Wallaggaa Media Network - WMN

Wallaggaa Media Network - WMN Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Wallaggaa Media Network - WMN, Media/News Company, London.

10/08/2025


Wallagga bahaa aanaa kiiramuu ganda baddeessaa keessaa uummanni oromoo guutummaan buqqa'ee gandichi finxalessa faannoon to'atamuu toorban dura sinii barreesinee turre.
Haa ta'uu malee caasaan bulchiinsa aanaa kiiramuu lafa uummanni irraa buqqa'e kana eegumsa shiftoota faannoon qote bulaa amaaraatti kennanii qochisiifataa jiraachuu uummata gandichaa irraa adda baafannee jirra.
Shiftoonni amaaraa lafa uummata oromoo aanaa kiiramuu ganda baddeessaa saba amaaraaf hiranii kennuun waan qaaniidha, kun kan ta'aa jiru naannoo amaaraa(region) osoo hin taane lafuma oromiyaati .

naannoo oromiyaa caasaa kana nurra diiguu dhiisee waan nu dararaa jiruuf nuun galle
Via Kiiramuu Press

Kun Dizaayina Galma Ireechaa Hora Finffinneeti.Ijaarsi isaa tohannoo waajira Kantiibaatiin saffisaan gaggeeffamaa jira🤩H...
10/08/2025

Kun Dizaayina
Galma Ireechaa Hora Finffinneeti.
Ijaarsi isaa tohannoo waajira Kantiibaatiin saffisaan gaggeeffamaa jira🤩

Horri Finfinnee ijaarsi isaa guutummaatti gaafa xumuramu kanneen armaan gadii ofkeessaa qabaata.

Galii guddaatu irraa argama ‼️
1.Bakka Irreeffannaa hammayyaa.
2.Fountain ykn bakka bishaanii bashannanaa 5.
3.Gamoo pilaazaa sadarkaa isaa eeggate.
4.Muuziyeemii Irreechaa sadarkaa isaa eeggate
5.Gamoo ykn Tower guddicha Kaffeewwan shan,Shananuu
maqaa Gadaa Oromoon Moggaafaman.
6. Suuqiiwwan gara garaa hedduu fi bakkeewwan haara galfii adda addaa,kan of keessaa qabutu Saffisaan ijaaramaa jira jedhan✌️

Gashe Miidhagaan Maal jechaa ture  yeroo durgoo nyaatu sana ?
09/08/2025

Gashe Miidhagaan Maal jechaa ture yeroo durgoo nyaatu sana ?

Olaantummaan Seeraa haa Kabajamu!**************************************Dubbachuufis nama saalfachiisa.  Dhiisuuf immoo h...
09/08/2025

Olaantummaan Seeraa haa Kabajamu!
**************************************
Dubbachuufis nama saalfachiisa. Dhiisuuf immoo haqatu haqanqaalama.

Caalaa Bultumee Kaleessa Naannoo sa’aa 7tti naaf bilbilee garam jirta dhimmaafan si barbaada jennaan Labuu akkan jiru itti hime.

Hin turre dhimma na barbaadeef natti himuuf Labuu na bira dhufe. Anis hojiirran waanin Biiroon tureef achii baheen Isa argachuun waliin Laaqana nyaanne.

Dhimma na barbaadeefis natti hime waliin taphachuu itti fufne. Baay’ee gammadaa akka ta’ee fi Waaqayyoo Seenaa koo jijjiireera. Amma gammachuun qaba. Hojiis hojjechaan Jira naan jedhee na taphachiise. Kanarra Ijoollee kiyyaan guddifadha. Haasaa namaa hin dhaqu naan jedhe.

Gammachuu isaa gaafan argu anis hedduun gammade. Kanumaan walitti marminee yeroo gargar bahuuf jennu sin gaggeessa naan jedhe.

Na gaggeessee gaafa deebi’u, Ijoollee dhiiraa Isa waliin turan kutaa biraa keessa turaniiyyu.Namni biraas Kutaa Ijoollee keessan turte sana keessan tureera. Ijoolleen Isa waliin turan achi keessa jiru jedhee ilaaluuf yoo deebi’u nama biraatu kuticha keessa Jira.Tasuma namoota kana waliin Afaan keessa wal bahan. Walitti bu’insi isaanii Kun gara biraatti jijjiirame.

