Dheebu bilissummaa

Dheebu bilissummaa ALLAAH IS ONE

11/01/2025

NUTI KAN NU DHIBE KIRKIRAA LAFAA OSOO HIN TAANE GIRGIRII... ..............................TI RABBIIN JALAA NU HAA BAASU

10/01/2025

Bara 1501 biyya amantii Islaamaa Shi’aa ta’uushee kan labsite Peershiyaan, maqaa Iraan jedhu labsattee ittiin of waamuu kan eegalte bara 1935 irraa eegalteetti.

Yeroo ammaa kana sagantaa niwukilaraafi atakaaroo warra lixaa wajjin qabdu dabalatee biyyi kuni seenaa qarooma durii qabdi.

👉🏽👉🏽:https://bbc.in/4fZCmhi

10/01/2025

Shakkamtootni yakka shororkeessummaa xiyyaara butuu hanga gamowwaan Ameerikaa heddu barbadeessuun himataman waggoota 20 oliif mana hidhaa turanillee, gareen abbootii murtii dhimmicha qorachuuf ammalee yeroon dabalataa akka isaan barbaachisu ibsuun falmii isaanii addaan kutan.
https://bbc.in/40838hj

10/01/2025

Kamisa Amajjii 9, 2025 galgala naannoo sa'aatii tokkoon booda samii kibbba Itoophiyaa fi kaaba Keeniyaa irratti laboobni ibidda fakkaatu samii keessa yeroo adeemu waan hawaasni hedduun arguun miidiyaalee hawaasummaa irrattis haalan qoodamaa ture.

10/01/2025

SALAANNI SHANAN WALIIGALA RAKA’AA MEEQA QABA ?
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Arkaana islaamaa keessa shahaadaa lamaan itti aanee kan jiru Salaata. Rabbiin Guyyaa fii Halkan Keesatti Salaata Shan dirqama nurratti godhe. Salaata shanan namni dhiise kafree amantii islamaa irraa baha.

Akkasuma ammaas dalagaan Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin irraa nama gaafatu tan jalqabaa salaata, salaanni kee tollaan aakhiraan tee tolte, salaanni kee bannaan ammoo aakhiraan teetiis badde.

Salaanni shanan waliigalatti Raka’aalee 17 of keessaa qaba.

1: Zuhrii Raka’aa 4
2: Asrii : Raka’aa 4
3: Maghriba : Raka’aa 3
4: Ishaa’ii : Raka’aa 4
5: Subhii: Raka’aa 2

• 4+4+3+4+2= 17

• Raka’aalee Kudha Torban salaatuun yeroo hedduu Namarraa hin fixxu. Daqiiqaalee muraasa sa’aa hin guunne keessatti salaattee fixxa.

• Yaa obboleeyyan kiyya wanta daqiiqaa muraasa keessatti raawaannu kana dhiifnee Addunyaa fii Aakhiraa teenya akka hin balleessine.

• Yaa Rabbii keenya Salaata kee Nuuf laaffisi, nutiis salaata keetiif Nu laaffisi, yeroo salaanne nurraa qeebalii guyyaamaa isaan Jannata nu Galchi.

Barreeffama kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa.

Waan Dubbistaniif Galatoomaa : Jazaakumullaahu Kheeyran

By: Ibsaa Dhugaa

https://t.me/ibsaadhuga

10/01/2025
09/01/2025

Ameerikaan cabbii fi abidda gidduutti qoramaa jirti. Kutaalee Ameerikaa 7 keessatti sababa qorraa fi cabbii hamaan manneen barnootaa cufamanii, namootnis du'aniiru. Kaaliiforniyaatti ammoo ibiddi bosonaa qabatee qabeenyaa fi lubbuu namaa gaaga'aa jira.
Suuraan;- Getty Images
https://bbc.in/40r4uVS

Address

Lith

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dheebu bilissummaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Dheebu bilissummaa:

Share

Category