Bokku Oro Media-BOM

Bokku Oro Media-BOM BOM is an independent and nonprofit corporation based in USA,it’s focused on politics, culture, Ed

Hoogantoota PP keessaa dubartiin gowwoomsaan uummata saamaa fi saamsisaa turan keessaa isheen kun tokko. Mee waan ta’e k...
11/27/2025

Hoogantoota PP keessaa dubartiin gowwoomsaan uummata saamaa fi saamsisaa turan keessaa isheen kun tokko. Mee waan ta’e kana dubbisaa.

Waggaa lama dura, dhaabbanni AimUltra jedhamu tajaajila isaa karaa namoota beekamoo TikTok irratti fi miidiyaalee akka EBS fi Kana irratti beeksisuun jalqabe. Beeksisni sunis namoota beeksisaa beekamoo akka Mulualem Taddese of keessaa qaba ture, akkasumas dhaabbatichi akka carraa hojii biyya alaatti, keessumaa gara Romaniyaa, kennuuf danda’uun of beeksise.

Namoonni sagantaa kanaaf galmaa’an akka jedhanitti, namoonni 500 ol ta’an galmaa’anii jiru. Kunis sababa beeksisni miidiyaalee amanamoo irratti darbeefi, akkasumas abbaa dhaabbatichaa Betlehem Taddese akka daldalaa beekamaa fi gibira guddaa kaffaltuuti beekkamu ture.

Namoonni miidhaman akka himanitti, erga hojiiwwan barbaachisoo raawwatan booda fi qarshii ETB 50,000 hanga ETB 600,000tti kaffalanii booda, dhaabbatichi ofiisii isaa cufee dhokate.

Yeroo sanaa kaasee, namoonni miidhaman karaa seeraa mara fayyadamuuf yaalaa turan — poolisii federaalaa fi ministira haqaa bira deemuun himannaa dhiyeessaniiru. Garuu waggaa lama booda illee furmaanni dhugaa tokko hin kennamne jedhanii himatu.

Miidhaan irra ga’e baay’ee cimaa ture. Namoonni tokko tokko qabeenya isaanii dhabanii gidirfamaniiru, kaan immoo rakkoo yaaddoo irraa kan ka’e lubbuu isaanii dhaban jedhameera. Dubartoonni hedduun hojii salphaa fi sodaachisaa ta’an, akka fakkeenyaatti tajaajila mana dhugaatii, hojjechaa jiru. Hedduun isaanii ni mufatan, ni gaddu, akkasumas haala sammuu cimaa keessa jiru. Namoonni hedduun ammas haqaa barbaacha jiru.

11/26/2025
11/21/2025

Maal jechuudha jedha dur. Barattoonni bajaata mataa isaaniin waggaa sadii erga baratani waggaa tokkoof guutumma biyyatti keessatti ramadamanii baajata ofii isaaniin uummata tajaajilu jechuun maal jechuudha. Jarraa 21 keessa baratootni baratani biyya isaaniif ba’aa akkaa ta’an gochuu irraa imaammata dullooma kan baratoota joonjessuun maaf barbaachise? Bari bara Digitalaati gara fuul-duraatti yaada malee udu duuba hin yaadiinaa. Dhalootas waan hin taane hin barsisiinaa.

Degertoonni Manchee jirtu?Biriiyaan Mbeemoo taphataa cimaa ji'a Onkololeessaa ta'ee filatame***********************Tapha...
11/07/2025

Degertoonni Manchee jirtu?

Biriiyaan Mbeemoo taphataa cimaa ji'a Onkololeessaa ta'ee filatame
***********************

Taphataan sarara fuulduraa Maanchister Yuunaayitid Biriiyaan Mbeemoo taphataa cimaa Piriimiyer Liigii Ingilaand ji'a Onkololeessaa ta'ee filatame.

Mbeemoon ji'a Onkololeessaa kana keessa goolii sadii kan galche yoo ta’u, kilabichis otoo oliif gadi hinraafamiin gahumsa isaa cimsee akka itti fufu qooda isaa gumaacheera.

