KOM

KOM Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from KOM, Media, Horn Of Africa, Kampala.

Daqiiqaa 1 Kessatti Wantoota Kanneen Godhuu Dandeessa•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••🙏❣️Daqii...
14/09/2025

Daqiiqaa 1 Kessatti Wantoota Kanneen Godhuu Dandeessa
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••🙏❣️

Daqiiqaa 1 keessatti maal gochuu akka dandeenyu beektuu?

1. Daqiiqaa 1 keessatti suuraa Faatihaa yeroo 5 qara'uu ni dandeenya. Kanaanis mindaa 7000 argachuu dandeenya jechuu dha.

2. Daqiiqaa 1 keessatti suuraa Iklaasii (QUL HUWA ALLAH ) yeroo 15 dubbisuu ni dandeenya. Kunis Qur'aana Juuzaa 30 harka 5 akka kattamutti nuuf qabama.

3. Daqiiqaa 1 keessatti Nabiyyii jaalatamaa keenya (s.a.w) irratti yeroo 20 salawaata buusuu ni dandeenya. Kanaanis Rabbiin nurratti salawaata 200 buusa jechuu dha.

4. Daqiiqaa 1 keessatti yeroo 25 "Subhanallah, walhamdulillah walaa ilaaha illallah wallahu Akbar" jechuu ni dandeenya. Jechotni kunneen immoo jechoota Rabbiin biratti irra jaalatamoo ta'anii dha.

5. Daqiiqaa 1 keessatti yeroo 50 "Subhaanallah wabihamdihii, subhaanallah Al-aziim" jechuu dandeenya. Jechootni lameen kunneen jechoota arrabarratti jechuudhaaf salphoo tahanii dha kan garuu madaala Rabbii irratti ulfaatoo fii Rabbiin biratti jaalatamoo tahanii dha.

6. Daqiiqaa 1 keessatti yeroo 100 "Astegfurullah" jechuu dandeenya. Istigfaara gochuun immoo jaalalaa fii araarama Rabbii argachuuf akkasumas Jannata aseenuuf sababa nuuf tahuu danda'a.

7. Daqiiqaa 1 keessatti harka keenya gara gubbatti olqabnee "Yaa Allah!" jechuudhaan waan meeqaa-meeqa Rabbii keenya kadhachuu dandeenya yaa obboleeyyan Islaamaa.

Obboleewwan Muslimaa, haa hubannuu! Umriin keenya jechuun bu'aa ida'ama sekondiiwwaniitii fii daqiiqaawwanii tahuu isaa yoomuu irraanfachuu hin qabnu. Kanaaf yeroo keenya qaalii tahe kana seeraan itti haa fayyadamnuu!

Rabbiin guyyaa tokko keessatti sekondiiwwan 86,400 nuuf kennee jira. Mee qananii laakkawamee hin dhumne kan Rabbiin nurratti ooleef sekondii tokko fudhannee "ALHAMDULILLAH" jechuun Rabbii keenyaaf galata haa galchinuu!

ALHAMDULILLAAH!!

Barreeffama kana erga dubbistanii xumurtan boodaan waliif Share godhaa

T.me/barruuf .......✍️

!!

T.me/barruuf

12/09/2025
  AJAA'IBAA (Tajudin Abdo) ``````share```````Guyyaa Rasuulli Aalamaa du'an Mu'azzinni isaanii beekkamaan Bilaal Ibnu Rab...
12/09/2025

