Oromo News Media

Oromo News Media Oromo community media center

ROOBE:"An kanin siif barreessaa jiru madda walaabuu yunivarsiitii damee shashamannee irraahi. Mooraa tana keessatti rakk...
05/28/2026

ROOBE:
"An kanin siif barreessaa jiru madda walaabuu yunivarsiitii damee shashamannee irraahi. Mooraa tana keessatti rakkoo bishaanitiin erga miidhamnee torbee takkaaf deemna. Akkuma suuraa irratti argitu bishaan makiinadhaan nutti waraabanii akka duune akka jiraanne nu godhaa jiran. Akkasuma yeroon tun caamsadha waan ta'eef ho'aan xuriin nu fixxee jirti waan garaa si nyaatu ayyaana muslimoota kanaaf joolleen laga dhayxee uffata michachaa jirti .Dhaabbanni mootummaa sadarkaa federaalatti waamamu kun sadarkaa tanarraa gahuun waan nama dinqisiisuudha. Kana qofaa miti mooraa tana keessatti akka nama mana hidhaa jirutti tukaaniin waxalamaa jirra. Danta dhabummaadha malee tukaan kana keemikaalaan dhabamsiisun ni dandada'an . Kanaafuu jawwee keenya akka qaama dhimmi kun ilaallatu maddiin nuu geessu kabajaan si gaafanna. Nagayaan nuuf jiraadhu"

Address

Atlanta, GA

Telephone

+17202615946

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromo News Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share