
06/07/2025
Finxaaleyyiin Faannoo kaayyoon isaanii guddaan Mootummaa Oromoo hogganamu balleessuudhaan, mootummaa nama isaaniin gaggeeffamu gadi dhaabuu barbaadu. Akka ragaatti miidiyaalee fi walgahii isaanii irraa akkasumallee hoggantoota isaanii irraa kaasee hanga aktiivistootaatti, diina isaanii guddaan OROMUMMAA dha. Akkamiin jara kana waliin Dhaabbannee dhagaa ilma Abbaa Gadaa irratti darbanna? Duunee bannaa malee dhagaa itti hin harruu!!
Haa ta’u malee yeroo ammaa hoggantoonni siyaasaa Oromoo muraasnii diina uummata keenya waliin hariiroo uumuun, mootummaa namni Oromoo hogganu jigsuuf halkanii fi guyyaa hojjechaa jiru. Kana caalaa waan garaa nu gubu hin jiru, hin jiraatuus. Mootummaan addunyaa kana irra jiru hundi rakkoo mataa isa qaba akkasumallee mootummaa Itiyoophiyaa hanqina qabaachuu mala, garuu diina waliin hiriiruun furmaata Oromoofiis tahee kan biyyaattiis hin tahuu. Guys, drop the ego and get back to yourselves.
Gareen shorarkeessaa “Faannoo” jedhamuun of waamu, sirna Minilik uummata keenya irra deebisuuf halkaniifi guyyaa waan danda’u hundaan yaalaa jira. Jarana akkamiin osoo ilmi Abbaa Gadaa kiiloo afur keessa jiru Zammaanee kaasee waliin ta’uun mootummaa Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmed gaggeeffamu jigsuuf yaalla? gonkumaa hin yaalluu.
Oromoon karaa kamiinuu tokkummaan gurmaa’ee finxaaleyyii Amhaaraa kana balleessuu qaba. Akka lammata yaaddoo Oromoo fi Oromiyaa hin taaneetti.
Abiy Ahmed Ali will continue to lead for another 35 years!!! Liqimsi!!!