Daily Oromia

Daily Oromia social media

Gaazexeessaa fi barreessaa Tasfaayee/Gadaa/ Gabra'aab boqoteKMN:- Mudde 25/2021=====================Gaazexessaa fi barre...
25/12/2021

Gaazexeessaa fi barreessaa Tasfaayee/Gadaa/ Gabra'aab boqote

KMN:- Mudde 25/2021
=====================
Gaazexessaa fi barreessaa gameessi Tasfaayee/Gadaa/ Gabra'aab umrii waggaa 53tti addunyaa kanarraa du'aan boqochuu maatiin isatti dhiyoo jiran BBCtti himan.

Tasfaayee Gabra'aab ji'ootaaf dhukkubsataa kan ture yoo ta'u, magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobii keessatti wal'aansa fayyaarra osoo jiruu guyyaa har'a Muddee 25, 2021 lubbuunsaa dabarte.

Hojii og-barruu isaan akkaan kan beekamu Tasfaayeen, A.L.I Hagayya 22 bara 1960 maatii lammii Eertiraa ta'an irraa magaalaa Bishooftuutti dhalate.

Maatiin isaa Eertiraa ta'anillee daangaa Eertiraa irraa gara Itoophiyaa giddu gala biyyaa imaluun magaalaa Bishooftuu buufatanii ijoollees achitti horan.

Tasfaayeen yaadaa fi qalbiin isaa gara hojii og-barruu waan tureef umrii ijoollummaasaarraa eegalee barreessitoota hangafaa Itoophiyaa hedduu waliin michummaa cimaa qabaachaa akka turetu himama.

Tibba aangoon Dargii obba'uurra ga'e keessa raayyaa waraanaatti seenuun leenjii erga fudhatee booda osoo baay'ee hin turin mootummaan humna waraanaan bulchu(Dargiin) waan kufeef, ADWUI waliin deebi'ee magaalaa Finfinnee galee hojii gaazexeessummaan tajaajilaa ture.

Magaalaa keessatti dhalatee fi uummata Oromoof jaalala addaa akka qabu kan himu Tasfaayeen sirna moggaasaatiin Oromoomee, maqaan Gadaa jedhu kennamuufi hima.

Dhaabbata maxxansaa hojiiwwan ijoo mootummaa guyyuu raawwatamu maxxansuun beekamu Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti hanga hoji gaggeessaa olaanaa ta'ee tajaajiluutti kan ga'ee ture Tasfaayeen, wayita bulchiinsa isaa keessa gaazexaawwan maxxanfaman irratti fooyya'iinsi guddaan akka mul'atetu himama.

Tasfaayeen barruuwwan maxxanfaman keessatti barreessitoonni gameeyyiin akka hirmaatan gochuudhaan akkasumas maxxansaawwan dhuma torbeetti ba'an irratti jiijjiirama bu'uuraa taasisuun fooyya'iinsa ajaa'ibaa akka argamsiise waahillan isaa ragaa bahuuf.

Dabalataan barruu paartii biyya bulchaa ture-ADWUI-waliin hidhata cimaa qabu ''Iffooyitaa'' jedhamu hoogganuudhaanis ni beekama.

Tasfaayeen osoo Itoophiyaa jiruu ogummaa gaazexeessummaan cinaatti kitaabota hedduu maxxansiiseera.

Boodarra paartii biyya bulchuun waldhabuun Itoophiyaa keessaa miliqee Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa, Neezarlaandis fi biyyoota kaan keessa jiraateera.

Tasfaayeen erga hojii gaazexeessummaa dhaabee booda hanga du'aan addunyaa kanarraa boqotutti jireenyasaa guutuu kitaaba barreessuu irratti dabarsuun hanga kitaabota saddeetii barreesseera.

Hojiiwwan isaa saddeet caalan Afaan Amaaraan kan maxxanse barreessaan gameessi kun, kan daran isa beeksise asoosama dheeraa mata dureen isaa ''Ye burqaa zimmitaa'' jedhuudha.

Kitaabni asoosamaa kun namoota kitaabicha dubbisan hedduu irraa qeeqa hedduu itti kaaseera.

Isa boodas Tasfaayeen yaadannoowwan dhuunfaasaa hedduu, asoosamoota gaggabaaboo fi duudhaawwan irratti barreessuun dinqisiifannaa argateera.