AJAA'IBAA (Tajudin Abdo)
``````share```````
Guyyaa Rasuulli Aalamaa du'an Mu'azzinni isaanii beekkamaan Bilaal Ibnu Rabaah salaanni Yoo gayu azaanuu eegale. Garuu bakka maqaa isaanii yeroo ga'u itti fufuu dadhabee addaan kute. "Guyyaa arraa booda jireenyi Madiinaa naaf ga'a" jechuun Shaamitti godaane. Kana booda osoo gara Madiinaa hin deebi'in waggaa hedduu ture.

Halkan tokko Rasuulli S.A.W Manaamaan itti dhufanii "Yaa Bilaal! Maaliif akkanatti nu dagatta?!" Isaan jedhe. Bilaalis Rifatee Yoo hirriibaa Ka'u, halkan walakkaa dha. Ka'ee meeshaa isaa walitti qabatee Yeroo subhiin gahu salaata Subhii salaatee, gara Madiinaa deeme. Madiinaa seenee Qabrii jaalallee isaa osoo ziyaaraa jiruu Hassan fi Husseeyn isa arganii fudhatanii mana isaaniitti galfatan. Isaan Bira bulee Salaanni Subhii Yoo ga'u waggaa meeqa booda sagalee isaa bareedduu sanaan azaana gad lakkise. Ummanni Madiinaa sagalee isaatiin jaalallee isaanii yaadatanii boo'uu eegalan.

Kana booda Madiinaa irraa bahee, Shaamitti deebi'e. Osoo hin turin dhukkubaan qabame. Osoo hin du'in duratti jaartiin isaa "yaa rakkoo kiyya" jettee boo'uu eegalte. Hoggaa kana Innis وا فرحاه غدا القى الأحبة محمدا واصحابه ykn "yaa gammachuu kiyya Boru jaalallee kiyya Muhammad fi Sahaaboota isaa qunnamuufin deema" jedhee deebiseef. Maasha Allah!

Anaa fi Nama barruu tana dubbise hunda Nama guyyaa du'u "Yaa gammachuu kiyya Muhammad fi Sahaaboota Bira dhaquufin deema" jedhee gammachuun Ruuhiin isaa baatu Rabbi nuhaa godhuu! T.me/barruuf

Guyyaa tokko Aa'ishaan akkana jachuun Rassuula Rabbii (SAW) gaafatte! Yaa ergamaa rabbii! Guyyaa qiyaamaa dachiin yaroo ...
12/09/2025

Guyyaa tokko Aa'ishaan akkana jachuun Rassuula Rabbii (SAW) gaafatte!
Yaa ergamaa rabbii! Guyyaa qiyaamaa dachiin yaroo baqeeyxee, harcaate Eysa geeyfamti ? Jannaan rasuul (SAW) akkana ja'een.
Guyyaa qiyaamaa dachiin yaroo baqeeyxee, harcaate SIRAAX gubbaadha geeyfamti.
Guyyaa qiyaamaa Iddoo sadi qofaatu jira.
1. Jannata.
2. Jahannam fi
3. Siraax..
Namni hundi jannata seenuuf dildila/riqicha SIRAAX gubbaadabaruun dirqama. Siraax gubbaa yaroo dabru Yoo diliin isaa guddoo taate, Deemuu dadhabeeti hudduun shorroqa.
Gariin osoo shorroquuti jahannam keysatti kufa. Gariin immoo eega qaamni isaa cicciramee booda jannata seena.
Namni dilii hin qabne (kan diliin isaa waa xiqqoo) Akka hangaasuutti, hanga libsuu ijaatti SIRAAX dabree jannata seena.
Rasuul (SAW) xarafa siraax dhaabbateeti Yaa rabbi ummata kiyya naaf baasi, Yaa rabbi ummata kiyya naaf baasi ja'a!
Nama hunda dura ummata isaatu siraax dabaree jannata seena.
Siraax Maal Fakkaata?
1. Jala isaa ibiddaatu jira..
2. Cuubeerra qara..
3. Shiggiree/haadduu rra qara..
4. Isa gubbaa hookkoo qaama namaa cirtuutu jira..
Anaa fi isiniis warra hanga libsuu ijaatti, akka hangaasuutti SIRAAX irra dabru RABBI nuhaa godhu..
Yaroo kana Aa'ishaan guyyaa qiyaamaa yaadattee booche!
Ergamaaniis (SAW) maaltu siboochisa ja'ee gaafate.
Isiiniis akkana jatteen yaa ergamaa rabbii! Guyyaa qiyaamaa yaadadheetiin boohe!
Guyyaa san FIRRI, FIRA isaa niyaadataa ?! Jattee gaafannaan rasuul (SAW) akkana ja'een..
Eee wal yaadatan.
Garuu iddoo 3tti namni tokko wal hin yaadatu.
1. Yaroo hojiin namaa madaalamtu.
2. Yaroo sartifikeetni namaaf hiramu.
