09/26/2024
HAASAWWAA FI WAANTA IRRAA BARANNU
SEENAA TUTA RAACHAA👇👇
Tutni raachaa tokko baay’atanii bosona keessa adeemu turan. Otuma adeemanii, isaan keessaa raachi lama boolla gadi fagoo tokko keessatti kufani. Isaanis achi keessa bahuuf yaaluu egalan. Warreen boolla xiyyootti hafan garuu akka isaan achi keessaa
bahuu hin dandeenyee fi keessa bahuuf yaaluun akka hin barbaachifne itti himan. Otuma itti iyyani haamilee buusanii isaan garuu bahuuf yaalii gochuu ittuma fufan. Booda irra isheen tokko isa warreen boolla irraa ittiin jedhaniin dhageesse abdii kuttee of
gadi dhiiftee keessatti deebitee kuftee duute. Isheen tokko garuu ittuma fuftee yaalte. Warreen irra keessa jiranis ittuma wacanii haamilee buusu ittuma fufan. Raachittiin garuu ittuma cimtee utaalte utaalte, dhuma irratti achi keessaa baate. Yeroo raachi sun achi keessaa batuu, tutni sun akkas jedhan “nuttille dandessee hin baatu jenne ture,” jedhaniin. Raachi sun garuu duudaa turte; yeroo
isaan akka hin dandeenye itti iyyan, waan isaan akka bahuuf jajjabeessa jiran itti fakkaatee, hamileetin yaaltee milkoofte.
⚠️HUBADHU!
👉 Qaawwa ta’ee kan nurraa mul’atu tarii daandii
furtuun jireenya keenya ittiin banamudha ta’a.
👉 Dubbiin afaan keeti bahu, ajjeesuus fayyisuus
waan danda’uuf of eeggachaa dubbadhu.
👉 Oduu namaa dhageessee haamilee of hin
buusiin; Jabinni kee oduu namootaa caalaa
cimaa haa ta’u.