17/07/2025
WALALOO KITAABA SOOLANEE KOO DUBBISA
=============================
"Cilaaloon hurrii dachaasee
Asallaa lafti hin mul'attuu
Yaanni kankee na dhamaasee
As baatee natti hin dubbattuu?
Lafti margaa qaxxisaadhaa
Baddaa Guuguu loontu dheedaa
Yaanni kankee rakkisaadhaa
Sabboontuu too koottu meekaa!
Hurutaarraan qaxxaamurtee
Gabaa Hamdaa Diksiisitti
Maal qaba mee yoo naa dhufte?
Fudheen siin badaa kiisitti
Sittiβn himu atuun beeytaa
Wanna qalbii tiyyaa tolaa
Aanii eessatti na eeyda?
Adaabbiyyoo moo Dodola
Bareeddittii Diinsho gubbaa
Kurfoo intalaa haadha guftaa
Shaashee goree si eegumoo
Nageelleetti natti dhufta?
Waabeen guutee bubbisullee
Daaktuun dhabuu ima ce'aa
Caaltuu intalaa kumbulullee
Boontuu tamuu sima se'aa!
Ta guntunni qara eeboo
Safeettittii qarreen duudaa
Anaajinatti si eeguu ?
Gadi bu'ee warra muudaa
Daqiiqamii sekondiifuu
Ija duraa nan dhokattuu
Na- mul'adhu meekaa Siifuu
Akka qalbiin na boqattuu."
βοΈπ₯±π₯±π₯±π₯±π₯±π₯±
Maxxaansa itti anuu argachuuuf follow godhi hiriyyoota keef share godhi Galatoomaa!