3. Yaroo siraax gubbaa jiran..
Iddoo 3n tanatti namni tokko wal hin yaadatu! Kanaaf addunyaarratti kheeyrii haa carraaqannuu..
Risaalaa bareedduu tana sadaqaadhatti niyyadhuu SHARE godhi. T.me/Barruuf sababaa ati SHARE gooteef obbaleeysi kee tokko qaceeluutu waa hundarra siif caala Jzk. T.me/barruuf

Ziidaa abbaay kana tahuu qaba
12/09/2025

Ziidaa abbaay kana tahuu qaba

11/09/2025

Dr Muhammad Al - Arifiin akkana jedhu

Dubartiin takka guyyaa tokko natti bilbiltee "Yaa sheik! Ana sihiriin natti dalagamee jira. Namichi sihirii natti dalage immoo kakateetiin si hin fuudhu naan jedhe" jettee natti himatte.

Anis qorichi ni jiraati garuu obsuu dandeessaa? Jedheen. "Eeyyan nan obsa" naan jette.

"Maqaa Rabbiitti kakadhaa yoo qoricha seeraan fudhatte ni heerumta" jedheen. "Maal inni qorichi?" Jettee na gaafatte. Guyyaa hundaa irra deddeebi'aa

"Hasbiyallah Wani’imal Wakiil! " jedhi jedheen.

Wollaahi dubartiin tun ji'a tokko booda deebitee naaf bilbilte. "Yaa sheik! Gammachuu isinitti haa himuu na dhagahaa. Kaadhimaa bultii kootii argadheen jira.

Ciidhin kootis dhihoo kana godhama." Jechuun natti himte. "Akkamitti? " jedhee gaafadheen.

Zikrii "Hasbiyallaahu Wani’imal Wakiil!" Jettu irra deddeebi'ee jechuudhaaf hifadhee hin beeku naan jette. Subhaanallah!

Ergaan kun nama cinqaa keessa jiru hundaaf, nama dhiphateef, nama dhukkubsateef, nama miidhameef, nama haqa dhabee dararameef, nama deeyniin isa cinqiteef, akkasumas nama ilma argachuu dhabeef, nama gaddi isa xuqxe hundaaf kan taatuu dha.

Mee jedhaa👉Hasbiyallaahu Wani’imal Wakiil!"

Maxxansaa kankoo kana Rabbi qoftiin narraa jaalannaan anaaf gahaadha!

Barreeffama kana erga dubbistanii xumurtan boodaan waliif Share godhaa.

T.me/Barruuf 🎯 Juwar Mohamed

“Lagni Niil / Abbaayaa / Mormor Laggeen Jannataa Irraayyi” – Ergamaa Rabbii (SAW)Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:“La...
10/09/2025

“Lagni Niil / Abbaayaa / Mormor Laggeen Jannataa Irraayyi” – Ergamaa Rabbii (SAW)

Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

“Lagni Sayhuunaa, Jayhuunaa, Niil fi Furaat laggeen Jannataa irraa dhufan.”

Lagni Abbaayaa, ka’umsi isaa Itiyoophiyaa yoo ta’u, waggoota hedduuf biyyee fi albuudota isaa fudhatee Sudaanii fi Ijiptiif akkasumas biyyoota yaa’a garaa garaa jiraniif tajaajila guddaa kennaa ture.

Itiyoophiyaanis laga kana irraa utuu hin fayyadamin waggoota hedduuf turte. Haa ta’u malee, amma hidhichi xumuramee eebbaaf dhiyaateera. Hidhi kun ummata biyyattii hundaaf hiika addaa qaba; hardha ammoo jala-bultiin eebba hidha kanaa haala gaariin gaggeeffamaa jira.

Ummanni biyyattii kallattii hundaan milkaa’ina hidha kanaaf tattaaffii cimaa godhaa ture, dadhabaa hojjetan hundi baga gammaddan!

Wantoota haala walfakkaataa ta’aniifi iftoomina guddisuuf jecha, akkanas gochuu danda’a:
• Hadisni Ergamaa Rabbii (SAW) bakka sirrii ta’etti tarreeffameera.
• Odeeffannoo hidha laga Abbaayaa fi faayidaa isaa ibsuun ifa godhameera.
• Xumura irratti ergaa gammachuu fi kabaja ummataaf ta’e dabalameera.

T.me/Barruuf

Ummata Oromoo akkasumas ummata biyya keenyaa maraan, baga bacaqii gannaa baatanii booqaa birraa milkaa'ina Hidha Haaroms...
10/09/2025

