezidaantii biyyaatiin ta'a.
Jidduu kana dokumeentiin Oromiyaa 'gola' jahatti qooduuf karoorfame tokko deddeemaa ture arguu hin ooltan. Tarkaanfii federaalizimii ammaa diiguutiif haalduree mijeessuu ta'uu isaati.