OROMO CABLE

OROMO CABLE OROMO CABLE Waa,ee keenya

Miidiyaan OROMO CABLE hundeeffamee Uummatasaaf kan hojjettudha

Oromoon Jechaa fi Gocha Gantootaan Afaanfajjawuu Hin Qabu!(Ibsa Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO)Fulbaana 20, 2021Lola PPn uummat...
21/09/2021

Oromoon Jechaa fi Gocha Gantootaan Afaanfajjawuu Hin Qabu!
(Ibsa Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO)
Fulbaana 20, 2021

Lola PPn uummata Oromoo fi WBO irratti gaggeessaa jirtuun kasaaraa guddaa keessa galuun ifa galaa dha. Injifannoo WBOn baadiyyaalee Oromiyaa dhuunfachuu fi magaalota qabachuun mooraa diinaa raasaa jira. Haala kanaan diinni kasaaraa isaa kana ololaan haguuguuf afaan gantootaan dubbataa jiru Oromoon osoo hin alanfatne akka hin liqimsine hubachiisna.

PPn jaarmaya farra-dimokraasii, kan eenyummaa nafxanyummaan guutame ta’uu moyxannoon ganna sadan darban keessatti qajeellootti waan mul’atee jiruuf, yerooo ammaa dhugaa kana namni hin hubanne yoo jiraate fayyaa hin qabu. Gantooti PPn uumamaan farra dimokraasii tahuu osuma beekanii abdii hin guutamneen of-sobanii rakkina siyaasaa naannoo kanaa furuuf yaalan uummata keenya wareegama ulfaataaf saaxile, gantootatti ammoo waaroo salpinaa itti uffise malee bu’aan irraa argame tokkollee hin jiru.

Addi Bilisummaa Oromoo maalummaa PP hojiidhaan lafa irratti waan beekuuf osoo PPn guutuutti hin diigamiin nagaadhaan waliin hojjetanii rakkoo siyaasaa naannichaaf furmaata waaraa fiduu akka hin dandahamne ibsaa ture. ABO-WBOn dhugaa kana tolchee hubachuudhaan, uummata barsiisee ijaaruu fi hidhachiisuudhaan uummatni akka mirga isaa qabsoodhaan kabajsiifatu taasisuu irratti hojjetaa jira. Galata ABO fi Ummata Oromoo kan mirga ofii kabajsiisuuf gootummaa fi cichoominaan qabsaawee, har’aan tana PPn eenyummaan isaa kan farra-ummataa, dimokiraasii, farra-bilisummaa fi nageenyaa tahe hunda biratti saaxilamee uummatoota hundaan jibbamee tufamuu bira taree, qabsoo uummatootni mirga ofii kabajsiifachuuf geggeessaniin akka hin dandamannetti haleelamee afaan boollaa irra gahee jira.

PPn sadarkaa amma irra gahe kan kufaatii isaa kan hin oolle ta’uu hubachuun fi of dandamachiisuuf diraamaa shiraa hojjechuuf yaaluu irraa hanga du’ee awwaalamutti hin dhaabbatu. Diraamaa kanas ergamtoota isaa kanneen tahan miseensota dhaabota kaayyoo isaa ittiin galmaan gahachuuf bifa ofii isaatiin bixxilee fi gantoota sabaa kan garaa isaaniif bulanitti dhimma bahuudhaan seenessuuf tattaafachaa jira.

Gantooti kan mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessa jiran fakkaatanii, ganna 20 dabraan keessatti mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo marsaa sadiif adda qooduun wal waraansisuun seenaa fokkataa hojjetan, har’as marsaa afraffaaf WBO maqaa gosaan wal waraansisuun yakkaa raawwatuuf karoorfatan jabinaa, cichoomina fi Tokkummaan WBOn dura dhaabbateef fashalee jira.

Bobbaan gantootaa WBO karaa nagaa galchina jedhanii diinaaf waadaa galan, waggaa sadan darbaniif mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo diiguuf dhama’an, ammas rakkoo fayyaa jaal Goollicha Dheengee mudate itti dhimma bahuun miidiyaa irratti ololuuf qophii kan xumuran ta’uu hubatamee jira. Jaal Goollichi Dheengee qabsaawaa gaafa gantooti dirree irraa qawwee Oromoo fudhatanii galan didee fi dirree hidhannoo keessatti hafe ture. Booda irra sababa dhukkubaaf kan hojii irra hin turre ta’uu fi dhihoo kanas shira gantootaan dogoggorfamee media irratti bahee akka WBOn miidhaa irraan gahe dubbachuun isaa ni yaadatama.

