17/09/2020
Dhibee Walqunnamtii Saalaa Dafanii Xumuruu (Premature Ej*******on)
************************************
Namoonni HAADHA MANAA isaanii waliin walqunnamtii saalaa jalqabuuf utuu jedhanii, utuu qunnaamtii hin godhiin qaamni kormaa jalaa miliqu ykn eegalanii daqiiqaa 1 gaditti xumuran rakkoo kana qabu jedhamee yaadama.
Waanti kun takkaa yoo nama qabate waan nama hin gadhiifne yokaan nama waliin hafu miti. Waqxii tokkoof nama mudatee baduus danda'a, namoota tokko tokko irra ammoo turuu danda'a.
Dhibee kana kan fidu kana jedhamee quba itti qabamee adda baafamuu baatus kanneen armaan gadii kun, waliin ta'anii harka keessaa qabu jedhama:
1. Walqunnaamtii saalaa yeroo dheeraaf hin godhiin turuu (Kun akkuma akkuma deddeebi'anii raawwatanii fooyya’aa deema waan ta'eef yaddessaa miti).
2. Dhiphina/muddama sammuu (stress) fi dhibee fayyaa sammuu garmalee gadduu (depression).
3. Sodaan walqunnaamtii saalaa hin danda'u jedhu dursee sammuu keessa jiraachuu.
4. Miirri balleessaa qabaachuu (guilt) namatti dhaga'amuu
5. Rakkoon hariiroo jaalalaa (relation ship) jiraachuu fa'i
*******************************
AKKAMIIN OF GARGAARUUN DANDA'AMAA?
1. Afuura dheeraa (deap breath ) fudhachuu. Yoo xixiqqeessanii afuura baafatan gara dafanii sanyii kormaa dhangalaasuutti geessa.
2. Qofaatti shaakaluu. Kun mala of tuttuquu (ma********on) fayyadamuun yoo sanyiin kormaa dhangala’uuf jedhu gidduutti dhaabuudha. Ammas irra deddeebi’anii hojjachuudhaan of shaakalsiisuudha. Yoo kana godhanii, qaamaan haadha manaa yokaan jaalallee isaanii bira deeman illee qabachuu danda’an.
3. Yoo qunnaamtii saalaa goodhan guutummaa guutuutti yaada ofii qaama saalaa irra kaa’uu dhiisuudhaan, gidduu gidduutti bakka biraa yaadaa raawwachuu.
4. Jarjarsuu fi ariifannaa, sodaa fi miirota kana fakkaatan haga danda'an ofirraa fageessuu.
5. Yoo qunnaamtii saalaa raawwatan akkuma miirri olka’aa deemee gara dhangala’uutti dhiyaateen sochii gadi xiqqeessuudha. Yoo garmalee sosocho’an dafee akka dhangala’u waan taasisuuf.
****************
Fayyaan faaya