Ummata Oromoo akkasumas ummata biyya keenyaa maraan, baga bacaqii gannaa baatanii booqaa birraa milkaa'ina Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaatiin simatametti ceetan yoon jedhu gammachuu guddaa waliini.

Mootummaan Jijjiiramaa Looreta Nagaa Addunyaa, Ministira Muummee keenya Abiyyi Ahimadiin (PhD) gaggeeffamu, waggoottan darban, cabiinsa garaagaraa sirnoota darbanirraa dhaalaman akkasumas, qormaatilee humnoota jijjiiramicha xobbeetti hambisuuf wixxinfataniin umaman keessaa ummataafi biyya keenya bayyanachiisuuf sochii addaa taasiseera. Gama birootiin olka'iinsafi kabaja maluuf goonfachiisuuf hojiilee milkaa'oo hedduu raawwateera.

Sochii lakkuun kun, gama misooma qonnaa, omishaalee al-ergii, Ashaaraa Magariisaa, misooma kooriidarii, turizimii, dijiitaalomsuufi bulchiinsafi goolabbii pirojektootatiin injifannoowwan gurguddoo nugoonfachiisera. Gama dippiloomaasitiin milkaa'inooa seena qabeessa hedduu galmeessisaa tureera.

Birraan baranaa, barii injifannoo guddicha bara keenyaa, bu'aa cichoominaa, ogummaa hoggansaafi irree tokkummaa ummata keenyaa kan ta'e, Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa (GERD), xumuruun abdiirraa gara ifa qabatamaatti itti ceene ta'uun, gammachuu keenya dachaa kan taasisudha. Pirojektiin kun, dheebuu walakkaa jaarraa tokkoo oliif biyyi keenya qabaachaa turte hawwiirraa gara humna ji'oopolitikaa qabatamaatti kan ceesisedha. Injifannoo olaanaa kanaaf, fuula hoggansa tarsiima'aa dhaloota kanaa kan ta'an, Looreta Nagaa Addunyaa Ministira Muummee keenya Abiyyi Ahimad (PhD), ummata Oromoo, ummata Itoophiyaa, hojjettoota hirmaataniifi qooda fudhattoota mara galateeffachuun barbaada.

Akka Naannoo Oromiyaattis, barri 2017 har'a gaggeessinu, bara injifannoowwan gurguddoo itti goonfanne, akkasumas bara murtoowwan seena qabeeyyii itti dabarsineedha. Isaan ijoo yookaafne, bara "mootummaa gandaa/araddaa", gama hundaan aangoome, wiirtuu xiyyeeffannoo hoggansaafi caasaa mootummaa sadarkaan jiranii ta'e gurmeessuun, murtee seena qabeessa itti dabarsineefi hojiirra itti oolchinedha. Gama birootiin, bara yaaliifi cichoomina hedduu booda, Waraana Bilisummaa Oromoo waliin waliigaltee NAGAA murtoo gootummaa gaafatu itti taasifnedha. Kanaanis, gama tokkoon gaaga'amaafi gadadoo ummata keenyarra gahu hirdhisuufi Oromoo gidduutti nageenyi akka bu'u karaa saaquu dandeenyerra. Akkasumas rakkoon keessoo Oromoo akka duudhaa sirna Gadaatti,
mariifi marabbaan akka furamu nagaaf harka diriirsuun kutannoo qabnu bara itti mirkaneessinedha.

Dabalataanis, barri kun bara inisheetivoonni gama hundaan eegalle itti babaldhatan, qulqullinaafi oomishtummaa mirkaneessutti ce'uun, caalmaatti bu'aa itti argamsiisan, haalli mijataa qusannaa, liqiifi invastimantii qoteefi horsiisee bulaa akkasumas intarpiraayizootaaf umame bu'aa abdachiisaa itti argamsiisefi haaromsi aadaa Oromoo itti labsame ture.

Walumaagalatti, bara galmoota gurguddoo Mootummaa Jijjiiramaa Naannoo keenyaa sadeen: dhaloota saayinsiifi teknoolojiin dorgomaa ta'e horachuu, dinagdee ummataa cimaa umuufi sirna cimaa ijaaruu - irratti bu'uura baldhaa itti keenyedha.