Dhibee fayyaa Jaal Goollicha mudatetti dhimma bahanii, moonaa impayera Itiyophiyaa gammachiisuuf, seenaa isaa ammoo gurraachessuun, cubbuu mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi jaal Goollicha irratti raawwataa turan hedduu dha. Rakkoo gantooti kun uuman obsaan furuuf tattaafatamus itti milkaahuu hanqachuun nama gaddisiisa. Kanaafis tattaaffii jaarsolii biyyaa, qondaaloota WBO, qaamota itti dhiheenyaan hordoftanii dhugaa jiru hubattanii fi qaaman dirree keessatti argamuun furmaata itti tolchuuf ifaajjitan marti galata guddaa qabdu jenna.

Gidduu kana ammoo PPn namoota WBO diiguuf dirqama fudhatan kanneen akka Abbabaa Garasuu, Hayiluu Gonfaa fi Bilisummaa Biraanuu gara Keniyatti erguun Waraana Bilisummaa Oromoo fi ‘ABO’ waliin araarsina jedhanii oloola oofaa jiru. Murnii kun gantoota kana duras dirqama diinaa fudhatanii Waraana Bilisummaa Oromoo diiguuf dhama’aa turan, ammas rakkoo jaal Goollichi qabu itti dhimma bahanii gara Itoophiyaatti galchuun, sana irraa olola tolfachuuf deeman Oromoon akka dammaqinaan fashalsu dhaammanna.

Namoota akka Abduuba Wariyoo, kan bara jijjiiramaa WBO diiguun Itophiyaatti harka kennachiise fi Galgaloo Dhirrii bara jijjiiramaa jedhamuu galee; Jaarsoo Aannaa, godina Boorana keessatti qondaala PP ta’uun uummata biraatti seenaa badaa qabuu, kan dargaaggoota Oromoo Hiddii fi Moyyaaleetti fixaa turee; Dabbasoo Quxuu kan ganna 20 oliif Imbaasii Itophiyaa waliin wal-tahuun qabsa'oota Oromoo diinatti gurguruun seenaa fokkataa qabaachaa ture fi Hajii Godaana Kuluu, Jaatii Taadhii, Abbaa Gadaa duraanii Guyyoo Gobbaa fi kkf dabalataani torban darbe keessa gara Naayiroobbitti bobbahuun jaal Goollicha Dheengeef kan quuqaman fakkaachuun maqaa gosatiin mooraa gantootaatti dabaluuf yaalaa turan. Akeekni isaanii akkuma kana dura yaalaa turaan WBOn cabe jira, jaal Goollichi waraana fudhatee karaa nagaa qabsaahuuf gale jedhanii ololaa gaggeessuun, kasaaraa waraanaa fi siyaasaa isaan mudate ofuma sobanii of jajjabeessuuf ta’uu hubatamuu qaba.

Gama biraan ABO-WBOn of dandahee hoggansa dirree irraa kennuu eegaluun, akka heerri cabeetti hogganoota ABO dirree jiran irratti ololuun, miseensota ABO biyya ambaa keessa jiranii fi WBO gargar fageessuuf olola rakashaa oofaa jiran qaama shira Goollicha irratti dalagamaa jiruu kan gaggeessan waliin hidhata qaban waan ta’aniif, miseensoti ABO biyya ambaa keessa jirtan akka irraa of eegdanii fi olola hogganoota ofiin jedhan afarsan akka hin dogoggorre dhammanna. Hogganni ABO hogganuu barbaadu, qabsoo Oromoon dachee Oromiyaa irratti gaggeessu keessatti argamuun hoggana kennuun dandahama. Qabsoo Bilisummaa Oromoo jabeessuuf Oromiyaa keessatti argamuun qooda ol’aanaa waan qabuuf, namni ABO hogganuuf fedha qabu akka gara dirree qabsootti bobbahee hogganus waamicha dhiheessina. Dabalataan mootummaa fashistii Abiyyitti harka kennachuuf WBO irratti ololuun ulaagaa kamiinuu kan fudhatama hin qabne ta’uu jaalattooti qabsoo bilisummaa Oromoo maraaf ifa goona.