Jidduudhuma kanatti humni biraa alaa dhufuun Caalaa kophaa jiru irraan miidhaa geessise. Namuu Aangoo isaa Dawoo godhatee akkuma fedhetti nama miidhuu hin qabu. Namtichi Miidhaa Caalaa Irraan geessise Isa Maqaan isaa Miidiyaa Hawaasaa kanarra deemus miti. Eenyuyyuu taanaan Seeraa ol Miti. Seerri Namoota Aangoo Dawood godhachuun Ilma namaa akka Bofaa reeban gatii ishee kennuufii qaba.

What is prayer as Osho defined 🙏🙄Kadhannaaan Mormii agarsiisuu dha. Namni Waaqayyoon Morma ni kadhataWaaqayyo Abiddaan n...
09/08/2025

What is prayer as Osho defined 🙏🙄
Kadhannaaan Mormii agarsiisuu dha.
Namni Waaqayyoon Morma ni kadhata
Waaqayyo Abiddaan nin isin fixa jennaan hin fixu jedhee mormeetu kadhata. Ani waanan waaqayo mormuuf hin qabu. Bisinesa/dhimman ittiin waaqayoon mormuufis hin qabu. Kan dhimma qabu waaqayo mataa isaati. Ani akkuma tasaa biyya lafaa kana irrattin of arge. Kan na uumeef Abbaan biisinesaa(waaqayo beeka). Abiddaan na gubu if yoo na uumes mormii itti hin qabu. Kanaaf namni yaada waaqayyoo irraa mormii hin qabne waan itti sagaduuf hin qabu. Waaqayo bisinesa mataa isaa hojetuutti jiru Warri morman Amantoota jedhamu. Warri waaqayo waliin bisinesa/ yaada walitti buhu hin qabne ammo ethistii jedhamu. Kanaaf Atistii tahuun waaqayoon mormuu dhabuu dha jedhu Oshoon🤏

https://youtu.be/Z4qrBmKTnFY?si=UZQwvYAk1oy8_0Cq

Silaa Waanuma Raajii Dhageenya Barana. Kan isin argaa jirtan kun Godina Jimmaa Aanaa Noonnoo Beenjaa Ganda Sadiitti kan ...
09/08/2025

Silaa Waanuma Raajii Dhageenya Barana.

Kan isin argaa jirtan kun Godina Jimmaa Aanaa Noonnoo Beenjaa Ganda Sadiitti kan argamuu Riqicha Laga Araqee jedhamu kun jaaramee osoo tajaajila hin laatin jigeera. Riqichi kun Ganda Iluu fi Ganda Sadii kan Wal qunnamsiisuudha.

Riqichi Kun bara 2015 Kontiraaktaraaf kennamee ijaarsi isaa kan egale yoo ta'uu bara 2017 xumuruun tajaajilaaf baana ta'ee ture. Haa ta'u Malee Riqichi Kun Akka yaadameetti tajaajila yeroo dheeraa Osoo hin keennin ji'ota muraasa keessatti gaafa 28/11/2017 jiguun tajaajilaan ala ta'ee jira.

Riqichi Rakkoo hawaasa Dinagdee hawaasa gandichaa fura jedhamee waggootaaf dhamaatif Bajata Mootummaa fi hirmaannaatin ijaarame Kun tajaajilan ala ta'ee Jira.

Nama dhiba amma Bulchaan aanichaa koree hundeessee madda rakkoo kanaa qorachaan jira jedhaa jira. Maal qorataa? Qulqullina waan hin qabneef jige malee bubbee moo bakakkaa maaliitu itti bu'e se'ee? Amma koree hundeessuu dhiisee koree pirojektii fi qaamolee hojii kana mirkaneessanii wal harkaa fuuchaa godhan seeratti haa dhiyeessu. Hojii fokkisaa akkanaa hojjetanii maqaa paartii fi mootummaa balleessuuni fi qarshii sabbata haadga iyyeessaatti qoosuun hin taatu.

By the way isaanumtuu salphina kana taa'anii ilaaluu irraa waan ofiin harka seeratti kennatan natti fakkata.

Dhuma irratti diraamaa Hirkoo yeroo ta'e wayii osoo inni gabaasa riqichaa dhiyeessuu; riqicha sana lolaan fuudhee deeme jedhanii itti bilbilan tokkoon wal narti akkaate dhmmi kun.

