04/12/2022
Nama Islaama jechuun warra akkanaa turan
Kalliifa 2ff Bara UMAR IBNU KATTAAB (R.A) bulchaa ture san dargaggoonni sadii namicha tokko qabanii hidhanii gara amiira islaama umar fidan.
βYaa Amiiral Islaama Namichi kun abbaa keenya nu jalaa ajjeesee jiraatii haddii (adabbii) akka itti nuuf murteessitu barbaannaβ jechuun gaafatan.
Umar βAbbaa isaanii Maaliif ajjeefte?β jedhee Umar namicha ni gaafate.
NAMICHA βYaa amiira mumiintoota Ani tiksee gaalaa ti ajjeechaaf yaadee miti,
Gaalli kiyya tokko lafa dallawa isaanii irraan achii laatee muka irraa baala osoo nyaatutti jiruu abbaan isaanii dhagaan darbatee gaala koo na jalaa ajjeese. πͺπ«
Aniis dhagaa inni darbate gaala kiyya sanaan dhawe san fudheen yommuu darbadhu abbaa isaanii duraa ajjeese.β Jedhe
UMAR(R.A) " yoo ajjeesuu kee amante tahe atiis adabbii du'a sitti murteeffamee jira jedheen.
NAMICHA βTole murtii kana jaladheera garuu guyyaa sadi qofa naaf kennaa deebi'etiin dhufaa yoo naaf hayyamtu ta'e,
ani abbaan kiyya yommuu duβu anaa fii obboleeyyan kiyya xixiiqqoo waliin sanduuqa (qabeenya dhoksaan kaawwame) amaanaa ijoolleef qoodi jedhee natti kennee ture. Yoo ani asitti duβe immoo qabeenyi sun lafatti bada, ilmaan xixiqqoon yatahamaani waan nyataan dhabanii beelawuu naaf hayyama, biyyii keenyas fagoodha, kanaaf akkaan daddafee amna guyyaa 4 guyyaa sadii keessatti dhufuuf naaf hayyamaa.
UMAR R.A " kanaaf hanga ati dheeyxee deebituutti eenyuutu wabii siif taha ree? Jedheen
NAMICHA, namoota islaama walitti qabamanii tatta'aan tokko keessa oliif gad daddeeme nama tokko ilaale namni inni beeku tokkolleen keessa hin jiru, booda βnamicha kanaβ jedhee nama tokkotti akeeke. Namichi asaabticha beekkamaa Abbaa zarriil khiffaari ture
UMAR, R.A βYaa Abaa Zarri namicha kanaaf wabii ni taataa?β jechuun Umar (R.A) gaaffate.
ABBAA ZARRII R.A Eeyyan yaa Amiiral Muβumiinaa jechuun deebiseef.
NAMICHA Eegasii ni deeme.
Guyyaan 1ff ni dabre.
Guyyaan 2ff nidabre
Gaafa guyyaa sadaffaa irratti namichi yoo hin dhufnee adabbiin du'a waan Abaa Zarriin irratti raawwatamuuf asaaboonni ni rifatanii muka irraatti ol-bahaani namicha ilaalaan namichii hin jiru, abbaa zarriin hidhamee du'aaf deemu. π
NAMICHA. guyyaa sana namichi salaata magriibaa dura osoo fiiguu hafuurrii itti citaa, booda carqii adii harkattii qabatee samii keessa ol-qabaa πββοΈfiigichaan dhufe.
Figichaan waan dhufeef akka dadhabee ture fuula isaa irraa ni
beekkama ture. Maashaa allah maali namni akkasii osoo arra ta'ee eenyuutu du'aaf deebi'ee dhufa?
Namichi dhufeetii Umarin (R.A) fuuldura dhaabbachuudhaan βYaa amiira muuminaa qabeenya obboleewwan kiyyaa fii obboleewwan haadha kiyyaatiif kenneetiin dhufe jadheen.
Amma toβannaa kee jalaan jira murtii narratti raawwadhaβ jechuun dubbata. Subahaanaallh
UMAR. R.A ni ajaaβibsiifate.
Osoo achiin baddee hafuu dandeessuu akkamitti deebitee dhufte? Jechuun gaafateen.
NAMICHA, Bara keenya kana keessa βNamoota jiddutti jecha beellamaa guutu(waadaa) walii
kabajuun hafe akka hin jedhamneef sodaadheetiinβ jedhetiin maqaa diin/amantii islaama/ sababa kiyyaan akka hin xiqqanneef, waada guutuufiin dhufe. Jadhe. Allahu akberβ
UMAR R.A gara Abaa Zarritti gara galee
βYaa Abbaa Zarri! Namicha kana nibeeyta Turte mo?
ABBAA ZARRi " lakkii hin beekuu"
UMAR R.A "Osoo hin Beekiin akkamitti wabii taateef?β jechuun gaafate.
ABBAA ZARRII βAnii wabii isaa kaniin taβeef zamana keenyatti namoota jidduu hojiin Kheeyrii dhabamte islaamni waliif hin dhabbattu kan lubbuu waliif kennuu hin jiru akka hin jedhamneef sodaadheetiinβ jedhee deebiseef.βοΈ
IJOOLLEEN DARGAGGOOTA Yeroo san ijoolleen abbaan isaanii jala du'e kanaan qalbiin obboleeyyan abbaan
isaanii jalaa ajjeefame baayyee qalbii captain bo'aani qalbiin xuqamte.
β Wallaay nutiis dhiifne adabbiin akka isa irratti hin raawwatamne afwii (dhiifama) isaaf goonee jirraβ jedhan.
UMAR R.A "maaliif Dhiiftaan"? Jedhee isaan gaafate. Namoonni achii turan akkuma jiraniin dubbicha hordofaa turan boha jiruπππ
DARGAGGOOTNI yeroo deebii kennan
βnutis Bara keenya kana keessaatti immoo namoota jiddutti afwii walii godhuun dhabame akka hin jedhamneef sodaanneetiiβ jedhanii deebisan.
Subhaa nallah!
Aniis immoo namoonni waan kheeyrii dhagahan waliif hin dabarsan akka hin jedhamneef sodaadhee kunoo seena kana
isiniif dabarseetiin jira.
By Abdulwahid Ibiraahim
ALLAHU AKBARβ