Qabsoon Bilisummaa Oromoo kufaatiif bu'aa ba'ii hedduu keessaa darbitee as geesse, namoota hedduu of keessaa harcasaa arma jirti. ABO-WBOn akka Qabsoon bilisummaa Oromoo hin diigamneef, yeroo hogganni bara 2017 keessa filame biyyatti galee; kaan hidhamee fi kaan facaa’ee biyya alaatti baqate jiru keessatti, qabsoo kaayyoo ABO qabachuun hoggana kennuuf seenaa qabsootu nu dirqe. Jaallan dirree irraa gootummaan qabsoo bilisummaa Oromoo hoggananii sadarkaa kanaan gahuun kan qabsaawota dirree keessaa sosso’an kan galateeffachiisu malee kan irratti olola bansiisu hin turre. Rakkoo dhuunfaa Jaal Goollichi qabuu itti dhimma bahuun qabsoo sabaa gufachiisuuf itti dhimma bahuun kan naamusa namummaa hin hordofne dha.

Namooti hagoon hogganoota ABO-WBO irratti olola oofaa jiran fi kan akka badhaasaatti PP irraa aangoo kajeela jiran ofii isaaniitiin of saaxilaa jiran kan of dura ibsinu ta’a. Haala kanaan waggaa sadan darban gantooti WBOtti bobbaafamuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo diiguuf dhama’aa turan irra aanuun, dammaqinsaa fi qaroomina ajajoota ABO-WBOn fashalee jira. Kunsi kora guddaa ABO-WBO irratti hoggana waaltawaa filachuun mirkanaawe. Hogganni haarawaan filames labsii duula Gootota Oromoon moggaafame Hagayya 8, 2021 labsameen milkii fi injifannoo jajjaboo galmeessuun mooraa diinaa fi farreeni yeroo yaaddessu, mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ammoo onnachiisee fi danboobsee jira.

Nuti WBOn dhaloota hari'aa, seenaa fi rakkoo wal-xaxaa ABOn keessa dabarsee irraa barannee, jabna abbootii keenya qabsaa'oota haqaa maxxafannee, laafina isaanii irraa barachuun jabinatti jijjiiruun, jabina isaanii irraa dhaallee, tokkummaa keenyaa cimsannee, akeeka fi kaayyoo ABO isa ganamaa galmaan ga'uuf murannoo fi kutannoo hojjechaa jiraachuu keenya akka uummanni keenyi, miseensonnii fi jaalattoonni Qabsoo Bilisummaa Oromoo nuuf hubatan barbaadna. Akkasumaas akeekaaf kaayyoo qulqulluu jala hiriirun qooda nurraa eegamuu bahachuu qabna malee, ajandaa diinni fi ergamtoonni diinaa uumata keenyaaf kennan akka hin keessummeessine dhaammanna.

Dhuma irratti, Miidiyaaleen PP olola shiraan guutame WBO irratti lallabamuu jalqabe kanaaf osoo gurra hin kennine qabsoo ABO-WBOn itti jiru jabeessitan ilmaan Oromoo maraaf waamicha goona. PP waliin rakkoo siyaasaa Oromoo furuu ykn akka jaarmayaa bilisa ta’anii sosso’uun hin dandahamne Oromoon marti hubachuu qaba. Kanaaf, uummatni keenya galii qabsoo isaa kan tahe Mirga Hiree Murteeffannaa isaa harkatti galfatuuf ciminaa fi tokkummaadhaan akka socho’u gadi jabeessinee dhaamna. Uummati keenyi ololaa fi afaanfajjii gantooti Qabsoo Bilisummaa Oromoo qawwee WBO hatanii diinatti galanii fi maqaa qabsoo karaa nagaa qabsoofna jedhanii uummata keenya dogoggorsu bira darbanii WBO irratti ololan cinaatti dhiisee, galii qabsoo isaa kan tahe Mirga Abbaa Biyyummaa isaa harkatti galfatuuf duula ABO-WBOn maqaa Goototaa Oromoon moggaase cinaa dhaabbachuun Oromiyaa dhuunfatanii bulchiinsa uummataa diriirfamaa jiru bakkaan gahuuf qooda keessan ciminaa fi tokkummaadhaan bahattan Ajajaan Ol’aanaan ABO-WBO gad-jabeessee dhaama.