G/G
Shimelis Abdisa
Dr. Mengistu Bekele
Tijani Nasir Usman
Leta AShebir
Worku Bogale

Calaa bultummee utuu Sabbakuu Jimmaa keessati Rebamuun balaan Hamaan irraan gahuu dhagaa jirra😌
08/08/2025

Calaa bultummee utuu Sabbakuu Jimmaa keessati Rebamuun balaan Hamaan irraan gahuu dhagaa jirra😌

 ? Via Bilissummaa Shibiruu“Yeroo nama wajjin dudubbattuutti namticha sana olaantummaadhaan yookaan immoo gadaantummaan ...
08/08/2025

?

Via Bilissummaa Shibiruu

“Yeroo nama wajjin dudubbattuutti namticha sana olaantummaadhaan yookaan immoo gadaantummaan osoo hin taane, sadarkaa wal qixxummaan ilaali! Dandeettiidhaan si caala yoo ta’e, obsaan dhaggeeffadhu; si amansiisa waan ta’eefi. Dandeettiidhaan isaa ol yoo taatemmoo itti himi; amansiisuu waan dandeessuufi. Wal qixa yoo taatan immoo walii walii keessan wal dhaggeeffadhaa! Yoo kana raawwattan gidduu keessan wal falmii badaan hin jiraatu.”

(Falaasama Jireenyaa fuula 4 irraa fudhatame.)

“Duuka buutonni isaan doofonni kun homaallee isa gargaaruu hin yaalle. Iyyesuus garuu gowwaa hin turre. Sa’aatiiwwan rakkinaa jaha Fannoo irratti dabarse irraa barumsa fudhachuudhaan, gara Iyyerusaalemitti baqate. Kashmir keessas waggaa 112f jiraate. Iddoo kanatti kan nuti hubannu ‘Du’aa ka’uu’ waanti jedhamu tasumaa akka hin raawwatamnedha. Sababni isaas immoo sadarkaa jalqabaa irratti ‘Iyyesuus fannoo irratti fannifamee du’e.’ jechamni jedhu, waanta dhugaa irraa fagaatedha. Kashmir keessa awwaalcha Musee cinaatti awwaalcha Iyyesuustu argama. Dhugumatti yaa obbolaa kiristaanaa! Bakki awwaalchaa sun amantaa isin du’aa ka’uu irratti qabdan balaa irra buusa.
Bakka awwaalchaa sanarra barreeffamni itti aanee dhufu kun ni dubbifama. Garuummoo awwaalcha sanarra maqaan jiru Iyyesuus kan jedhu osoo hin taane, ‘Joshuwa’ kan jedhudha. Sababni isaas immoo jechi ‘Iyyesuus’ jedhu hiikkaa afaan giriikii ‘Jooshuwaa’ jedhu qabaata. Maqaansaa inni dhugaan Jooshuwaadha. “Jooshuwaan gara biyya kanaa dhufee, waggaa 112 booda boqote. Yaadannoodhaaf akka ta’uuf jecha maqaa asirra qubate jijjiirre’ Jedha. Maqaan mandara bakki awwaalchaa sun keessatti argamuu ‘Falgam’ kan jedhu yemmuu ta’u, hiikkaan isaas immoo tiksee Hoolotaa jechuudha.
Iyyesuus bakkee kana kophaa isaa jiraata ture. Duuka buutota isaa keessaa baay’ee jaalatamaa kan ta’e Toomas isa hordofee ture. Iyyesuus immoo Toomaasiin qarqara Hindii biroo kan ta’e gara kibba Hindiitti ergee ture. Kiristaanummaan Hindii addunyaa kana irraa, Kiristaanummaa isa durii akka ta’e yeroo dhageessan, hin ajaa’ibsiifattanii? Kiristaanummaan warra Vaatikan inni kan durattii ta’uunsaa kaafamu, dhugumatti kan durii miti. Phaaphaasonni sun kan dhufaniyyuu yeroo itti ‘Fannifamuu waanta jedhametu raawwatame’ jedhame irraa kaasee waggoota 300 boodadha.
Reeffi Toomaas haala gaariidhaan eegamee tureera. Addunyaa keenya irraa qaamni haala kanaan eegamee ture yoo jiraate kan Toomaasidha. Qaamnisaa kan eegame keemikaala fayyadamuudhaan gama saayinsiitiin osoo hin taane tooftaa aadaatiinidha. Qaamni Toomas kunis ‘Goa’ keessatti argama. Waggaattii gaaf tokkoo mana amantaa keessa jiruu bahee, daawwattoonni haala ilaaluu danda’aniin naannoo ifaa irra ni taa’a. waggoota kuma lama dabarsus, haalli baduu tokkollee irratti hin argamu. Inumaayyuu waan hirriba hamaa keessa jiru fakkaata. Ani mataan kiyyayyuu bakka sana deemee ilaaleera. Duuka buutota Iyyesuus keessaa waanta fooyyee qabu kanan irratti arge, Toomaas qofadha.”