Tasfaayeen hojiiwwan barreeffamaa isaan akkuma dinqisiifatamu, namoota hojiisaa hordofanii fi dubbisanirraas qeeqi guddaan isa mudataa tureera.

Hojiinsaa qabiyyeewwan hawaasa Itoophiyaa gidduutti dhibdeen akka uumamu taasisan irratti xiyyeeffatu jechuun namoonni baay'een ni qeequ.

Barreessaa Tasfaayee Gabra'aab wayita gaazexaa 'Ifooyitaa' hoogganaa turetti hanqina maxxansaa bara dargaggummaasaa mudachaa tureen hojiiwwan osoo hin maxxanfamin hafan walitti qabuun walitti aansuun akka maxxanfaman godheera.

Bara 1992-1993tti mata duree 'iffitaa' jedhu jalatti hojiiwwan kanaan dura osoo hin maxxanfamin hafan bifa kitaabaan qopheessuun kitaaba shanitti baasuun maxxansiiseera.

Dabalataan qabsoo TPLF irraa eegalee hanga ADWUI'n finfinnee galuuttti taateewwan turan kan seenessu kitaaba mata dureen isaa ''Taraaroochin Yaanqaxaqqaxee Tiwuld'' jedhu barreessee maxxanseera.

Tasfaayeen hojii ogummaa gaazexeessummaa fi barreeffamaan ADWUI keessatti adda durummaan hojiiwwan hojjetaa turee, boodarra dhibdee qondaaltota siyaasaa biyyattii waliin tureen Itoophiyaadhaa baqatee ba'uuf akka dirqame hime.

Erga Itoophiyaa gadhiisee ba'ee booda kitaabota iccitiiwwan qondaaltota ADWUI gidduu ture irratti xiyyeeffatan-''Ye Gaazexanyaawu Maastaawashaa'' fi ''Yedaraasiiwu Maastaawashaa'' jedhaman barreesseera.

Tesfaayeen erga Itoophiyaadhaa ba'ee biyyoota adda addaa keessa baqattummaan kan jiraate yoo ta'u, boodarra Eertiraatti galee guutummaatti hojii barreeffamaarratti xiyyeeffatee hojjechaa ture. Kitaabota hedduus barreesseera.

Tasfaayeen kitaabota hanga yoonaa maxxanse afaan Amaaraan kan barreesse yoo ta'u, muraasni isaanii garuu gara afaan ingilizii fi Afaan Oromootti hiikeera.

Gabaasi kan BBC Afaan Oromootti!

Manni Maree Minstirootaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa akka hundaa'u murteesse.Manni Maree Ministirootaa walg...
10/12/2021

Manni Maree Minstirootaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa akka hundaa'u murteesse.

Manni Maree Ministirootaa walgahii idilee 2ffaa guyyaa har’aa gaggeesseen labsii wixinee hundeeffama Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa irratti mari’achuun murtoo dabarse.

Ibsa waajjirri Muummichi Ministiraa Abiy Ahimed baaseen Mootummaan filannoo marsaa 6ffaaf dhimmoota biyyaalessaa raawwachuuf waada galee keessaa marii biyyaaleessaa hunda hammate gaggeesssuun waliigaltee biyyaalessaafi dhimmoota biyyaarratti ejjennoon waloo akka jiraatuuf hojii hojjetaman keessaa isa tokko ta’uu yaadachiisee.

Kanuma irratti hundaa'udhaan dhimmoota bu’uuraa biyyaalessaa jedhaman irratti hayyoonni yaada siyaasa gara garaa qabatanii turan tokkummaa biyyaalessaarratti ejjennoo ummata walitti fiduu akka qabatan taasisuuf, marii biyaalessaa hunda hammate hojiirra oolchuuf qaama walabaa ta’een akka durfamufi gurmaa’uu hundeessuun barbaachisaa ta’ee argamuusaatiin wixineen labsii Komishiniin Marii biyyaalessaa Itoophiyaa qophaa’uun Mana Maree Ministirootaaf murtoof dhiyaateera.

Manni Maree Minstirootaa labsii wixinee hundeeffama dhiyaate irratti erga mari’atee booda galteewwan barbaachisan itti dabaluun akka ragga’uuf Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf akka dabarsu murteesseera jedha ibsichi.