Injifannoo Uummata Oromoof!
Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO
Fulbaana 20, 2021

Guyyaa 12/09/2021Baga gammaddan baga gammanne Irreef gaachana uummata Oromoo kan ta'e Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii ...
13/09/2021

Guyyaa 12/09/2021
Baga gammaddan baga gammanne

Irreef gaachana uummata Oromoo kan ta'e Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii lixaa godina matakkal gaafa guyyaa 09/09/2021 bakka uummanni Oromoo argamutti yoo eebbisiisu gammachuu guddaatu itti dhaga'ama.
Sirna Eebbaa kanarratti hoggantoonni godinichaa Argamuun Uummata Oromoofi Eebbifamtoota Waraana Bilisummaa Oromoof yeroon kun garbummaa hundeen buqqisnee xumura itti goonu waan ta'eef Imaanaa Uummata bal'aa godhattanii itti Irbuu seentan kanatti rakkoo kamillee Obsaan dandeessanii galmaan gahuu qabdu jedhaniiru.
Akkasumas uummanni Oromoo kamuu furtuun keessan qofa akka ta'e hubattanii waraana keessan jabeeffachuu qabdu ergaa jedhus dhaamaniiru.

Tsegaye R Ararssa Waa’ee Qawwee Maal Jedhaa Jira? Kunoo dubbifadhaa. Balaan Oromoo mudate, balaan bara baraaf qa'ee ofii...
30/08/2020

Tsegaye R Ararssa Waa’ee Qawwee Maal Jedhaa Jira? Kunoo dubbifadhaa.

Balaan Oromoo mudate, balaan bara baraaf qa'ee ofiirratti ajjeefamuu kun, yoo kan hin dhaabbatu ta'e wanti Oromoon akka sabaatitti godhuu qabu hidhachuu dha.

Kan nama oolchu waaqa, dhugaa dha. Garuu motummaa fi kashlabbee qawwee baattee, ganda keessee deemaa, lafa isaa irratti Oromoo ajjeesaa hiraarsitu ofirraa ittisuun kan danda'amu hidhachuudhaani.

Ammaa achi hidhachuun sagantaa bara baraa ta'uu qaba. Oromoon bakka jiru irraa uummatasaa hidhachiisuuf tattaafachuu qaba. Dhaloota kanaaf qofa utuu hin taanee, dhaloota dhufuuf, jechuu dha.

Siyaasni gaanfa Afrikaa siyaasa humnaa (politics of violence) waan ta'ef, tarsiimoon nageenyaa Oromiyaa hidhanoo jabeeffachuu irrattis xiyyeeffachuu qaba.

Diplomaasiin Oromoos yeroo hundumaa karaa teknoolojii meeshaa waraanaa ittin argannuun ykn ijaarrannuun irratti xiyyeeffachuu qaba.

Gargaarsa gaafa barbaannus gargaarsi dhufu tooftaa nageenya Oromootaa cimsu irratti hundaa'uu qaba.

Xiyyeeffannoon qorannoo beektoota (scientistoota) Oromoos gama kanaan jabaachuu qaba.

Kadhaa fi booyichaan ajjechaa diinaa ofirraa deebisuun hin danda'amu.

Qophii bara baraatu barbaachise

Godina Harargee Bahaa Magaalaa Awwaday keessatti, guyyaa har'aa hiriirri mornii guddichi, Dubartoota aanichaatiin geggee...
30/08/2020

Godina Harargee Bahaa Magaalaa Awwaday keessatti, guyyaa har'aa hiriirri mornii guddichi, Dubartoota aanichaatiin geggeeffamaa jira.

Hiriira kanarratti dhaadannooleen, sarbama Mirga namoomaa kan balaaleeffatan yoo ta'u, addatti ammoo Hidhamtoota siyaasaa Oromoof sagalee isaanii dhageesiisaniiru.

Yeroo ammaa kana, qamni nageenya Mootummaa, Humni addaa Oromiyaa fi Raayyaan Ittisa Biyyaa Dubartoota hiriira ba'an kanarratti dhukaasuudhaan hiriirich bittinneessee jira. Haa ta'u malee, hiriirri Dubartootaan ba'ame kun, dhukaasa qaama nageenyaan boodatti ammallee hin tasgabboofne.

28/08/2020

Free all Oromo Prisoners!

28/08/2020

Manna Murtii Sadarkaa Duraa Federaalaa Dhaddacha Lidataa Dhaddacha Har'a Ooleen Iyyaannoowwan Beellama Darbeerratti Ajaja Kennee Jira

---
1. Ajajoonni mirga namoomaa waliin walqabatan yeroo tokko kennamnaan itti fufiinsaan hojiirra oolu qabu. Kanaaf himatamaa 1ffaan, Jawaar Siraaj Mohaammad, maatii isaa Ameerikaa jiran waliin yeroo tokko qofa walqunnamsisuun sirrii hin turre. Armaan booda yoo xinnaate torbanitti yeroo lama maatiisaa gama WhatsApp'n akka dubbisuu danda'u ajajameera.

