Anfilo Communication Offič€

Anfilo Communication Offič€ odeeffannoo Wayitawaa Aanichaaf

For all Christians happy Ketera holiday. We wish the holiday to be of peace, health, love and prosperity.Happy holiday
19/01/2024

For all Christians happy Ketera holiday. We wish the holiday to be of peace, health, love and prosperity.

Happy holiday

23/10/2023
Maanguddoonni Galfata Dhaloota Haaraati!Onkoloolessa 3,2016 WKAAGodina Qellem Wallaggaa Aanaa Anfillootti Kabajni guyyaa...
14/10/2023

Maanguddoonni Galfata Dhaloota Haaraati!

Onkoloolessa 3,2016 WKAA
Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Anfillootti Kabajni guyyaa maanguddootaa yeroo 21ffaaf dhaadannoo "Mirga Maanguddootaa kabachiisuun, dhaloota haa ceesifnu" jedhuun kabajameera.

Kaayyoon kabaja ayyaanichaa gumaacha maanguddoonni biyya isaaniifi uummataaf taasisaniif beekamtii kennuun mirgi isaanii akka kabajamuufi rakkoo hawaas diinagdee isaanii furuuf waggaa waggaan kan kabajamaa jiru ta'uun ibsameera.

Kabaja ayyaana manguddootaa kanarratti Bulchaan Aanaa Anfilloo Obbo Nagaash Qana'aa Kabaja Ayyaanichaarratti ergaa dabarsaniin Maanguddoon dhaloota har'aas ta’e dhaloota boruuf aadaafi duudhaa akka baratan taasisuun biyyi akka ijaaramtuufi dhaloota dhufuuf akka dabartu gahee olaanaa qabu jedhaniiru.

Itti Gaafatamtuun Waajjira Fhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Aadde Ijjigaayyoo Yohaannis Ayyaana Maanguddootaa kabajuun kabaja fi ulfina abbootaa keenyaaf jabeessuun dhalootni aadaa fi safuu qabatee Ijaarsaa biyyaa keessatti gahee akka qabaatuuf murteessaadha jechuun, Guyyaa Maanguddootaa akka naannoo keenyaatti marsaa 21faa kan kabajamaa jiru ta'uu ibsaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Muggii Obbo Haayiluu Balaachoo gamasaanitin dhaloonni maanguddoota irraa muuxannoo gaarii argachuun biyya isaanii itti fufsiisuu keessatti gahee olaanaa qabu waan ta’eef kunuunsa barbaachisu hunda godhamuufi akka qabu ibsaniiru.

Dhuma irratti Waajjirri Hojjataaf Hawaasummaa meeshaalee deeggarsaa Gara Garaa qar Kuma 25 ta'uun bituun maanguddoota harka qaleeyyiif laateeraaf.
Odeeffannoo dabalataaf
https://www.facebook.com/profile.php?id=100004580506967&mibextid=ZbWKwL
http://anfilocommunicationnews.wordpress.com
https://youtube.com/?si=WSIHMcF5RIU9Bm
tiktok.com/
https://t.co/nfnNAhDd7W

13/10/2023

Fuula keenya kanas like gochuun nu hordofaa

Anfilloo ( Onkoloolessa, 2/2016)Godina Qellem Wallagga Aanaa Anfillootti  Miliishota Guyyoota 45f leenjii Loltummaa Aana...
13/10/2023

Anfilloo ( Onkoloolessa, 2/2016)
Godina Qellem Wallagga Aanaa Anfillootti Miliishota Guyyoota 45f leenjii Loltummaa Aanaa Laaloo qileetti kennamaa ture xumuranii gara Aanaatti deebi'aniif Simannaa Ho'aan taasifame.

Sirna Simannaa kana irratti argamuun Miliishota leenjii irra turaniif baga nagaan galtan kan jedhan Bulchaan Aanaa Anfilloo Obbo Nagaash Qana'aa ergaa dabarsaniin bu'aa bahii fi dadhabbii leenjii keessatti isin mudataa ture dandamattanii, keessaa cabuu fi keessaa baduu ooltanii baga nagaan gara Aanaa keessaniitti deebitan anaa dhufu jechuun leenjii leenjiitanii dhuftan gara hojii qabatamaatti jijjiiruuf hidhannoo keessan jabeeffatanii nageenya waarawaa dheebuu hawaasa keenyaa halkanii fi guyyaa ta'e sana lafa qabsiisuuf isa kaleessa dheengaddaa caalaatti kutannoo fi murannoo addaatu isin irraa eegama jedhan.

Itti gaafatamaan waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa Aanichaa obbo Geetahuun shaambii gama isaaniitiin akka jedhanitti ergama Finxaalessitootaa fashaleessuuf leenjiin isin guyyoota afurtamii shanan darban keessatti fudhattan jijjiiramaa fi Nageenyaa amansiisaa Aanaa keenya keessatti fiduu ni danda'a jennee amanna baga nagaan dhuftan anaa dhufu jedhaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira poolisii aanichaa Inispeekter Abarraa Baqqalee qaamolee leenjii irra turaniif baga nagaan dhuftan erga jedhanii booda qaamoleen Nageenyaa sadarkaa sadarkaan jiran waliin wal dubbisuun qindoomnee hojii Aanaa fi naannoo keenya tasgabbeessuuf hojjechuutu isinii fi nurraa eegama jechuun ergaa isaanii dabarsaniiru.

Xumura irrattis Qaamolee leenjii kana fudhachaa turaniif Affeerraan laaqanaa taasifameeraaf.

Odeeffannoo dabalataaf
https://www.facebook.com/profile.php?id=100004580506967&mibextid=ZbWKwL
http://anfilocommunicationnews.wordpress.com
https://youtube.com/?si=WSIHMcF5RIU9Bm
tiktok.com/
https://t.co/nfnNAhDd7W

Address

Dembi
Mugi
251

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Anfilo Communication Offič€ posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Anfilo Communication Offič€:

Share