Waraanni Tigraayitti ji'oota 10 dura eegalee dhiyeenyammoo naannolee Amaaraa fi Affaaritti babal'ate, biyyoota gaanfa Af...
14/09/2021

Waraanni Tigraayitti ji'oota 10 dura eegalee dhiyeenyammoo naannolee Amaaraa fi Affaaritti babal'ate, biyyoota gaanfa Afrikaa mara gooluuf akka sodaachise, Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Komishinarri Olaantuun Mirgoota Namoomaa Misheel Baashileet Wiixata kaleessaa akeekkachiisan.

Yaa'ii waggaa Komishinii Mirgoota Namoomaa UN 48ffaa Wiixata kaleessaa Jeneevaatti taa'amerratti ture komishinarittiin kana kan dubbatan.
Korri kun dhimmoota waa'ee waraana Itoophiyaa ilaallatu ballinaan dubbateera.
Kunoo 👇👇
https://bbc.in/3lpWCOy

 QEERROO OROMIYA
14/09/2021



QEERROO OROMIYA

Loltoonni Sudaan godina lixa Gondar keessattu aanaalee Matammaafi Lixa Armaacihoo seenuun maasaa qonnaan bultootaa irraa...
31/12/2020

Loltoonni Sudaan godina lixa Gondar keessattu aanaalee Matammaafi Lixa Armaacihoo seenuun maasaa qonnaan bultootaa irraan miidhaa qaqabsiisuu fi namoonni buqqa'u aanga'oonni naannichaa BBCtti himaniiru.

Bulchaan Godina Gondar Lixaa Obbo Dassalanyi Xaasow BBC'tti akka himanitti, qabeenyaan qonnaan bultoonni 200 ta'an barbadaa'ee yoo ta'u, kanneen 1,700 ta'an buqqa'aniiru.

Ministirri Beeksisa Sudaan Faayisal Saaliih ammoo loltoonni biyyasaanii lafa naannawa daangaa biyyoota lamaaniitti qonnaan bultoota Itoophiyaatiin qabamee ture jedhan keessaa irra jireessa to'achusaanii Sanbata darbe dubbachusaanii Rooyitarsi gabaaseera.

Qonnaan bultoota sababii waldhabdee daangaa kanaatiin miidhaa qabeenyaa isaanii irra gahee keessaa muraasni waan mudate BBCtti himaniiru.

Maddi Oduu:- bbc afaan oroomoti

https://bbc.in/34WkHW5

Dubartiin Itoophiyaa waggaa kudhan dura gara Xaaliyaanitti baqachuun re'oota horsiisuun beekamtuu taate kaleessa galgala...
30/12/2020

Dubartiin Itoophiyaa waggaa kudhan dura gara Xaaliyaanitti baqachuun re'oota horsiisuun beekamtuu taate kaleessa galgala kutaa ciisichaa isheetti ajjeefamtee argamuu Imbaasiin Itoophiyaa achi jiru mirkaneesse.

Akka miidiyaaleen Xaaliyaanii gabaasanitti, namni ajjeechaa isheen shakkamee hojjetaa isheen qaxarteefi hojii ishee gargaarudha.

Imbaasii Itoophiyaatti hojjetaa dippilomasii ummataa kan ta'an Obbo Dassaalany Mokonniin BBC'tti akka dubbatanitti kaleessa ajjeechaan erga raawwate booda poolisiin qorannoo taasiseen baqataan Aggituutin mindeeffamee ture ajjeechaa raawwatu amaneera.

Imbaasiin Itoophiyaa magaalaa Room jiru du'a isheetin gadda itti dhagahame fuula fesbuukii isaarratti ibseera.

Ajjeechaan isheerratti raawwateen lammiileen Xaaliyaanii tiwiitara gubbaa gadda isaanii ibsaniiru. Qondaalli Itoophiyaas ajjeechaan isheerratti raawwate lammiilee Xaaliyaanii biratti naasuu uumu himan.

Keessumaa isheen baqattoota gargaaruun waan beekamtuuf baqattoota birattii gadda uumuu dubbataniiru.

Akkamiin ajjeefamte?

Akka poolisiin jedhetti Aggituun biyya Xaaliyaanii bulchiinsa Tirentiinoo mana jireenyaa ishee naannawa Firaansilongo jedhamu keessatti duute argamte.