2. Himatamaa 1ffaa, Jawaar Siraaj Mohaammad, dabalatee meeshaaleen barreeffamaa fi kitaabonni isaan barbaachisan akka galaniif Poolisiin Federaalaatiis akka raawwachiisu ajajameera.

3. Himatamtootni Abukaatotaa isaanii waliin yeroo gahaan ramadameefii akka wal argan Poolisiin Federaalaas akka raawwachiisu ajajameera.

5. Himatamtootni 1ffaa fi 2ffaan hoogganoota siyaasaa waan tahaniif wahiloota hojii paartii (hoogganoota KFO) fi hiriyoota isaaniitiin walarguu akka danda'an kan gaafatan tahus sababa labsii yeroo muddama Koronaatiin kuni dhorkameera jechuun gaaffii kana manni murtii kufaa godheera.

6. Himatamtootni Qorannoon Koronaa hin taasifaminiif akka taasifamuu qabu Dhaabbatni Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa fi Poolisiin Federaalaa akka raawwachiisan ajajameera.

7. Himatamaa 11ffaan (Shamsaddiin Xahaa) miidhaa sababa reebichaatiin irra gaheef bakka barbaadutti yaalumsi akka taasifamuuf poolisiinis akka raawwachiisu ajajameera.

8. Itti gaafatamaan Kutaa Bulchiinsa Poolisii Finfinnee sababa himatamtoota 4ffaa - 9ffaa jiran dhiyeessuu dadhabeef akka ibsu ajajamus dhiyaatee hin ibsine. Kanaafuu, Poolisiin Federaalaa itti gaafatamaa kana sa'aa 24'f hidhee beellamatti akka dhiyeessu ajajameera.

9. Poolisiin Federaalaa shakkamtoota hunda beellamatti akka dhiyeessu ajajamee ragaa qorannoo duraa dhagahuuf 26/12/2012 Sa'aa 3:30'tti beellamamee jira.
---
Finfinnee, Oromiyaa

 ☆☆☆☆☆Godina Hararge Baha Aanaa Qarsa keessatti argamti Magaalan kun qabsoo uummatta oroomo baroota darbanii fi qabsoo u...
27/08/2020


☆☆☆☆☆

Godina Hararge Baha Aanaa Qarsa keessatti argamti
Magaalan kun qabsoo uummatta oroomo baroota darbanii fi qabsoo ummatta oromoo mara hirmaachise keessaatti addaa durummaan qabsa'uun oromoo fi oromiyaaf gachaana ta'aa turte

magaalan watar iddoo seenaa qabessaa keessaatti biqile fi qabsoon keessaattii biqilte
Akkasumaa iddoo awwalcha gadaati
Iddoo jarraa abba gadaa itti hundefaama jirudhaa
Magallii kun qabsoo oromooti fi hangafa qabsooti

Kana hundaa osoo taate jirtuu Rakkoo hawasumaa bay'een dararama jirti
Magaalan tun Handhuraa daldalaati kuduraa fi mudradhaan bekkamtudhaa
Qabeenyyi isin omiishtu asi wacaale fi hunda qallabaa
Fageenyi magaalan tun Asfalti guddoo harar- finfinnee irraa iddoo ejersaa rufaa Ja'amturraa Km sagal 9 qofa fagattii
Wan kana ta'eef gafiin uummata yeroo dheraa kan tahe gafii Dandii rufaa magaala watar akka hojjatamuf hawasni tumsaa gafaacha jiraa

Hawaasni rakkoo bay'een dararama jiraa isanis fi dhabdummaa

Misooma magaala watar kan jalattu fi godha
Abdisa biraan naf ga'aa

Barreeffama kana Dr. Awwal Qaasim Alloo barreessuudhaan toora marsariitii Aljeziraarratti maxxansanii turan. Dr. Awwal b...
27/08/2020

Barreeffama kana Dr. Awwal Qaasim Alloo barreessuudhaan toora marsariitii Aljeziraarratti maxxansanii turan. Dr. Awwal barsiisaa Yuunvarsiitii Keelee biyya Ingilaand keessatti argamtuu yeroo ta’an, dhimmoota siyaasa Itiyoopiyaafi gaanfa Afirikaarratti barreeffamoota garaagaraa barreessuudhaan beekamu. Dabalataanis badhaasa noobelaa badhaafamuu Dr.Abiyyi Ahimadiif hayyoota yaalii milkaa’inaa hedduu taasisuudhaan waraqaa heertuu barreessaa turan keessaa Dr.Awwal isaan tokko. Barreeffamni kunis kan afaan Ingiliiziitiin barreeffame yeroo ta’u, dhimma walitti baquu ADWUI fi uumamuu Bilxiginnaa, ilaalchisee yaaddoofi carraa jiru kan ibsudha. Qaasim Amaanootu gara Afaan Oromootti hiike.

