Naasir Ahmmannur page

Naasir Ahmmannur page ALLAH IS ONE ❤️❤️

04/08/2024

Warri du'an akkamitti du'uu isaanii beeku?

Wa'innaaileeyhi Raaji'uun!!!

Namni du’e tokko jalqaba irratti du’uu isaa hin hubatu. Abjuun du'a akka waan arge takkatti itti dhaga'ama, boo'uu, dhiqachuu, of hidhuu fi awwaalatti gad bu'uu isaa akka abjuutti arga.

Yeroo hunda namni yeroo lafa irra ciisu miira abjuu qaba. Sana booda ni iyya garuu namni isa dhaga'u hin jiru.

Booda yeroo namni hundi faffaca’ee lafa jala kophaa hafu Rabbiin lubbuu isaa itti deebisa. Ija isaa banee "abjuu hamaa" isaa irraa dammaqa. Jalqaba wanti isa mudate abjuu halkanii qofa ta'uu itti fakkaatee waan oole se'ee gammadee Rabbiin galateeffata, ija isaa sirritti banatee bitaa fi mirga isaa ilaalee Achiis qaama isaa isa ammallee huccuun marfame qaqqabatee ajaa’ibsiifatee akkana jechuun of gaafata:-

"shamizii koo meeti?,uffanni jalaa koo eessa jira?"

Sana booda itti fufee: "Ani eessa jira, bakki kun eessa?, maaliif bakka kanatti urgaa ,xurii fi dhoqqee arga?, asitti maal hojjechaa jira?" jedhee of gaafata?

Sana booda lafa jala akka jiru hubachuu jalqaba, wanti isa mudachaa jirus abjuu miti! Eeyyee, dhuguma duʼuu isaa hubateera.

Hamma danda’ametti sagalee guddaadhaan iyyee firoota isaa waama: akka inni yaadutti firoottan isaa isa oolchuu danda’an maqaa dhahee itti lallaba.

"Hasan .!!!"
"Faa'izaa.....!!!!"
"Abdullaahii......!!!!"
"Khadiijaa......!!!!"
"Aayishaa......!!!!"
"Usmaan......!!!!"
"Addaam......!!!!"

Yoo Muslima hin ta'in

"Caalaa"
"leggesaa"
"Dirribaa" jedhee yaama

Garuu Namni deebii isaaf kennu hin jiru. Sana booda abdiin isaa amma Rabbiin qofa ta’uu hubata. Isaaf boo’ee araara isa kadhata;

"Yaa Allaah! Yaa Allah! Naaf araarami Yaa Allah... !!!

Sodaa ajaa'ibaa jireenya isaa keessatti kanaan dura itti dhaga'amee hin beekne itti dhaga'amee iyya.

Muslima ta'ee Nama gaarii yoo ta’e, Malaaykonni lama koflaa isa jajjabeessuun tajaajila hundarra gaarii ta’e isaaf kennu.

Nama hamaa yoo ta’e malaykoonni lama sodaa isaa dabalanii akka hojii badaa isaatti isa dararu.

Yaa Rabbi dilii anaa fi haadha koo, abbaa koo, haadha manaa, ijoollee koo fi maatii fi hiriyyoota koo hunda naaf araarami.

Obboleeyyan islaamaa barreeffama kana yeroo dubbiftu keessatti filannoo lama qabda

1. Beekumsi xiqqaan kana dubbistee osoo bakka hin kenniniif akkuma duraaniitti jireenya kee itti fufuu

2. Barreeffamni kun of siyaadachiisee hamaa dalagaa jirtu irraa toowbattee jireenya haaraa jalqabuu, araara kadhachuu fi hojii gaggaarii hojjachuu, gara Allaahatti deebi'uu

Yaa Allah hangan nama gaarii ta'ee dalagaa gaggaarii dalagadhee siqunnamuudhaaf qophii ta'utti lubbuu tiyya narraa hin fudhatin. Ameen..👏👏...

Muslim's Corner irraa afaan Oromootti hiikame!

Address

Santander C
Jeddah

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Naasir Ahmmannur page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Naasir Ahmmannur page:

Share