Poolisiin Aggituu, dubartii umurii 42, kaleessa [Kibxata] galgala burruusaan mataa keessa rukutamtee ajjeefamu hin oolle jedhee shakkeera. Silaa guyyaa Jimaataa umriin ishii 43 guuta.

Aggituun Kaaba Xaaliyaaniitti hojii daldalaa ofi jechuunis horsiisa re'ootaa kan eegalte yoo ta'u kanaanis beekkamtii guddaa argatte. Ittin milkooftes.

Bakkeewwan biyyattii garaa garaa irraas dargaggoonni areera annan re'eerraa tolchitu baruuf dhufaa akka turan Deutsche Welle gabaaseera.

Yeroo garaa garaatti doorsisi sanyummaa isheerra gahuu dubbataa turte. ''Fokkistuu, gurraattii jedhanii na arrabsu. Bakki jiruus biyyakoo akka hin taane natti dubbatu,'' jechuun wantaa ishee mudatu ibsaa turte.

Doorsisa sanyuummaa yeroo ishee quunname dubbattetti pirezidantiin mana maree bulchiinsa isheen keessa jiraattu Ugoo Roosi mormanii bira dhaabatanii ture.

''Aggituun baqattuu taatee bulchiinsa keenya jala hojii horsiisa [re'ee] eegaluun ishee deeggarsa taasisuu Tirentinoo agarsiisa,'' jedhanii turan.

Haa ta'u malee, ajjeechaa isheerratti raawwatef hojjetaa isheetu shakkame.

Namni ajjeechaa isheen shakkame eenyu?

Waa'ee ajjeechaa Aggituurratti raawwate gaazexoonni Xaaliyaanii hedduu gabaasaniiru.

Guyyaa ajjeechaan irratti raawwate Aggituun mahaandisoota waliin lafa qonnaa ishee babal'isuuf beellama qabdi turte.

Beellamaarratti argamuu dhabuu isheerraa kan ka'e ollaa ishee keessaa tokko kan ta'an gara mana ishee deemanis kutaa ciisichaa ishee keessa kuftee akka ishee argan gaazexaan Corriere Della Sera gabaaseera.

Poolisiin ergasii ajjeechaa ishee qoratuu eegale.

Ajjeechaa isheetin shakkamee to'atamuun poolisiin kan qoratame baqataan lammii Gaanaa jecha poolisiif kenneen ajjeechaa raawwatuu isaa amanuu gaazexichi qondaaltota poolisii waabeffachuun gabaaseera.

Baqataan lammii Gaanaa kuni waggaa sadiif Aggituu biratti mindeeffamee dalaguu hime.

Akka sababaattis kanfaltii isaaf raawwattu dhabuu himuun isaa ibsameera. Sababni dabalataa biroo jiraachuun ammatti hin beekamne.

Aggituun eenyu?

Aggituu Guddataan dhalattee kan guddatte magaalaa Finfnnee keessattidha.

Akka gabaasa Rooyitarsitti, Aggituun bara 2010 magaalaa Finfinneetti 'saamicha lafaa' dhaabbilee idil - addunyaan taasifamu erga mormitee booda mootummaa baqachuun Itoophiyaati gara Xaaliyaanii baqatte.

Barnoota Sooshiyolojiin digirii kan qabdu Aggituun jireenya ishii Kaaba Xaaliyaani naannoo Tireentinoo garreen Valle dei Mocheni gochuun jiraataa turte. Bakki kuni Xaaliyaanii Jarmaniitti daangessa.

Lafi ummataa daggalatti akka hin jijjiiramne seera eeyyamu fayyadamuun gaara namni itti hin jiraannetti re'oota horsiisuu eegalte.

'Re'oota 15 horsiisuun eegale. Amma re'oota 180 qaba,' jechuun waggaa lama dura Rooyitarsiif dubbatte.



MADDA SUURAA,REDA&CO

Ibsa waa'ee suuraa,
Waggaa ama dura Aggituun re'oota 180 akka horte Rooyitarsiif himtee turte

Hojii akka ishee gargaarus baqataa akka ishee mindeessite.