Paartii Badhaadhinaa fi Dr. Abiyyi maalif Uummata Itiyoophiyaaf Oduu Rifachiisa ta’an?

Paartiin haarofti Itiyoophiyaa guddittii durii ADWUI balleessuun uumame, biyyattii rakkoo keessaa ba’uu hin dandeenyetti geessaa jira. Ji’a darbe keessa paartilee ADWUI afur /4/ kan saba bakka bu’anii turan keessaa sadeen isaanii diigamuudhaan gara paartii guddaa walii galaa tokko kan paartii badhaadhummaa jedhamu hundeessuuf waliif galanii turan. Haalli kun yeroo filannoon dhufaa jiru, ce’umsa biyyattiin gara diimokiraasiitti gootu ni milkaa’aafi hin milkaa’usaa yeroo eegamaa jirutti kan ta’eedha.
Bu’urri ADWUI warraaksa Maarkist Leenist yommuu ta’u, erga bara 1991 angoo qabatee jalqabee, garee siyaasa tokkoon biyya bulchaa ture. Paartilee afur kan angoon isaanii wal qixa hin taaneefi saboota gurguddoo bakka bu’an irraa ADWUI’n kan ijaaramedhas. Kunniinis TPLF, OPDO, ANDMfi SEPDM walitti dhufuudhaan mootummaa kanneen ta’anidha. Paartilee kana keessaa warri sadeen uummata ittiin gowwomsuuf jecha kan tolfamanidha. Kunis akka waan paartii ADWUI jalatti fedhiin saboota hundaatuu eegame fakkeessuuf jecha itti yaadamee kan ijaarame ture.

Ka’umsa ADWUI fedhii saboota cunqurfamoo eegsisuuf waan dhaabbate of fakkeessus, saboota biroo burjaajessee olaantummaa TPLFtiin bara meetii tokkoof yookaan ammoo waggoota soddomatti dhihaataniif ummata ukkaamsee bulchaa ture. Dr. Abiyyi Ahimad erga bitootessa 20/18 gara angootti dhufee kaasee, maqaa xuraa’aa paartichaafi hojiisaa fooyyessuuf yaale ture. Haaromsa Abiyyi gubbaarraa jijjiiruuf yaale kun, paartii waggoota hedduuf miidhaa geessisaa ture kana uummata biratti akka fudhatama argachuu gochuu hin dandeenye. Rakkoon kun ulfaataa akka ta’e hubachuudhaan Abiyyi tarkaanfii ajaa’ibaa irri keessisaa bareedaa fakkaatu tokko fudhate. Innis paartilee arfan diiguudhaan paartii tokko kan Itiyoopiyaa qofa bakka bu’u ijaare. Paartileen sadeen miira sodaan wal makeen kan murteessan yeroo ta’u, TPLF ammoo kun gocha seeraan alaati jechuun mormee makamuu dide.
Paartileen sadeeniifi kanneen biroo kan akka ESPDP paartii sabummaa bakka bu’e diiguun miseensa paartii badhaadhummaa ta’uuf murteessan. Paartiin badhaadhummaa miseensa sabummaa bakka bu’u waan hin qabneef, Paartii tokkocha kan ummata itoophiyaa hunda bakka bu`utu hundaa`e jechuudha.
Paartii ADWUI diiganii paartii Badhaadhummaa ni ijaarra yoo jedhamu Itoophiyaa rakkoo bittinnaa`uu keessa galte waan tokkoomsu fakkaata. Xiinxalamee yommuu ilaalamu garuu, heera kan giddu-gala hin godhanne; faalasama amansiisaa hin taane kan hordofee fi qooda fudhannaan bakka bu`oota siyaasa biyyattiitiif qabu gaaffii guddaa keessa kan gale ta`uu isaati. Sirni federeeshinii sab-daneessaa bara 1994 akka hundaa`u kan ta`eef, waan ADWUI`n barbaadeef osoo hin taane, sababa saboonni garagaraa dhiibbaa siyaasaatiin miidhaan irra gaheef, dararaa fi cunqursaan sabummaa keessattuu bara 1960`moota keessa waan itti cimeef ture. Akeekni qabsoon ittiin deemamaa tures eenyummaa fi sabboonummaa bu`uura kan godhate ta`uu isaatirraa kan ka`eedha. Hundeeffamni paartii Baadhaadhummaa kunis yeroo gaaffiin sabummaa cimee deemaa jirutti; saboonni ofiin of bulchuuf qabsoo gaggeessanii fi gaaffiin haqummaa furmaata dhabe keessatti ta`uun isaa rakkoolee hedduuf bu`uura ta`a.