(Amantii Qorachuu Fuula 71-72 keessaa fudhatame.)

Maarree warri hin dubbisne dafaatii dubbisaa. Maxxansa 2ffaan isaanii qophaa’aa jira.

Bakkeen argama isaanii…


Atobistera mana kitaabaa Elellee
0911641066

Lagaharree GGAO fuuldura Waltaanaa bira
0964419683


Bulchiinsa magaalaa fuuldura Baankii Bunnaa cina mana Kitaabaa Yoomiyyuu
0912841550


Ana bira jira
0929428759


Gamoo Hiwoot fuuldura, Mana Uffata aadaafi diizaayinii Furtuunaa
0911741446


Gamoo Hacaaluu gubbaa mana maxxansaa Kush
0913238525


Ifaa Balaay biraa argattu
0985251828


Mana Maxxansaa fi Raabsaa Kitaabaa Imaltuu tii argattu.

Bakki: Ganda Dhaaddacha Araaraa (04)
Bilbila:
0910386974
0940682562


Atobistera mana kitaabaa Elellee
0911641066

Lagaharree GGAO fuuldura Waltaanaa bira
0964419683


Bulchiinsa magaalaa fuuldura Baankii Bunnaa cina mana Kitaabaa Yoomiyyuu
0912841550


Ana bira jira
0929428759


Gamoo Hiwoot fuuldura, Mana Uffata aadaafi diizaayinii Furtuunaa
0911741446


Gamoo Hacaaluu gubbaa mana maxxansaa Kush
0913238525


Ifaa Balaay biraa argattu
0985251828


Mana Maxxansaa fi Raabsaa Kitaabaa Imaltuu tii argattu.

Bakki: Ganda Dhaaddacha Araaraa (04)
Bilbila:
0910386974
0940682562

Amantii Namatu Tolfata. Arabni Okkotee sibiilaa irraa Amantii Tolfate. Ammoo Of bira darbee nuttis Gurgurate. Ani Raajii...
08/08/2025

Amantii Namatu Tolfata. Arabni Okkotee sibiilaa irraa Amantii Tolfate. Ammoo Of bira darbee nuttis Gurgurate. Ani Raajii Gabriel arge jedhe Ilmi Arabaa tokko battaluma lafaa kahee. Hojii nigdii dhiisee Wanta isin hin argiin nin arge jedhe. Halkan Abjuun Harree yaabadheen samiii 7 lixe jedhe. Ammoo achiin booda Ati Raajii isa Dhumaati Na jedhe Gabreeliin jedhe. Ammoo namni Gabreelis tahe Harrittii inni yaabbatee namni arge tokko illee hin ture.

Ani Raajii isa dhumaati yeroo jedhu Ana malee jechuu isaati. Siif galee, warra numaleeti🙏
Warri numalee Waanan jedhu fudhatumalee dha🙂‍↔️
Waanan jedhu dhugoomsitu malee dhas😌
Waan jedhu jettu malee dha🙂‍↔️
Waanaan amanu amantu malee🙂‍↔️
Waanan uffadhu uffatu malee🙂‍↔️
Waannan nyaadhu nyaattu malee dha
Bahaan baadhu baattu malee dha.
Waannan jalladhu jallattu malee dha.
Waannan dubadhu dubbatu malee
Afaan koon dubbatu malee,
Addaako uffatu malee,
Anaan waaqayyo jettu malee
Sabako waaqeffatu/jallatu malee dha🙂‍↔️

Ati Ergamaa Rabiitti Najettu malee dha🙄
, siniif gala Warra galuuf 🙄

Address

London

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Wallaggaa Media Network - WMN posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share