Taphataan sarara fuulduraa lammii Kaameeruun kun goolii galchuu qofa otoo hin taane, gooliin biraa tokkos akka galu mijeessee kenneera.

Leenjisaa Ruubin Amooriimis, ji’a Onkololeessaa kana keessa yeroo jalqabaatiif walitti aansee taphoota Piriimiyer Liigichaa sadi moo’ateera.

Taphaa guyyaa boorii Manchester United, Tottenham waliin qabu ni mo’atamoo, ni mo’ama?

Deebi keessan comment section jalatti nuuf katabaa.

11/07/2025
11/07/2025

Dhimma Abiy, Ertiraa fi TPL irraati haasawa Itaanaafi Milkeessan godhan kana mee caqasaa.

Taphataan kubbaa miila beekamaa   xiyyaara dhuunfa isaa doolaara America million 73 n bitaate jedhama. Yeroo gara qarshi...
11/07/2025

Taphataan kubbaa miila beekamaa xiyyaara dhuunfa isaa doolaara America million 73 n bitaate jedhama. Yeroo gara qarshii Ethiopiati jijjiiramu immoo gara billion 1.4 ta’a.

Waanin dhimma nama dhuunfaa beekamaa kana kaaseef addunyaan kun garamitti akka deemaa jirtutuu baay’e rakkisaadha. Namnis ta’ee waanti dachee kana irra jiru dabarfamee harka warra qabeenyaa qabna jedhamaniitti kennamuun waan yeroo muraasa fudhatu natti hin fakkaatu. Kun immoo, isa qabuu fi qabaataan jiraachuu malee namummaan akka dagatamuu fi baay’ini nama har’aa kun xiqqeefamee akka warri qabeenyaa qaban kun jedhanii fi fedhanitti kan adunyaan kun buluuf deemtuu jechuudha.

Kanaafuu, “kan jabaatetuu lama bula jedha oromoon” waan ta’eef jabaattanii yoo hijjettan ofis, biyyas jijjiiruun ni danda’ama waan ta’eef jabaadha hojedhaan isiniin jedha.

Bakka nagaa oolaa!

Dhimmi   dhimma oromoo cufaati kan jedhan danuudha, kaan immoo lakkii   amantaadha malee aadaa mitii kan jedhanis heeddu...
09/08/2025

Dhimmi dhimma oromoo cufaati kan jedhan danuudha, kaan immoo lakkii amantaadha malee aadaa mitii kan jedhanis heedduudha. Egaa maarree waanta akkaan akkas wal falmiisiisaa baroota baay’eef ture kanaaf deebiin xiqqoo karaa waldaa wal gargaarssa maccaa fi Tuulaamaan futuluq jettee as ba’uun ishee akkaan dansaadha.

Ammallee qaamonni dhimmi kun isin ilaallatu gad ba’aati ta’uu isaa bal’inaan nuuf qooda ofumaa dhaloota hin burjaajjessiinaati. Oromoon saba bal’aa amantii heeddu of keessa qabudha, , amantiidha taannaan Obbooloota keenya amantaa kana hordofaniif amantii isaani ni kabajnaaf, garuu immoo waan amantii ta’e kana aadaa dha jettanii dhaloonni muka qabataa akka dhaban gochuun Aad-maleedha.

galatooma jechaa ammaayyuu ibsa bal’aa barbaanna qaamota dhimmi isaa ilaallatu biraan jedha.
Irraati.

Waanta jarri   Foundation geggeessa jirtan hojettan gaarii mit, garuu uummata oromoo haqa isaa haqaaqee jalloota harkaa ...
07/05/2025

Waanta jarri Foundation geggeessa jirtan hojettan gaarii mit, garuu uummata oromoo haqa isaa haqaaqee jalloota harkaa baafatu waan jiruuf malee nama gumaa, nama harki dhiigaa badhaasuun keessanu yakka ture.