Miira addaa uumuudhaan mormii biroofis karaa bane
Paartileen tokko tokko yoo badanis haala siyaasa isaanii irratti dhiibbaa guddaa geessisuu dhabuu mala. Garuu paartiin ADWUI kun kan salphatti ilaalamuu miti. Dhuma bara 1980`mootaa irraa kaasee karoorri TPLF naannoo Tigraay bulchuu qofa osoo hin taane, biyyattii guutumatti dhuunfachuudhaan paartilee of danda`anii socho`an hunda dhabamsiisuudhaaf kan karoorfameedha.
Waggoota soddomaan dura Paartiin kun aangorra turuuf jecha gareedhaan ummata qoqqoodee walitti bu`iinsa uumaa ture. Gochi siyaasa dabaa kun immoo paartileen biroo walii galanii humna cimaa horachuun akka hin ijaaramne taasisee jira. Yommuu kana raawwatan ofii isaaniitii qofa akka paartitti itti fufuudhaan rakkoolee waggoota hedduuf turanis isaanumti qofti furuu akka danda`anitti of ilaalaa turan. Kanaafuu murteen Abiyyii kun ummata Itoophiyaa fi garee olaantummaa qabaataa ture gidduutii yaada garagaraa uumee jira.

Paartiin guuddichi `Itoophiyummaa` erga ADWUI`n daaraa ta`ee booda tolfame kun tokkummaa durii nuuf deebisuudhaaf seenaa haaromsuu keessatti tarkaanfii isa jalqabaati jedhanii amanu deeggartootni yaadichaa. Paartileen siyaasaa paartii haaraa kana deeggaranis, Warra Itoophiyaa guddittii durii leellisanii fi sirni federeeshiinii sabummaa Ittoophiyaarratti rakkoo guddaa uumeera jedhanii kanneen yaadaniidha. Deeggarsi isaanii kun immoo sababa quubsaa irratti kan hundaa`e osoo hin taane, ``tokkummaa`` kan jedhu duwwaadha. Osoo gaaffiin sabummaa kallattii hundaan ka`u, tokkummaan humnaan jaarraa tokkoo oliif yaalamaa ture, deebi`ee yoo karoorfamu rakkoo akkamii akka hordofsiisus tilmaamuu dhabuun jaraa ni mul’ata.
Gareen Federeeshiinii ykn Konfidereeshiinitti amanan immoo, paartiin haaraan kun sirna mootummaa` tokkummaawaa/Centralized` duriitti nu deebisa jechuun balaaleffatu. Sabboontonni eenyummaa ofii barbaadanis, paartiin saba bakka bu`ee mootummaa giddu-galeessaa keessattis hirmaatuu qaba jedhu. Dhugaan lafa jiru yommuu ilaalamu, ummanni magaalaa Finfinneetiin ala jiru kamiiyyuu, afaan, aadaa fi eenyummaan isaa kabajameefii, siyaasaa fi diinagdee ofii dhiibbaa tokko malee gaggeeffachuu barbaada. Mirgi ofiin of bulchuus isaaniif kabajamee, qaama Itoophiyaas ta`anii sirna federaaliziimiitiin buluu barbaadu. Paartiin Badhaadhummaa kun caasaa waggoota soddoma dura diriire diiguun kabajaa fi mirga ofiin of bulchuu nurraa mulqa jedhanii sodaatu.

Yeroon walitti baquu paartilee ammaa miti jedhanii kan mormanis ni jiru. Gaaffiin sabboonummaa finiinee osoo jiruu; mirgi fayyadamummaa sabootaa qixatti osoo hin kabajamin walitti baquun kufaatii guddaadhaaf biyyattii saaxila jedhanii kanneen morman ni jiru.