Halkan sa'aatii 5:00'tti ka'un re'oota elmuun ala hanga galgalaatti tiksuufi waan isaan barbaachisu guutuun hojii cimaadha. Kanuma keessa garuu milkaa'un ishee hawaasa keessa jiraattu biraa kabajaa horatte.

Aggituun annan re'eerraa areera tolchaa gurgurti. Dabalataan, areerarraa daabboollee tolchaa turte. Daldalli ishee maamiltoota horatee ture. Re'een isheen horsiistus gosa re'ee baduuf gahaniifi Pezzata Mochena jedhamanidha.

Hojiin ishee kunis baqattoota hawaasa waliin makuun jireenya fooyya'aa akka jiraachuu danda'an agarsiisee ture.

Imbaasiin Itoophiyaa ministeera dhimmi alaa Xaaliyaanii waliin ta'un ajjeechaan ishee qoratamee dafee ifa akka ta'uufi shakkamaan seeratti akka dhihaatu xiyyeeffannoon akka hojjetamu BBC'tti himaniiru.

Namoota beekamoo Afrikaan bara 2020 xumuramaa jiru kana keessa dhabde keessaa ji'a jahan har'aa kan ajjeefamee Art. Haac...
30/12/2020

Namoota beekamoo Afrikaan bara 2020 xumuramaa jiru kana keessa dhabde keessaa ji'a jahan har'aa kan ajjeefamee Art. Haacaaluu Hundeessaa tokko.
Art. Haacaaluun namoota duuti isaanii dhiibbaa guddaa uume keessaas tokko.
Isin bara faranjoota xumuramaa jiru kanarraa yaadaa akkamii qabdu?

Ka kana jedhu :-bbc afaan oroomo

'Itoophiyaattii roorrifamuun gaazexessitootaa akkaan na yaaddesseera' -Tiboor NaagiyWaajira Haajaa Alaafi hariiroo idila...
29/12/2020

'Itoophiyaattii roorrifamuun gaazexessitootaa akkaan na yaaddesseera' -Tiboor Naagiy
Waajira Haajaa Alaafi hariiroo idila addunyaa US'tti (US department of state) Barreessaa itti aanaa dhimmoota Afrikaa kan ta'an Tiiboor Naagiy ''Itoophiyaatti gabaasa roorrisni gaaxesessitootarra gahuu itti fufuu ibsuun akkaan yaaddahera jedhan.
Walabummaan Pireesii hawaasa Dimookraasiin buluuf bu'uura akka ta'e ibsanii, ejjennoon mootummaan isaanii kabajamuu walabummaa miidiyaaf qabu kan hin raafamne akka ta'e ibsan.
Tiboor, ergaa twiitaraa kana duukaa ibsa dhaabbatni tajaajila oduu Rooyitarsi ogeessi Kaameerisaa Kumarraa Gammachuu Finfinneetti hidhamuu balaaleffachuun baasee qoodaniiru.
Hidhaa ogeessa Kaamiraa Rooyitarsi Kumarraa Gammachuurratti dhaabbati isaa waan jedheefi BBC'n maatii dubbisee gabaasni qopheesse 👉https://bbc.in/3nYA3k6

Obbo Leencoo Lataa gorsa qabu *******Gaazexaa BariisaaObbo Leencoon turtii gaazexaa Bariisaa waliin haala yeroorratti ta...
29/12/2020