Ammas Foundation Kana itti fufsiisuuf bakka itti haqni, wal qixxummaanii fi aantummaan uummataa itti mul’atu ta’uu qaba. Ummata dhaggeeffattanii badhaasa keessan irraa mulquun keessanuu waan takko. Uummanni, dhugaa arga, dhugaa hubata, dhugaas dubbata, kanaaf yoo uummataaf hojjettu taatan fedha uummatichaa hubadhaa, beekaa, dhaggeeffadhaan isiniin jedha.

Oromo, jarri armaan gaditti profile isaanii argitan kunii fi gareen isaanii akkuma isin hundinuu beektan yeroo haati man...
07/04/2025

Oromo, jarri armaan gaditti profile isaanii argitan kunii fi gareen isaanii akkuma isin hundinuu beektan yeroo haati manaa Andualem duute sana sagalee ta’uufii mitii ajandaa biraa fidanii social media kana irraatti akka haqni ishee hin mul’aneef gochaa turan. Garuu har’a immoo FB kana gubbaadhaa jechaa kan jiran jaruma kanaa fi gareewwan isaaniiti.

Kun maal agarsiisaa? Jarri kun sansakkaa namummaa(humanity) isa jedhamu akka hin qabne, kan garaan isaanii waaqa isaaniif ta’e, haqaaf jiraatanii, haqa dubbatanii, haqaaf gatii kaffalamu kaffalanii jiraachuu irraa warra faayidaa fi dantaaf kurkuran ta’uu isaani nama agarsiisa.

Akkan yaadutti,Amma akkuma argaa jirtan haqa obboleetti keenyaa kan gaaffachuuf as ba’aniif;

1. Gurbaa(Anduwalem) akkuma jedhamaa jiru miliksaniiru waan ta’eefi. Qaataar ga’eera kan jedhamu gungumamaa akka jiru gariin keessan quba qabdu jedheen yaada.

2. Gochaa jarri warri awward godhan waan badaadha waan ta’eef sana jalaa dhiksuufi. Silaa waanti maqaa Hacaaluu Hundeessaan dhaabbate tokkoo dhugaa Hacaaluun dhabe sana dhaloota dhabsiisuu hin qabu ture. Yakkamaan namni lubbuu dhala nama ajjeesse tokko bilisummaa argatee waa’ema isaa haasa’uun isaaniituu yakka.

Namni Horii nama ajjeesse tokkoyyuu hanga abbaa horii sana waliin araaramee nagaa buusutti bir’ataa jiraata. Jarri warri hacaaluu hundeessa award garuu dhiiga irra dhaabbatanii dhiiga nama qulqulluu akka dhangalaasisaa jiranitti ilaalamuu qabu. Kana dhoksuuf wixisaa jiru.

3. Erga Hacaalu award irratti maqaan nama yakkamaa Anduwalem Gosa jedhumu kun waamamee, darara(torture) inni isheeratti raawwachaa turee Photon Qananii maxanfamuu jalqabnaan kan qabanii fi dhiisan wallaalaniituu amma maxansuutti ka’an.

Anaan kan dhibaa turee, jarri Award kun mee, akka gurbaa lubbu ajjeessaa Anduwalem Gosa jedhamu kana moosisan waan itti himaniifi mitii kan inni yaadannoo Hadha warrakoof haa ta’u jedhee dhaammateef. Utuu akka injifatu hin beeknee akkamiin akkas haa ta’u jedha?

Maraafuu, waaqni abbaa firdii haqaa, haqa hin balleessiin!

02/14/2025
Waanti bara mootummaa fascist Abiyi Ali Uummata Oromoo irratti raawwate, erga Impayeri Ethiopia jedhamtu kun hundoofte i...
01/17/2025

Waanti bara mootummaa fascist Abiyi Ali Uummata Oromoo irratti raawwate, erga Impayeri Ethiopia jedhamtu kun hundoofte iyyuu ta’ee hin beeku. Ija haadhaa fi Abbaa duratti yeroo mucaa daa’ima kana radaasaan akka bineensaatti gubdu maal sammuumti kee si hojechaa hin jiruu? dachee lafa dhiigaa.

Address

Cincinnati, OH

Telephone

+15138016247

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bokku Oro Media-BOM posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Bokku Oro Media-BOM:

Share