'Balaa Ceehumsarratti Fiduu Malu'

Itoophiyaan gara dimokiraasummaatti ceehuudhaaf carraa guddaa ta`uu kan danda`u, filannoon fuuldura gaggeeffamu haqa-qabeessaa fi hirmaachisaa yoo ta`e duwwaadha. Osoo gaaffiin sabummaa cimee deemaa jiru, paartiin Badhaadhummaa kun Itoophiyaa guddittii jedhee filannoof yoo dhiyaate, mooyachuun hafee rakkoon guddaan isa muudachuu danda`a. Waggoota soddomman dabran keessatti sabboonummaan giddu-gala siyaasa biyyattii ta`uu bira dabree, haala ijaarsa biyyaa keessatti tooftaa baayyee filatamaa ta`ee fudhatamee jira.
Siyaasaa keessatti kaayyoo Itoophiyummaa qabatanii socho`uun kufaatii akkamii hordofsiisaa akka ture seenaa irraa barachuun ni danda`ama. Ammas yeroo sabboonummaan bakka hundatti bu`uura sochii siyaas-diinagdee kamiiyyuu ta`etti, paartiin akka Badhaadhummaa kan sarara sabummaatiin ala bahe kun maaltu isa muudachuu akka malu tilmaamuu barbaachisa. Paartii sabummaa bakka bu`ee, waan hunda faaydaa sabichaatiif hojjedha jedhee kaayyeffate waliin dorgomee injifachuun ni ulfaata. Hanga fedhe karoora guutuu biyyaa qabaatus, paartiin maqaa Itoophiyummaa guddittiitiin socho`u kun siyaasa Itoophiyaa har`aa keessatti madaallii tokkos hin kaasu. Filannoo dimokiraatawaa fi haqa-qabeessa ta`e irratti Sabni kamiiyyuu paartii maqaa isaatiin of waamu filata. Filannoo dhufu irrattis paartiin Badhaadhummaa carraa injifachuu xiqqaa waan qabaatuuf, ceehumsi gufachuu danda`a.

Yoo paartiin Badhaadhummaa kun injifatamee paartii mormitootaaf aangoo dabarsee kennes, sababa paartiin guddaan /qindaa`aan hin jirreef biyyi rakkoo keessa galuu malti. Yoo mootummaan filannoo hatee mooyate ykn erga injifatamees aangoo gadi lakkisuu dides, biyyi gara mootummaa abbaa irreetti deebi`uus ni dandeessi.

'Balaa Federaalizimii sab-daneessummaarratti Geessisuu malu'

Ministeerri Muummee irra deddeebi`anii faaydaa paartii haaraa ibsaa turaniiru. Federeeshiinii biyyaaafis ni fayyada; sirna mootummaa giddu-galeessaa uumuuf miti jedhanii ummata amansiisuuf yaalanis paartiin Badhaadhummaa kun dallansuu guddaa uumee jira. Warri bakka bu`ummaa dhugaa, wal-qixxummaa aadaa fi afaanii sirna federaalaa keessatti argachuu barbaadan akka qeeqanitti, paartiin Badhaadhummaa kun olaantummaa isaatiin siyaasa biyyattii dhuunfatee rakkoo duraan ture deebisuu barbaada jedhu. Caasaan paartii kanaa bakka bu`ummaa sabaa diiguu irraa ka`a. Namni paartii kana keessatti garee ofii bakka bu`ee mirga gareetiif falmatu waan dhabamuuf, imaammata faaydaa garee eegsisu baasuu keessattis dhiibbaa ni uuma.
Caasaan Badhaadhummaa kun garee sirna federaalaa mormaniif carraa uumee, federeeshiinii biyyattii diiguu danda`a jedhamee sodaatama. ADWUI haaromsuunis hin milkoofne. paartileen walitti baqanii paartii Badhaadhummaa uumanis, Caasaa isaanii rakkoon guddaan waan muudataa jiruuf ceehumsa gara dimokiraasitti godhamus gufachiisuu danda`a. Paartichi kuufaatii ADWUI irraa baratee, furmaata biroo barbaaduudhaan rakkoo guddaa keessaa bahuu hin dandeenye irraa biyyattii baraaruuf hojjechuu qaban jedha.

(Yaadonni mora kanarratti ibsaman keessattuu akeekni barreesichaafi sodaan inni kaa'e, har'a raawwatamaa jiru)

Gullallee post
Yaada dursaa; odeeffannoo madaalawa!

Address

Hargeisa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when OROMO CABLE posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share