
20/08/2025
Mohaammed Saalaah taphataa cimaa bara dorgommii 2024/25 jedhamuun Waldaa Piroofeeshinaalota Kubbaa Miilaa, PFAn, filatame.
Bara dorgommii darbe Saalaah goolii 29 galchuun kubbaa goolii ta'an ammoo 18 mijeessee kennuu danda'eera.
Seenaa badhaasa kanaa keessatti badhaasicha yeroo sadi injifachuun Saalaah taphataa jalqabaati.
Saalaah taphataa cimaa Piriimiyeer Liigichaa fi taphataa cimaa waldaa barreessitoota kubbaa miilaa ta'uun baruma kana filatameera.
Waanuma inni hojjetudha 🤷