Haata'uu malee, injifannoowwan kunniin, guutummaa galmoota qabsoo Oromoo waliin walbiratti yoo madaalaman, deemsa qususaa kan caaluu miti. Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo keenyaa, dhugaa kana hubachuun, bara haaraa 2018'titti, ummata, hoggansaafi caasaa sadarkaan jiran daangadhaa hanga daangatti, akkasumas walhubannaa cimaafi miira haaromeen sochoosee, furguuga umuuf kan murteesse waan ta'eef, milkaa'ina isaatiif xiiqiifi anniisaa haaraa horachuun akka ofqopheessinu imaanaa jechuun barbaada.

Bu'uuruma kaanaan, mootummaan keenya, bara haaraa kana kan simatu, ciminoota bara darbee caalaatti cimsuufi hanqinoota turan maqsuun, hojiilee misoomaafi inisheetivootaa qulqullina, ariitiifi yeroo qabamanitti, qixa karoorfamaniin raawwachuuf qophii ta'eeti. Akkasumas, rakkoolee kenna tajaajilaa, hirmaachisummaafi murteessummaa hawaasaa, baadiyyaatti mootummaa gandaa hundeessun hundeerraa furuu jalqabe, bara kanas cimsee kan ittifufu ta'a. Dabalataanis, magaalotatti Wiirtuulee "Tajaajilaa Tokkoffaa" guyyaa har'aa eebbifamaa jiran hojii keessa galchuufi babaldhisuun, komii ummataafi gufuu misoomaa gama kanaan jiran hambisuuf sochii tarsiima'aa kan itti taasisudha. Gama birootiin, rakkoo nageenyaafi gaagga'ama ummata keenyaa ittisuu, darbees hambisuuf, garaagarummaa jiru marii nagaatiin furuuf, jalqabbii jiru cimsee kan ittifufu ta'a.

Bara haaraa kanatti, imala nageenya Oromiyaa waaraawaa taasisuuf eegalame milkeessuuf, murnoota hidhannoo bosonatti hafaniif, Mootummaan Naannoo Oromiyaa harka nagaaf diriirse kan hindachaafne ta'uu carraa kanaan mirkaneessaa, garaagarummaa jiru marii nagaatiin furree boqonnaa gadadoo ummata keenyaatti dhuma akka goonu maqaa kiyya, maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi maqaa ummata Oromootiin waamicha nagaafi marii dhiyeessun barbaada.

Dhumarrattis, mootummaan keenya bara haaraatti, nageenya naannoo keenyaa waaressuu, misoomafi inisheetivoota hojiirra jiraniifi haaraa qabaman ariifachiisuun, ce'uumsa hawaas-dinagdeefi siyaasaa eegalaman irree tokkoomeen kan finiinsu ta'uu ummata keenyaaf mirkaneessaa, irradeebiin baga bacaqii gannaa ofkoltanii, booqaa birraa argitan jechuun barbaada.

Oromia t.me/Barruuf ✍🏻

10/09/2025
Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa — Seensa Bara Haaraa!Har’a siidaa bu’aa tokkummaa, dandamannaafi cichoomina biyya k...
10/09/2025

Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa — Seensa Bara Haaraa!

Har’a siidaa bu’aa tokkummaa, dandamannaafi cichoomina biyya keenyaa kan ta’e, Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa (GERD) xumuruu yemmuu kabajnu, seensa bara haaraarra dhaabbachuu keenya mirkaneeffachaati. GERD humna elektirikii qofa osoo hintaane, hammatoo hawwii ummataa, birmadummaa biyyaafi dandeettii egeree keenya murteeffachuuti. GERD humna siidaa ‘tuffii’ diinni nurratti ijaare diigee, faajjii ‘Aduwaa lammeessoo’ dhaloota kanaa ta'uun addunyaa fuldura bara baraan jiraatudha.

Seenaa keessatti, hireen ji’oopolitikaa biyya keenya Itiyoophiyaa, hunda caalaa qaamolee bishaanii laman: Laga Abbayyaafi Galaana Diimaa — kan murtaa’e ture. Diinonni tarsiima’oo biyya keenyaa, jaarraawwan hedduuf Itiyoophiyaan qaamolee bishaanii murteessoo kunniinii akka hinfayyadamneefi hindhaqqabne dhiibbaa walirraa hincinne gochuun qoraa turaniiru.

