
16/02/2025
Obbo Caalaa Raffisoo Fajjisoo Godina Arsii lixaa aanaa heeban Arsii ganda A/G/Sadee iddoo addaa mi'eessaa jedhamutti abbaa isaanii Raffisoo Fajjisoo Useettii fi harmee isaanii Aadde Ukulee Edoo Badhaasoo irraa Fulbaana 04, 1990 A.L .I tti dhalatan.
Achirraa kaasee hanga umriin isaanii barnootaaf ga'utti maatii isaaniitiif horii tiksaa,maasaa eegaa, hojii umriin isaanii hayyamu kamuu hojjachaa maatii isaanii gargaaraa turan.
Akkuma umriin isaanii barnootaaf ga'een bara 2000 A.L.I mana barnoota mi'eessaa sadarkaa 1ffaatti kutaa tokkoffaa isaanii jalqaban.
Itti fufee hanga kutaa sadii achumatti mana barnoota mi'eessaa sadarkaa 1ffaatti hanga bara 2002tti baratan. Kutaa 4ffaa irra utaaluudhaan gara kutaa 5ffaatti darban
Bara 2003 A.L.I hanga bara 2005tti jechuunis kutaa 5ffaa hanga kutaa 8ffaa mana barnoota Sade_Sadiiniitti baratan.
Bara 2005 A.L.I qormaata xummura kutaa 8ffaa fudhachuun qabxii ol'aanaadhaan gara barnoota Sadarkaa 2ffaatti qajeelan.
bara 2006 A.L.I tti mana barnoota sadarkaa 2ffaa Baatuu kan yeroo ammaa Utaa Waayyu jedhamutti barnoota isaanii itti fufan bara 2007 A.L.I qormaata xummura kutaa 10ffaa fudhatanii qabxii ol'aanaadhaan gara kutaa 11ffaa mana barnoota qophaa'ina Baatuutti (Malkaa Tajoo) qajeelan bara 2008A.L.I tti barnoota isaanii kutaa 11ffaa jelqaban bara bara 2009 qormaata xummura kutaa 12ffaa fudhachuun qabxii ol'aanaadhaan gara yuunivarsiitiitti darban.
Fedhii fi haawwiin isaanii ogeessa fayyaa ta'uu ture.
Ramaddii yuunivarsiitii bara 2010 yuunivarsiitii madda wolaabuutti muummee saayinsii kompiitaraa(computer science)dhaan seenuun Itti fufun barnoota isaaniitti cichuun bara 2013 jechuunis turtii woggaa afurii booda digrii isaanii jelqabaa muummee saayinsii kompiitaraatiin xummurran.
jelqaba bara 2014 tti akkuma nama barate kamuu isaniis hojii barbaadutti ka'an osoo hin turin beeksisa hojii Dhaabbanni Soreti International Tradin jedhamu gita hojii ITdhaan baase tokko galma'aan torbee lama booda qormaataaf yaamame qabxii ol'aanaadhaan darbe carraa hojii achi keessa hojjachuu argatan Iddoon isaa finfinnee waajjira muummee ture Leenjii fi wontaata barbaachisu hunda erga xummursiisaniin booda iddoo hojii carraa akka kaasu ajajaman.
Akkuma carraa kaasaniin iddoon hojii isaanii Achuma finfinnee ykn Waajjira Muummee dhaabbatichaa akka ta'e baruun baayyees gammaddan.
Bara 2014 ji'a Sadaasaa irraa eegalee qondaala tajaajila Odeeffannoo fi daataa Anaalisist (IT Officer and Data encoded analysist)dhaan dhaabbaticha tajaajilaa Kan jiraaniidha.
jireenya isaanii keessatti barnoota baayee waan jaallataniif iddoo guddaa kennuufiin osoo hin gufatin iddoo yaadan ga'aaniiru.
Ammas baayeen kan na hafan jiraatanis hin callisne ittuma jira jedhan imala koo milkayinaatiif ga'ee guddaa kan taphatan maatii koo keessattuu Abbaa koo(Abbeeraa koo ),haadha koo fi obboleessa koo baayee galatoomaa jechuun barbaada jedhan.
Obbo Caalaa Raffisoo fulduraa keenya hayyoota Ciccimoo heddu ilaala guddaanne waan ta'eef Akka yaada keenyan garuu iddoo isaan gahan hin geenne garuu dhaloonni boruu duuba keenyaa dhufaa jiru fakkeenya dhaloota kanaa akka ta'an dubbataniiru.
Obbo Caalaa Raffisoo Fajjisoo nama fayyalleessa garalaffeessa namaa fi nama jallatamaa jaalalaa hawaasaa baldhaa qabaniidha.
Obbo Caalaa Raffisoo Aanaan Heeban Arsii hayyoota baayee akkana qabaachuun keenya baayee nu gammaachiisaa jedhaniiru.
Obbo Caalaa Raffisoo Fajjisoo Aanaan Heeban Arsii badhaatuu hayyoota baayee qabdu waan taateef hayyoonni Kun Woliitti gurmoofnee waan guddaa hawaasni keenya nurraa barbaaduu fi itti gammaduu fi dhaloonni duuba keenyaa hordofee dhufa jiru Kun waan irraa Baratu woyii Asharaa keennefi deemu qabna jedhaniiru.
Page kana
Follow
Like
Share
Share
Share
Fi
Yaada Qabdan inbox nuuf gochuu hin dagatinaa
Horaa Bulaa.