Obbo Leencoo Lataa gorsa qabu
*******
Gaazexaa Bariisaa

Obbo Leencoon turtii gaazexaa Bariisaa waliin haala yeroorratti taasisaniin qabxiilee armaan gadii kaasaniiru.
- Oromiyaa keessatti waldhabbii hooggansa gidduutti dhalate ummata dhamaasaa waan jiruuf ummaticha ceessisuuf waliigaluu qabu.
- Hogganoonni Oromoo waldhiiban namoota sadii hincaalan. Osoo isaan waliigalanii Oromummaan cimee baha. Warri walajjeesanis adaba godhatu.
- Federaalizmii sabdaneessaa kan dhale dhiibbaa sabummaati malee Wayyaane miti
- Ejjennoowwan siyaasaa Itoophiyaa keessatti ijoo ta’uu barbaadan lameen kan cituu fedhuufi sirna mootummaa tokkee ijaaruuf abjootuudha, lamaanuu tarkaanfachiisoo miti.
- Itoophiyaa kaleessaa keessatti eenyummaakoo barbaadee argee hinbeeku.
- Oromummaa dhiisee Itoophiyummaa ta’uu hindandahu.
- Saboonniifi sablammiileen naannoodhaan akka daanga’aniifi ijaaraman keeyyata heeraa keessatti akka hammatamuufu natu waraqaarratti barreessee Obbo Mallasitti kenne.
- Keeyyata 39 naannoleen ofiin of bulchuu hanga foxxuquutti jedhu kan itti dabale Obbo Isaayyaas Afawarqiiti.
- Jijjiirama amma hunduu itti of jaju kan fide qeerroofi qarree Oromooti.
- Murnoonni dheengaddaafi kaleessa Oromoo cunqursaa turan humna jabeeffannaan Oromummaan gatii dhaba, kanaaf Oromoon waliigaluu qaba.
- Ejjennoo ‘humnaan dhaala deebisiisna’ jedhuun alseerummaan naannawa daangaa Tigraay, Beenishaangul Gumuziifi Amaaraatti mul’atu sirna federaalizmii diiguuf kan kaayyeffateedha.

- Mootummoota bara Jaanhoyirraa kaasee turan argeera, gahumsaan kan Doktar Abiyyiin qixxaatu hinagarre, mootummaan aangoorra jiru Oromoo ta’uu sabni kamuu irratti waliigala, boru kufaatiin osoo dhufes kan itti arrabsamu Ormoodha. Kanaaf waliigaluutu fala.

Waasihun Takileetiin

Guutummaa gaafdeebii Obbo Leencoo wajjin taasisnee maxxansa keenya Sanbata dhufuurratti isin dubbisiisna.

Kutaa qophii Gaazexaa Bariisaa-

Irra deebiin'Hojii miidiyaa fi kitaaba barreessuudhaan bahee mul'achuun barbaada'Waa'ee kitaaba barreessitee kana jettee...
12/12/2020

Irra deebiin
'Hojii miidiyaa fi kitaaba barreessuudhaan bahee mul'achuun barbaada'
Waa'ee kitaaba barreessitee kana jettee ture. Dubbisaa.
👉👉 https://bbc.in/3mba4o1

WARRA ISIN JALA DARBEEF"Oromoon sirna Gadaan mootummaa ofiin of bulchu hundeeffachuu danda'a"*****************Hayyuun aa...
10/09/2020

WARRA ISIN JALA DARBEEF
"Oromoon sirna Gadaan mootummaa ofiin of bulchu hundeeffachuu danda'a"
*****************
Hayyuun aantiroopolojii lammii Eertiraa piroofeesar Asmaroom Laggasaa waggoota 45 oliif sirna Gadaa qorataniiru. Qorannoo isaanii kanas kitaabota lamaan maxxansiisanii Sirna Gadaa addunyaa waliin wal barsiisanii jiru.

Kitaabni sadaffaan pirofeesar Asmaroom barreessan kan yaadannoon isaa qeerroo fi dhaloota qubeetiif tahe maxxansaaf gara Chaayinaatti akka ergameefi ji'a tokkoon duubatti karaa Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaatiin dubbistoota bira gaha jedhan hayyuun kun.

Sirna Gadaa qorachuufi addunyaatti beeksisuun gumaacha bahaniif yuunivarsitii Finfinnee irraa dokitireetii kabajaa yoo argatan, Mootummaan Naannoo Oromiyaas beekamtii kenneefii jira.

BBC Afaan Oromoo hayyuu kana waliin turtii taasisee kunooti.

Maddi bbc afaan oromooti

👉👉https://bbc.in/33aTrRL

Obboo lammaa Magarsa Mana isaatti hidhameObboo lammaa magarsa halkaan edaa irra jalqabe humna woraanaatin marsamutu odee...
12/08/2020

Obboo lammaa Magarsa Mana isaatti hidhame

Obboo lammaa magarsa halkaan edaa irra jalqabe humna woraanaatin marsamutu odeeffama dabalaatanis itti gafataaman humna worana biyyatti Geneeral Adem akka mana hinbaane bilbiilan akeekkachiiseni jira jedhama boddeen isaas akka hidha ta,es itti himaame jira jedhan

Address

Riyadh
12211

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Daily Oromia posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Daily Oromia:

Share