Laga Abbayyaa yoofudhanne, tooftaalee waraana kallattiifi bakka bu’ummaa baandotaatiin gaggeeffamu dabalatee, biyyoota ollaan waldhabsiisuu, jeequmsa keessoo kakaasuufi hidhachiisuu, pirojektoota murteessoo akka GERD’f liqii ykn gargaarsa dhaabbilee faayinaansii akka hinarganne dammaqinaan socho’uun danqaa turaniiru. Dabalataanis, amantaa daheeffachuun, keessaa qoqqooduu, bishaan lagachiisuufi dhibaawummaa caasawaa gadi-dhaabuun, hawwii biyyi keenya argama ji’oo-Istiraateejiik kana fayyadamuuf qabdu danqaa turaniiru.

Diinota kanniin, biyya keenya laaffisanii Laga Abbayyaatti akka hinfayyadamne laguu qofti kan isaan quubse hinturre. Humna ji’oo-Istiraateejiik qaama bishaanii murteessoo keenya isa biraatiin tures nudhabsiisaniiru. Murnoota hidhannoo jeequmsaafi foxxoqqii hundeessuu, deeggaruufi biyya ‘walabaa’ umuun, Galaana Diimaa irraa nudalleessu danda’aniiru. Badiin caalu ammoo, murni ijoo paartii Itiyoophiyaa bulchaa turee, ulaa galaanaa shiraan dhabne ilaalchisee, gaabbii calaqqisiisuu cubbuu gochuun, kaayyoo diinota tarsiima’oo biyya keenyaa walalchaa turuu isaati.
*****

Diinonni tarsiima’oo biyya keenyaa, pirojektiin GERD ifoomuu hordofee, gama tokkoon deeggarsa murnoota jeequmsaatiif taasisan cimsuun ittifufaniiru. Gama kaaniin, dhiibbaa dippilomaasii idil-addunyaa walirraa hincinne umuun, yoodanda’ame ijaarsicha guutumatti gufachiisuu, ykn waliigaltee dirqisiisoo ittifayyadama GERD darbees mirga keenya gara fuulduraa bishaan irratti qabnu daangessuuf socho’uun xiyyeeffannoo biyya keenyaa bittinneessaa turaniiru.

Gama birootiin, rakkooleen keessoo hoggansaafi gahumsa dhaabbilee ijaarsa irratti hirmaataniin (qulqullina, saamicha, dhimmamuu dhabuufi kkf) walqabatanii akka umaman ta’an, pirojekticha fiixee kufaatii duubatti deebii hinqabnetti dhiibanii turan.

Haata’uutii cichoominni biyyi keenya qormaatilee ji’oo-istiraateejii kunniin keessatti agarsiifte, dhumarratti injifannoo goonfachiisera. Injifannoon duraa jijjiirama madaallii humna ji’oo-politikaa xumuramuu ijaarsa Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaatiin dhufedha. GERD caasaa nafoo (physical structure) hidha humna elektirikii Afrikaa isa guddicha qofaa miti; fayidaa dinagdeetiin olitti hiika jabaa kan qabuudha.

Bishaan Laga Abbayyaa too’achuun olaantummaa ji’oopolitikaa gama kanaan baroota seenaa hunda keessatti nurraa fudhatamee ture harka keenya kan galchedha. Shirawwan walxaxoo diinonni keenya nurratti umaniin marfamnee osoo jirruu, waan karoorsine milkeessuuf dandeettii, kutannoofi cichoomina olaanaa qabaachuu keenya kan ragaa bahedha. Gahumsa hoggansi keenya hudhaaleef furmaata kennuu akkasumas dhiibbaa jalatti raawwachuuf qabu kan itti mirkaneessineedha.

Pirojekticha, guutumaan guututti faayinaansi keenyan uwwisuun, kutannoo ummanni keenya hirkattummaa cabsuun, ofiin ofmisoomsuuf qabu kan mirkaneessedha. Tuffii diinonni keenya “hindanda’an; waliin hindhaabbatan” jechuun nuuf qabachaa turan kan cabsedha. Humna keessoo keenya yoosochoofne, raajii akkamii hojjechuu akka dandeenyu egereef barumsa guddaa kan irraa argannedha.

Hidhi Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa, abbaa biyyummaa keenya tiksuuf irree gamtoomen yemmuu dhaabannu, pirojektoota gurguddaa dantaa biyya keenyaa tajaajilan maddisiisuu, karoorsuu, raawwachuufi xumuruu, kanaanis seensa bara haaraa saaquu akka dandeenyu kan mirkaneessedha.
