25/10/2023
Seenaa Qarominaafii Guddinna Ummata Oromo Wallo, Raayyaafi Yeejjuu. (1769-1855)! Kutaa Tokkoffaa
Ummata Oromoofi Seenaa isaanii walbarsiisuun dirqama kenyaaf kessanii!
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Hidda latinsa (Qacce) Ummata Oromoo walloo Raayyaafi Yejjuu.
Jalqabni isaa…
Umannii Walloo damee Oromoo Baarentuummaa kan gosa karrayyuutti ramadamu dhaa. Karrayyunis gosa hangaafaa kan barentuu yommu ta’u damee Boranaa kan gara baahaattii qubate ta’u isaa barrulen ni addessu. Gosti Karrayyu damee gurguddaa Baasoofi Dullachatti qodama. Damee dullachaa kessaas Libanifi Wallo ni argamuu. Liban gara kaaba gondoritti yommu qubatu Walloo immoo naannoo amma wallo jedhamee bekamutti qubata.
Gostii Ummata Oromo kan Walloo bakka gurguddaa lamattii kan qodamu yommuu ta’u innis Afree fi Sadacha jedhamun kan bekkamu dha. Gosa Afree kan ummata Walloo Oromo jala balbalonni Warra Qaalluu, Laga Hidhaa, fi Laga Amboo kan argaman yommu ta’u Gosa Sadachaa kessatti immoo Warra Heebanoo, Warra Iluu fi Warrii Baabboo kan argamanidhaa.
Oromoo Wallo gara kaabaattii qubatan kessaa Raayyafi Yeejjun Gosa gurguddaa ta’u isaanii barulen ni addessu. Yejju maqaa biyyaafkenamee ta’u isaas akkasumas oromon achi qubatan afran Yejju Doraanii Boqojji, Warra Kaaloo, Warra Ruufoo Roobaafii Iguu jedhamani bekkamuu.
Garaa garummaafii tokkummaa Walloo, Yejju fi Rayyaa ilaalchisee qorannon gadi fagenyaan gagefamee bakka hinjirrettii, barreitonni seenaa warra kaaba itiyophiyaa (the Christian highland kingdom historians) Oromo gaafii abbaa biyyumaa dhowudhaaf seenaa ummata kanaa ballesani barresun isaanii barrulen adda addaa ni addessu. Warri kun seenaa Oromoo akka waligalaattii ballessani barresun isaanii wanuma bekkamu ta’e shira isaanii kanaan akkaan midhamee enyummaa isaayuu akka dagatamu godhmudhaan akka ummata Yejjufi Rayya kan gahu hin jiruu. Nutis seenaa ummata kanaa yadatamuu waan qabuf barulee adda addaa irraa walitti qabudhaan guyyaa har’a irraa egalee gabaabsudhaan isinif dhihessu yaalla.
Seenaan dagatamee bakka hin yaadatamnetti qarominnis tae tokkumman dhugaadhaan dhufu hinjiru.
Ittii fufaa………
Kitaabota Wabii
1, “The Oromo of Ethiopia. History of 1570-1860” by proof Muhammed Hassen! published
2. “The Oromo and Christian Highland Kingdom 1300-1700!” By prof Muhammed Hassen. Published.
3. “Islam In Ethiopia.” Trimingaham! Published
4. “የታሪክ እውነታዎችና የውገና ድርሰቶች!” ታቦር ዋሚ published.
5. “Seenaa ummata Oromoo hanga jaarraa 20ffaattii! Jildi lammaffaa” Alamaayyoo Haile! Published.
6. “የኢትይጵያ ሙስሊሞች የጭቆናና የትግል ታሪክ ቅፅ 1” አህመዲን ጀበል! Published
And others