25/01/2026
Namni kun nama!
Sadio Mané ofiisaaf bashannanee, xiyyaara meeqa bitee, konkolaataa meeqa gedderee of agarsiisuuf kubbaa hin taphatu. Qe'ee keessatti dhalate, maatii isaaf, hiyyeessa naannoo isaaf aarsaa kaffala.
Maalfaa godhe yoo jette;
- Hospitaala guddaa, kan meeshaa ammayyaan guutame ijaareef
- Stadium miidhagaa, kan dhaloonni itti dandeettii isaa guddifatu ijaareef
- Mana barnootaa sadarkaa 2ffaa ijaareef. Ijoollee qabxii gaarii galmeessan hundaaf badhaasa maallaqaafi laptop kennaaf
- 4G internet kan saffisa olaanaa qabu galcheef
- Mana Poostaa ijaareef
- Masgiida ijaareef
- Gas station ijaareef
- Uffataafi kophee yeroo yerootti warra hin qabneef hira.
Kun hunduu xiqqaannaan, maatii naannoo keessaa dhufe sanaa hundaaf ji'a ji'aan paawondii €70 - 100 kaffala. Tokko tokkoo isaaniif ji'atti haga birrii 20,000 jechuudha!
Amala qabeessa, obsa qabeessa, kabajamaa, eebbifamaa ilmaa!