*****

Ji’oopolitikaa gama Laga Abbayyaatiin hawwaa turre akka goonfannu nudandeessisuu keessatti, qaamolee hedduun gahee bahataniiru. Caasaan nageenyaa keenya ibidda jeequmsaa qabsiifamaa ture lubbuu isaatiin dhaamsaa ture. Dippiloomaatonni idilee, mit-idileefi midiyaaleen keenya himannaa sobaa “Itoophiyaan bishaan nurraa murte” jechuun diinonni dhaabbileefi hawaasa idil-addunyaa fuulduratti maqaa pirojektichaatiin nurratti gaggeessaa turan saaxiluun, dhiibbaan ture sanarra akka hinhammaanne gargaaraniiru. Biyyoonni michuu sagalee qabaniin nucinaa dhaabbachuun himannaa diinotaa kufaa taasisaniiru.

Ummanni Itiyoophiyaa, rakkoolee keessoofi alaa kunniin fuuldura, yaadaafi gochaan tokkoomee dhaabbachuu akkasumas gumaacha maallaqaa walirraa hincinne taasisuun gahee bakka hinbu’amne bahateera. Hundaa’ol ammoo, hoggansi tarsiima’oo Ministira Muummee keenya, Looreetii Nagaa Addunyaa Abiyyi Ahimad (PhD) kennan, pirojektichi fiixee kufaatii gaherraa deebi’ee, akkasumas itti dhiyeenyaan hordofamee injifannoo guyyaa har’aa kana arguuf nudandeessiseera. Gahee gamtaan bahame kanaaf, maqaa kiyya, maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi maqaa ummata Oromootiin galata olaanaa dhiyeessuun barbaada.

*****
Biyyi keenya humna ji’oo-istiraateejii isa biraallee deebifachuuf karaa qabattee jirti. Muummichi Ministiraa keenya, dhimma qaqqabummaa galaanaa yeroo dheeraaf cubbifamee ture cabsuun, hooggantootafi lammilee keenya akkasumas hawaasa idil-addunyaa biratti marii haaromaa dammaqsaniiru. Inumaayyuu, ulaa galaanaa seeran ala dhabne deebsnee argachuu irratti, yeroo ammaa marii bira tarree, mallattoolee qabatamaa arguutti ceenee jirra.

Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa milkeessuu cinaatti, ulaa galaanaa argachuun, humna ji’oo-istiraateejii shira keessoofi alaatiin biyya keenya harkaa bahee ture kan deebisuudha. Kunis, galma biyya humna ji’oopolitikaa naannawichaa, dhiibbaa guddaa geessisuu dandeessufi badhaate ijaaruuf qabnu kan cimsudha. Akkuma GERD, dogoggorri gama kanaan umames, hoggansa murteessaa Ministira Muummee keenya, Looreetii Nagaa Addunyaa, Abiyyi Ahimad (PhD) kennaniin sirratee, galmichi yeroo dhiyootti akka milkaa’u shakkii tokko hinqabu.
*****

Ijaarsi kun qabeenya Itiyoophiyaa darbees biyyoota Baha Afrikaa qofa miti. Qabeenya dinagdeefi miti-kiliyaa Afrikaanota hundaati. Itiyoophiyaan waliin misoomuu malee eenyumaa addatti hubuu hinfeetu. Dilbii qabnu, hamilee horanne, olka’iinsa lammiilee biyya keenyaafi Afrikaanotaaf malu, akkasumas iddoo gahuu qabnuun walbiratti yemmuu ilaallu, milkaa’inni guyyaa har’aa kabajnu jalqabbii qofa ta’uu ibsuun barbaada.

Dhumarrattis, qooda fudhattoota injifannoo seena qabeessa kanaa hunda irradeebiin galateeffachaa, lammiileefi michuuwwan misooma biyya keenyaa hundaan baga gammaddan! Baga gammanne! jechuun barbaada.

Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa — Seensa Bara Haaraa!

Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa — Seensa Bara Haaraa! T.me/barruuf

Address

Horn Of Africa
Kampala

Website

http://T.me/KoketiMedia

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when KOM posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category